46
Waaqota Worra Baabilonii
1 Waaqoti dharaa ka worra Baabilonii,
Beelii fi Neboon hin salphatan;
waaqoti dharaa ka isaanii sun geejjibatti fe'amaneeran;
fakkiin isaan ba'atanee ideemanu sun ba'a'a;
geejjiba itti fe'amane sanille hin dadhassiisan.
2 Isaan geejjiba san woliin hin gugguufan;
ifi fayyisuu hin dande'anu;
isaan hin booji'aman.
3 Mootiin Waan Maraa, «Ee sanyii Yaaqoobii,
isin sanyii Israa'elii keessaa worri hattane na dhage'a'a!
Gadaamessa haadha teessanii keessatti natti isin eege;
dhaloota keessaniin jalqabee
ka isin ba'ate ana.
4 Haga isin dulloontanee arrii baatanutti
ka isin ba'atu ana;
ani isin dadeera; isin hin ba'adha;
isin hin qarqaara; isin hin fayyisa.
5 «Eennuun na fakkeessitan?
Eennu woliin na wol qixxeessitan?
Yookiin akka wol fakkaannuuf,
eennu woliin na wol fakkeessitan?
6 Worri gariin worqii subba ifii keessaa baafatan;
meetiille madaala irratti madaalan.
Isaan nama worqii baqisiisu qaxaratanee,
inni waaqa isaaniif huja;
achiin duuba isaan waaqa san sagadanee waaqonfatan.
7 Isaan waaqa san ol fuudhanee, gurmuu ifii irratti ba'atanee,
geessanee addee isaaf qophootte hin keyan.
Inni achuma dhaabbata malee, addee san irraa hin tacho'u;
yoo nami isatti iyyate, inni deebii hin kennu;
yookiin rakkoo keessaa nama hin baasu.
8 «Isin finqiltooti tana qaabadha'a!
Qalbii teessanille'etti qabadha'a.
9 Waan dur bara dheera'aan dura te'e qaabadha'a;
ani Waaqa;
ana malee Waaqi dhibiin hin jiru;
ka akka kiyyaalle hin jiru.
10 Ani waan muummee irratti dhufu'uu jiru
jalqaba irratti himeera;
waan gara duraa te'uu jirulle duruu himeera;
karoorri kiyya hin te'a;
waan godhiisaaf barbaade hin godha.
11 Ani nama karoora kiyya muummessu
karaa aduun baatuu irraa hin waama;
inni akka risa'aa biyya fago'oo irraa hin dhufa.
Ani waan dubbadhe hin godha;
karoora kiyyalle hin muummessa.
12 «Isin worri gadhaa jabaattane,
ka balchummaa irraa fagaattane na caqasa'a.
13 Ani balchummaa tiyya fidiisatti jira;
isiille fagoo hin jirtu;
fayyisiis kiyya hin turu;
ani Xiyooniif fayyinna,
Israa'eliif ulfinna hin kenna.