56
Waaqi Gosa Biyya Adda Addaa Gara Fayyinnaa Waame
Mootiin Waan Maraa, «Fayyisiis kiyya waan dhikaateeruuf, balchummaan tiyyalle ariiti'iin waan mudhattuuf, haqa eega'a; waan sirrii te'elle huja'a. Nami tana godhu, ka tana jabeessee eegatu, ka Sanbata hin batteessine, waan hantuu mara hujiisa irraa ka harka ifii eegatu ka eebbifame» jedha.
Nami ormi gara Mootii Waan Maraa deebi'e, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan kolbaa ifii irraa gargar na hin baasa» jedhee hin yaadin.
Guneessille, «Ani muka goga'a» ifiin hin jedhin. Mootiin Waan Maraa, «Guneessota Sanbata kiyya ulfeessanu, ka waan na gammachiisu filatanuu fi gondooroo tiyya jabeessanee ka eegatanuuf, ani Galma Woyyicha kiyya keessaa fi dalleya kiyya keessatti, ijoollee dhiiraatii fi durraa caalaa, yaadanno'oo fi maqaa ittiin beekkamanu isaaniif hin kenna;
maqaa haga bara baraa hin bannelle isaaniif hin kenna.
«Worra orma ana Mootii Waan Maraa tajaajiluuf, ka maqaa kiyya jaalatuuf, ka ana waaqonfatuuf, ka natti dhikaatee, Sanbata kiyya adoo hin batteessin, gondooroo tiyya eegatanu mara, ani gara gaara woyyicha kiyyaa ol isaan hin baasa; mana daadimataa kiyya keessalle'etti isaan hin gammachiisa. Manni kiyya, mana daadimataa ka gosa biyya adda addaa maraa waan jedhamuuf, kennansa isaanii ka gubatuu fi ciincaa isaanii ka dhibii addee ciinca'aa tiyya irratti yoo isaan dhikeessane ani hin fudhadha» jedha.
Goottaan Mootii Waan Maraa ka kolbaa Israa'elii ta bittinnootte wolitti qabu, «Ani worra amma wolitti qabameeru kana irratti ka dhibii dabalee wolitti hin qaba» jedha.
Cubbuu Sooressitoota Israa'elii
Mootiin Waan Maraa, «Isin worri akka bineensotaa marti, isin worri akka bineensota gongoma'aa marti, nyaatiisaaf kowa'a. 10 Eeddoti Israa'elii balla'a; isaan martinuu beekkumsa hin qabanu; isaan martinuu akka sareelee dutuu hin dandeennee ti; isaan dutuu hin dande'anu; irkatanee oojjatan; hirriiba jaalatan. 11 Isaan gadhitoo akka saree nyaattee hin quunnee ti; isaan tissitoota woy hin hubanne; isaan martinuu karaa ifii deeman; tokko tokkoon isaaniituu bu'aa ifii barbaadatan. 12 Isaan, ‹Kowa'a daadhii woyni'ii unna; untoo nama macheessitulle unnee machoonna. Borulle akkuma adhaa hin teeti; yookiin ta adhaa caala'aayyuu hin tolti› woliin jedhan.