44
Mootiin Waan Maraa Waaqi Isa Qofa
1 Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob,
Israa'elii ani filadhe,
na dhage'i» jedha.
2 Ka si dade,
gadaamessa haadha teetii keessatti
ka si huje, ka si qarqaaru,
Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob,
Yeshuuruunii ani filadhe, hin sodaatin.
3 «Ani lafa dheebisaa irratti bisaan baasee,
lafa godduu irralle lagi akka lola'u hin godha;
Ani sanyii teeti irratti Ayyaana kiyya,
ijoollee ijoollee teeti irralle'etti
eebba kiyya hin dhangalaasa.
4 Isaan akka marra bisilee diida keessaa
akka muka irga lagaa yennaa mara hin bisilan.
5 «Kolbaan tokko tokkoon, yaatee dhuttee,
nami tokko, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› hin jedha.
Kuun, maqaa Yaaqoobiitiin ifi hin waama;
ka dhibiin, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› jedhee,
harka ifii irratti hin barreeffata;
maqaa Israa'eliitiin ifi hin waama» jedha.
6 Mootiin Waan Maraa mootichi Israa'elii
ka Israa'el wode,
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,
«Ka duraatii fi ka duubaalle ana;
ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.
7 Ka akka kiyyaa eennu?
Yoo jiraate dubbatuu ti.
Inni haga ani dur namoota dadeen jalqabee,
waan te'e, waan dhufu'uu jirulle na duratti himuu ti.
8 Hin sodaatina'a; hin nayina'a!
Ani tana isinitti hin hinnee ree?
Durseelle isinitti hin beessinnee ree?
Isin dhugaa baatota tiyya.
Ana malee Waaqi dhibiin jiraa ree?
Ana malee rassaan dhibiin hin jiru;
ani eennulle hin beeku» jedha.
Waaqoti Dharaa Bu'aa Hin Qabanu
9 Worri waaqota dharaa hujanu marti womaayyuu moti; wonni isaan itti gammadanu sunille bu'aa hin qaddu. Worri isaaniif dhugaa bayu balla'a; beekkumsa hin qabanu; hin qaanowanille'e. 10 Eentu waaqa bocatee, waaqa dharaa ka isaaf wo hin baane baqisiifatee hujata ree? 11 Kunoo, worri isaan waaqonfatu marti hin qaanowa. Worri waaqota dharaa san huju namuma; isaan marti wolitti qabamanee, fuula kiyya dura dhaabbatanuu ti. Isaan nayanee, hin qaanowan.
12 Nami sibiila tumu, qarapha'aan qabee, kashila cile'ee keessa keyee, irree ifii jaddu'uun burrisaan tumee waaqa dharaa bifa itti godha. Inni yennaa waan kana huju hin beelowa, hin dheebota, hin dadhaba.
13 Nami muka bocu muka wodaro'oon mikee, fakkii namaa cile'een irratti kaasee, ura'aan qiriixa; fakkeenna namaatiin seesee hujee mana ifii keessa keyata. 14 Inni tana godhiisaaf muka hindheensaa hin mura; birbirsaa fi muka qilxa'aa filee, mukoota gongomaa keessaa woliin akka guddatanu hin lakkisa yookiin hindheensa dhaabee bokkeenni guddisa. 15 Muki sun qoraaniif te'a; gamisa muka sanii bobeessee hin qanqaammata; gamisa bobeessee, daabboo itti bilcheeffata; gamisa ammoo waaqa bocatee, hin waaqonfata; kaan waaqa dharaa bocee itti sagada. 16 Inni qoraan gamisa ibiddatti naqee, bobeessee sagalee itti bilcheeffata; foon itti woddatee, haga quufutti hin nyaata. Ibidda qanqaammatee, «Hashuu! Ibidda dhaggadhee, O'ifadhe!» hin jedha. 17 Muka hafe irraa, waaqota dharaa hujee itti hin sagada; hin waaqonfatalle'e; gara isaa daadimataa, «Ati waaqa kiyya, na fayyisi» jedha.
18 Namooti akkasii waan tokkolle hin beekanu; waan tokkolle hin hubatanu; akka isaan hin dhaggine, ilti isaanii qabanteerti; akka hin hubanne, qalbiin isaanii duuddeerti. 19 Marroo waan kanaa nami itti yaade hin jiru; nami tokkolle beekkumsaa fi hubantii qabaatee, «Ani gamisa muka sanii bobeessee, kashila isaa irratti daabboo bilcheeffadhee, foon itti woddadhee nyaadheera. Muka hafeen waan battii hujaa ree? Turqumaa sanitti sagadaa ree?» ka jedhu hin jiru.
20 Nami waan daadhaa te'utti addatu, nama qalbiin isaa dokonkortuun dokonkorsite; inni ifi fayyisuu hin dande'u; yookiin, «Wonni harka middicha kiyya irraa kun, waan dharaatii motii?» hin jedhu.
Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'elii Hin Woda
21 Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ee Israa'el, ati tajaajilaa kiyya waan teeteef, waan kana qaabadhu;
ani si dadeera; ati tajaajilaa kiyya;
ee Israa'el ani si hin dedhu.
22 Ani yakkaa teeti akka duumensaa,
cubbuu teetille akka hurrii ganamaa haxowee balleesseera;
ani waan si wodeef, gara kiyya deebi'i» jedha.
23 Ee ol-gubba'a, Mootiin Waan Maraa tana waan godheef,
gammadaan faarsa'a;
ee qilee lafaa, ilillisa'a.
Gaaroti, badda'aa fi muki achi keessa jirtanu marti
Mootiin Waan Maraa Yaaqoob wodee,
Israa'el keessatti ulfinna ifii waan mudhiseef,
faaruu dayyaasa'a.
24 Ka si wode,
gadaamessa haadha teetii keessatti
ka si huje,
Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa,
waan mara dadee,
ol-gubbaa qofuma tiyya diriirsee,
biyya lafaa tanalle badhise,
25 ka beessisa raagota dharaatii fi
worra moru gatii dhassiisee,
qarummaa qaroole'ee garagalchee,
beekkumsa isaaniille gowwumma'atti ka deebisu,
26 waan tajaajiltooti tiyya dubbattee fi
raaga ergantoota tiyyaalle ka muummessu,
Yerusaalemille'een, ‹Kolbaan deebitee si keessa hin leeti›,
qachoota Yihuda'aatille'een,
‹Deebitanee hin ijaaratan;
bututa keessanille hin haaressa› ka jedhu,
27 abbaaya'aan, ‹Gogi;
laga si keessaa hin gosa› ka jedhu,
28 Qiirosiin,
‹Inni tissee kolbaa tiyyaa ti;
inni fedha kiyya mara hin muummessa› ka jedhu,
Yerusaalemiin, ‹Deebitee ijaarantuu ti› ka jedhu,
Galma Waaqaatille'een,
‹Hundeen isaa keyantuu ti› ka jedhu ana» jedha.