42
Tajaajilaa Mootii Waan Maraa
Mootiin Waan Maraa, «Tajaajilaan kiyya
ka ani ol qabee fi ka ani filadhe,
ka ani itti gammadu kana.
Ani ayyaana kiyyaan isa hin guuta;
inni gosa biyya adda addaatiif haqa hin fida.
Inni hin iyyu yookiin qoonqoo ifii ol hin qabatu;
qoonqoo ifiille karaa irratti hin dhageessisu.
Inni shonbooqqoo dhodhootelle hin cassu;
ifa dhaamiisa geyelle hin dhaanfu;
inni addatamumma'aan haqa hin fida.
Inni haqa biyya lafaa irratti
haga fidutti,
hin dadhabu, addiille hin kutatu.
Worri oddoola keessa le'u
seera isaa addii godhatan» jedhe.
 
Mootiin Waan Maraa
Waaqi ol-gubbaa dadee diriirse,
biyya lafaatii fi
waan isii keessa jiru mara ka dade,
lafa tana irratti namootaaf hafuura ka kenne,
worra lafa irra le'u maraafille jiruu ka kenne,
«Ani Mootiin Waan Maraa
balchumma'aan si waameera;
ani harka si qabee, si eega;
kolba'aaf gondooroo,
gosa biyya adda addaatiif
ifa akka teetu si godheera.
Ila worra balla'aa akka bantu,
worra hidhame akka hiittu,
worra dukkana mana hidha'aa keessa jirulle
akka baattu si godha.
 
«Ani Mootii Waan Maraa ti;
maqaan kiyya isuma kana;
ani ulfinna kiyya waaqota dhibi'iif,
leellisa kiyyalle waaqota dharaatiif hin kennu.
Kunoo, wonni dur dubbatante muummotteerti;
ani waan haareya isinitti dubbadha;
adoo isiin hin te'in isinitti beessisa» jedhe.
Faaruu Leellisaa
10 Isin worri abbaayaa irra ideentanu,
isin dadi achi keessa leetanu marti,
isin worri oddoola keessaa
ka achi leetanu marti,
faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;
haga qaccee lafaatille'etti isa leellifadha'a.
11 Goomole'ee fi qachooti achi keessa jiranu,
qoonqoo ifii ol qabatanuu ti;
worri Qedaar keessa le'u,
isa leellisanuu ti;
Worri qachaa Selaa keessa le'u
gammadaan faarsuu ti;
worri gaara gubba'aalle ilillisuu ti.
12 Isaan Mootii Waan Maraatiif
ulfinna kennanuu ti;
leellisa isaalle
worra oddoola keessaatitti lallabanuu ti.
13 Mootiin Waan Maraa
akka nama hunnaamessaa hin duula;
akka nama gootaa hinaaffaan isaa
isa keessaa hin kakkaati;
inni qoonqoo guddo'oon geerarsa lolaa hin geerara;
diinota ifiille hin injifata.
14 Mootiin Waan Maraa,
«Ani yennaa hedduu cadhisee,
sarmee, ifi qabadhe;
amma ammoo akka dubartii ciniinsifattuu
hin iyya, ittanaa, hin hargana.
15 Ani koobotaa fi gaarota hin onsa;
waan isaan irratti late mara hin gossa.
Laga oddoola hin godha;
baleessalle hin gossa.
 
16 «Worra ballaa karaa isaan hin beenne irra,
daandii dur isaan deemanee hin beenne irra,
ani isaan hin sooressa;
ani isaan duratti dukkana ifa hin godha;
daandii kattattaalle wol hin qixxeessa.
Ani tana isaaniif hin godha;
isaan hin lakkisu.
17 Worri waaqota dharaatitti addattu,
ka fakki'iin, ‹Isin waaqota keenna› jedhu,
deebi'anee hin qaanowan.
Israa'el Mootii Waan Maraa Caqasuu Didde
18 «Isin worri duudaan dhage'a'a!
Isin worri ballaan ilaala'aa, dhagga'a!
19 Tajaajilaa kiyya malee, ballaan eennu?
Ergamaa ani erge malee,
duudaan eennu?
Ka akka nama ifi naaf kennee,
yookiin ka akka tajaajilaa kiyyaa ballaan eennu?
20 Ee Israa'el, isin waan hedduu dhaggitaneertan;
ammoo hin qalbeeffanne;
gurri keessan bana'a;
ammoo waan tokkolle hin dhageettanu» jedhe.
21 Mootiin Waan Maraa balchummaa ifiitiif jedhee,
seera ifii gudda'aa fi
ka ulfinna qabu godhiisa jaalate.
22 Kolbaan tun ammoo, saamantee booji'anteerti;
isaan marti boolla keessatti qabamanee,
manni hidha'aa isaanitti cufameera;
isaan saamamaneeran;
nami isaan baasu hin jiru;
isaan booji'amaneeran;
ka, «Isaan deebisa'a!» jedhu hin jiru.
23 Isin keessaa tana ka caqasu eennu?
Waan dhufu'uu jirulle eentu dhage'ee, qalbeeffata?
24 Yaaqoob worra saamutti dabarsee ka kenne eennu?
Israa'el worra booji'utti dabarsee ka kenne eennu?
Mootii Waan Maraa ka nuuti fuula isaa duratti
cubbuu hunye sanii motii ree?
Nuuti karaa isaa hin hordonne;
seera isaatiifille hin ajajanne.
25 Tanaaf inni aarii ifii ta bobeettuu fi
woraana hamaa nutti fide.
Inni bobe'a ibiddaatiin nu marse;
nuuti ammoo hin hubanne;
bobe'i ibiddaa nu gube;
nuuti ammoo hin qalbeeffanne.