53
1 Kolbaan deebitee,
«Waan nuuti dhageenne eentu dhugeeffate?
Irreen Mootii Waan Maraa eennnutti mudhatte?
2 Inni Mootii Waan Maraa duratti akka kichuu quunxituu,
akka hidda lafa godduu keessaa bawuu hin lata;
inni dansummaa yookiin arnya nutti tolu hin qabu;
akka isa jaalannuufille akka hin qabu.
3 Inni nama namooti jibbanee tuffatane;
inni nama dhibee guddo'oo fi rakkoo guddoo qabu.
Inni akka nama nami fuula irraa deebifatee ti;
inni nama tuffatame;
nuutille ulfinna isaaf hin kennine.
4 «Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee,
dhibee teennalle ba'ate.
Te'uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee,
akka Waaqi balaa isatti buusee,
akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne.
5 Inni ammoo, sababa cubbuu teennaatiif woraaname;
sababa yakkaa teennaatiifille butute.
Nuuti adabamiisa isaatiin nageya dhagganne;
madaa isaatille'een nuuti fayyine.
6 Nuuti marti akka hoole'ee karaa irraa bannee,
tokko tokkoon keennaayyuu
karaa karaa keennatti gorre;
Mootiin Waan Maraa ammoo,
yakkaa teenna mara isa irra keye.
7 «Inni cunqurfamee, farre;
te'uu malee, waan tokkolle hin dubbanne;
akka ilmayyoo hoole'ee ka qalmaaf oofamuutii fi
akkuma hooleen worra rifeensa isi'ii haadu duratti cadhittu,
inni cadhise malee, womaa hin dubbanne.
8 Cunqursiisaan isatti muranee,
fuudhanee deemane.
Inni lafa worra jiraata'aa
keessaa balleeffamee,
sababa yakkaa kolbaa
ifiitiifille akka adabame
hidda dhaloota isaa keessaa
ka hubate eennu ree?
9 Inni hammeenna tokkolle
adoo hin hujin,
dharalle adoo hin dubbatin,
worra hamoolee woliin du'ee,
addee dureeyyiin
awwaalantutti awwaalame» jette.
10 Mootiin Waan Maraa,
«Te'uu malee, bututiisii fi
farriis isaa fedha kiyya;
ani jiruu isaa kennansa
sababa yakka'aatiif
dhikaatu godhulle,
barri isaa dheeratee
inni sanyii ifii hin dhagga;
fedhiin tiyyalle
karaa isaatiin hin muummotti.
11 Inni farriisa ifiitiin duuba,
ifa jiru'uu dhaggee hin gammada.
Tajaajilaan kiyya balchichi,
beekkumsa ifiitiin
worra bacaa hin balchoonsa;
yakkaa isaaniille hin ba'ata.
12 Inni cubbuu namoota heddu'uu ba'atee,
marroo yakkaa isaaniitiifille
isaaniif kadhate;
inni lubbuu ifii du'aaf
dabarsee kennee,
hamaaleyyii woliin
waan laakkowameef,
ani qooda isaa worra gugurdaa woliin
isaaf hin kenna;
inni worra jajjabaa woliin
boojuu hin qoodama» jedha.