45
Mootiin Waan Maraa Qiiros Mootii Godhe
Mootiin Waan Maraa ka harka isaa middicha qabee,
gosa biyya adda addaa akka inni harka ifii jala galfatuuf,
mootota irraa meya woraanaa akka inni hiikuuf,
karri qacha'aa akka isatti hin cufanneef,
cufanaan isa duraa akka banamuuf,
Qiirosii akka mootii te'u muudeen,
«Ani siin dura hin deema;
gaarota dirree hin godha.
Karra qacha'aa ta sageettuu irraa hujante hin caccassa;
danqaraa sibiilaalle hin mura.
Ka maqaa keetiin si waame,
ana Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii
akka te'e akka ati beettuuf,
ani qabeenna dukkana keessa jiruu fi
durummaa addee dhossa'aatitti kuufante si'iif hin kenna.
Ati na beekuu dhaddulle,
marroo tajaajilaa kiyyaa Yaaqoobii,
Israa'elii filadheef jedhee,
maqaa keetiin si waamee
maqaa ulfinnaa
si'iif kenneera.
Ani Mootii Waan Maraa ti;
ana malee ka dhibiin hin jiru.
Waaqi na qofa;
ati na beekuu dhaddulle,
ani si hin jabeessa.
Namooti karaa aduun baatuu
haga karaa aduun seentuu
Mootiin Waan Maraa na qofa akka te'e,
ana malee ka dhibiin akka hin jirre
akka beekanuuf,
ani tana godhe.
Ani ifaa fi dukkana dade;
ani nageya hin buusa;
balaalle hin buusa;
ani Mootiin Waan Maraa tana mara godha.
Ee ol-gubba'a, gubbaa irraa balchummaa gad roobi;
duumensille balchummaa gad roobuu ti;
latti banantee, fayyinni latuu ti;
balchummaalle isa woliin guddattuu ti.
Ani Mootiin Waan Maraa tana mara dade» jedha.
Nama ka isa Dade woliin moromuuf aanne'e!
Inni akka faaraa
harka nama faara dhowu keessa jiruu ti;
faarri nama isa dhowuun,
«Ati maan hujaarta?» hin jedhaa ree?
Wonni inni dhowu sunille,
«Ati harka hin qaddu» hin jedhaa ree?
10 Mucaa abbaa ifiitiin,
«Ati maaf na uumatte?»,
Haadha ifiitille'een,
«Ati maaf na deette?» jedhuuf aanne'e!
11 Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa'elii ka isii dade,
«Marroo waan te'uu jiruu,
marroo ijoollee tiyyaa na gaafattanii ree?
Marroo hujii harka kiyyaalle
na ajajjanii ree?
12 Lafa dadee, namootalle isii irratti ka dade ana;
ol-gubbaa harka kiyyaan diriirsee,
urjoota ol-gubba'aalle ka ajaje anuma.
13 Ani balchumma'aan Qiiros kaaseera;
karaa isaa duudiille qajeelcheera.
Inni qachaa kiyya deebisee hin ijaara;
worra na duraa booji'ame
gatii malee yookiin kaffaltii malee
bilisa hin baasa» jedha
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
14 Mootiin Waan Maraa,
«Karri worra Gibxi'ii,
bu'aan daldala worra Itoophiya'aalle*Itoophiyaa: Afaan Ibrootaatiin Kuushi jedha. si'iif hin te'a;
worri Saaba'aa dhedheeraan gara keeti dhufanee,
keeti hin te'an;
wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, si gula hin deeman;
si duratti sagadaa, ‹Dhugumaan Waaqi si woliin jira;
isa malee Waaqi dhibiin hin jiru› jedhaa
si daadimatan» jedhe.
15 Ee Waaqa, fayyisaa Israa'elii,
ati dhugumaan Waaqa ifi dhossitu.
16 Worri waaqota dharaa hujatu marti
hin qaanowan; hin salphatan;
isaan marti wolumatti hin salphatan.
17 Mootiin Waan Maraa ammoo,
fayyinna bara baraatiin Israa'el hin fayyisa;
ee Israa'el, ati haga bara baraa hin qaanottu;
hin salphattulle'e.
18 Ka ol-gubbaa dade, inni Mootii Waan Maraa ti;
Inni lafa bifa itti godhee, jabeessee yennaa dhaabe,
akka irra le'anuuf malee, ona akka teetuuf hin danne.
Inni, «Ani Mootii Waan Maraa ti;
ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.
19 Ani lafa dukkanaa keessaa, dhossa'aan hin dubbanne.
Ani sanyii Yaaqoobiitiin,
‹Akkasumaan na barbaada'a› hin jenne;
ani Mootiin Waan Maraa dhugaa dubbadha;
waan sirrii te'e lassa.
20 «Isin worri gosa biyya adda addaa keessaa
badii irraa ka hattane,
wolitti qabama'aatii kowa'a; as dhikaadha'a.
Worri fakkii waaqota dharaa
Ka muka irraa hujante, ba'atee ideemuu fi
waaqa nama fayyisuu hin dandeenne daadimatu
beekkumsa hin qabu.
21 Haajaa keessan dubbadha'aatii dhikeeffadha'a;
wolitti qabama'aatii mari'adha'a.
Bara dheera'aan dura eennutti tana hime?
Duraan dursee eentu raage?
Ana Mootii Waan Maraatii motii?
Ana malee, Waaqi balcha'aa fi fayyisaan
dhibiin hin jiru.
Ana malee ka dhibiin hin jiru.
 
22 «Ana malee Waaqi dhibiin waan hin jirreef,
isin worri qaccee biyya lafaa jirtanu marti,
gara kiyya deebi'a'a'aatii fayya'a!
23 Nami marti na duratti hin jilbiiffata;
arrabi martinuu anaan hin kakata;
jechi balchumma'aan afaan kiyya keessaa baye,
akka hin jijjiirane,
ani maqaa kiyyaan kakadheera.
 
24 «Namooti marroo tiyya, ‹Balchumma'aa fi jabeenni
Mootii Waan Maraa qofa biraa dhaggama› hin jedhan» jedhe.
Worri na mormu marti gara kiyya dhufanee hin qaanowan.
25 Sanyiin Israa'elii marti
ana Mootii Waan Maraatiin
balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggatan.
 

*45:14 Itoophiyaa: Afaan Ibrootaatiin Kuushi jedha.