54
Ulfinna Xiyoonii Ka Gara Duraa
Mootiin Waan Maraa,
«Ijoollee dubartii abbaa
manaa qadduu caalaa,
ijoolleen dubartii qofi lakkifantee
waan heddatteef,
ati maseentittiin
ijjumaa deettee hin beenne,
ta ijjumaa ciniinsifattee hin beenne
gammadaan faarfadhuu, ilillisi!
Addee dunkaanii teetii badhisi;
gollaa dunkaanii teetii
badhiisii diriirsi;
hin dhiphisin.
Wodaroo teeti dheeressi;
togaa keeti jabeessi.
Ati gara middaa fi bita'aa
waan badhattuuf,
sanyiin teeti gosa biyya
adda addaa hin qabatti;
qachoota isaanii
ka one keessalle hin qubatti.
 
«Ati waan hin qaanonneef,
hin sodaatin;
waan hin salphanneef,
hin rifatin.
Fokkoo yennaa dargaggummaa
teetii hin deeta;
qaanii yennaa
haadha hiyyeessummaa teetiille
haganaa achi hin qaabattu.
Ani ka si dade
akka dhirsaa si'iif hin te'a;
maqaan kiyya Mootii Waan Maraa
Ka Waaqa Waan Mara Dade;
ka si wode
ana Woyyicha Israa'elii ti;
ani Waaqa lafa duudi'ii ti.
 
«Ati akka dubartii
dargaggumma'aan heerumtee,
abbaan manaa isii lakkisee,
gadhaa ifii keessatti gadditee ti» jedha.
Mootiin Waan Maraa keeti ammoo,
gara ifii si waamee,
«Ani yennaa diqqo'oof
si lakkiseeraayyu;
amma ammoo,
marartii guddo'oon
si deebisa.
Ani guddoo waan sitti aareef,
yennaa diqqo'oof
fuula kiyya
si duraa dhoffadheeraayyu;
ammoo, jaalala kiyya
ka bara baraatiin
si hin marara» jedha ka si wodu.
 
Ammalle Mootiin Waan Maraa
ka si mararu si'iin,
«Tun naaf akka bara Nohii
deebi'ee bisaaniin
lafa akka hin balleessine kakadhee ti;
maarre ani amma deebi'ee
akka sitti hin aarre,
deebi'eelle ijjumaa
akka si hin xindheef kakadheera.
10 Gaaroti raafamanulle,
kooboti addee ifii irraa ka'anulle
jaalalli bara baraa
ka ani si'iif qabu,
ijjumaa hin raafantu;
gondooroon nageyaa tiyyalle hin diigantu.
11 «Ee, ati qachaa Yerusaalemii,
ka rakkatte,
ka bubbee bokkeyaatiin raafante;
ka hin jajjabaatin.
Kunoo, ani dhakaa gatii guddo'ootiin
si hin ijaara;
dhakaa ‹Safiiros› jedhamuun
hundee teetille hin keya.
12 Ani qaccee xelleephoo teetii
dooqa diima'aan,
karra teetiille dooqa cululuquun,
dalleya dhaka'aa keetille
dhakaa gatii guddo'ootiin hin ijaara.
13 Ilmaan teeti marti
ana Mootii Waan Maraa irraa
ka baratte hin teeti;
ijoolleen teetille
nageya guddaa hin dhaggatti.
14 Ati balchumma'aan
hin ijaaranta;
cunqurfamiisi si irraa hin fagaata;
wonni si sodaachisu hin jiraatu;
bararaqi si irraa hin fagaata;
si'ille'etti hin dhikaatu.
15 Eennulle yoo si miidhe,
inni ka ani ergee moti;
nami si miidhu marti
harka sitti hin kennata.
 
16 «Kunoo, nama cile'etti buufee bobeessu,
sibiila tumee,
meya woraanaa ka qopheessu,
ka dade ana.
Ka woy balleessu,
akka inni woy balleessuuf,
ka dade ana.
17 Mey woraanaa
ka si balleessiisaaf qophowe,
si miidhuu hin dande'u;
worra si himatu mara
hin injifatta.
Kun qooda tajaajiltoota tiyyaa ti;
injifachaan ani isaaniif kennulle tana» jedha.