55
Waaqi Worra Dheebote Waame
1 Mootiin Waan Maraa, «Isin worri dheebottane marti,
gara bisaanii kowa'a!
Isin worri beesee hin qanne,
kowa'aatii, bitadha'aa nyaadha'a!
Kowa'aatii, beesee malee, gatii malee,
daadhii woyni'iitii fi aanan bitadha'a!
2 Waan sagalee hin te'initti
maaf beesee teessan baattan?
Waan isin hin quussinetti maaf eloottan?
Na caqasa'a, waan dansaa nyaadha'a;
sagalee dansa'atti gammada'a.
3 Gara kiyya kowa'a!
Gurra keessan gara kiyya deebifadha'a;
akka jiraattanuuf na dhage'a'a!
Jaalala kiyya ka bara baraa ka Daawitiif waadaa galeen,
gondooroo bara baraa isin woliin hin godha.
4 Kunoo, ani Daawiti
kolbaa heddu'uuf dhugaa-bayaa,
sooressaa fi ajajaa kolbaa heddu'uu godheera.
5 Kunoo, ani Mootiin Maan Maraa
Waaqi keeti Woyyichi Israa'elii
ulfinna waan sii kenneef,
ati gosa biyya adda addaa ta hin beenne hin waanta;
gosi biyya adda addaa ta si hin beennelle
ariiti'iin gara keeti hin dhufan» jedha.
6 Yennaa Mootiin Waan Maraa dhaggamu barbaadadha'a;
adoo dhikoo jiruulle isa waammadha'a.
7 Nami hamaan karaa ifii,
nami yakkaamessi yaada ifii lakkisee,
gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa deebi'uu ti;
inni isaaf hin marara;
araarri isaalle baca'a.
8 Mootiin Waan Maraa,
«Yaadi kiyya akka yaada keessanii,
karaan kiyyalle akka karaa keessaniitii moti.
9 Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu,
karaan kiyya karaa keessan irraa,
yaadi kiyyalle yaada keessan irraa ol hin fagaata.
10 «Bokkeennii fi dhakaan bokkeyaa
ol-gubbaa irraa gad roobee,
lafa jiisiisaan,
latti quunxitee, midhaan akka baachu
ka facaasuuf sanyii,
ka nyaatuuf sagalee,
akka kennitu godhu malee,
gara ol-gubba'aa akkuma hin deebine,
11 jechi afaan kiyya keessaa bawu,
waan ani fedhe hujee,
waan ani itti ergelle
muummessu malee,
akkasumaan gara kiyya hin deebi'u.
12 «Isin gammadaan Baabilon keessaa baatanee,
nageyaan hin geegefantan.
Gaarotii fi kooboti isin duratti gammadaa hin faarsan;
muki badda'aa marti harka hin dhowan.
13 Addee muka qore'ee muki hindheensaa,
addee qumi'uudu'uu muki dakkaraa hin lata.
Tunille Mootii Waan Maraatiif qaabbii,
beessisa haga bara baraa hin banne hin teeti» jedha.