57
Israa'el Waaqa Dharaa Waaqonfatte
1 «Nami balchaan hin du'a; nami Waaqaaf ifi kennu, wonni hantuun akka isa irra hin geenneef fudhatama; tana nami hubatu hin jiru. 2 Worri qajeelumma'aan ideemu nageya hin qabaatan; yennaa du'anulle hin foorfatan.
3 «Isin ilmaan worra moruu, sanyiin gaarayyeeffattu'uutii fi sagaagaltu'uu as kowa'a. 4 Isin eennutti murgitan? Eennutti afaan bantan? Eennutti arraba baattan? Isin ilmaan finqiltu'uutii fi sanyii dharaameyyi'iitii motii? 5 Isin muka qilxa'aatii fi muka banqaaqaa mara jalatti, halchaa sagaagalaatiin gubattan. Isin dhooqa keessatti, baqaqa rassa'aa keessatti ijoollee teessan ciincessitanii motii ree? 6 Isin dhakoota mucucaataa ka odduu dhooqaa waaqonfattan; isaan qooda keessan. Isin dhibaayyuu daadhii woyni'ii isaaniif dhibaattanee, kennansa midhaanii isaaniif kennitan. Ani tana hin mararaa ree? 7 Isin gaara dheeraa irratti sagaagaltan; achitti waaqota dharaa keessaniif ciincaa dhikeessitan. 8 Balbalaa fi mikikkila balbala teessanii duubaan, fakkii waaqota dharaa keessan keyattaneertan. Isin na lakkittanee, taqee teessan irraa saaxxanee, irra yaaddaneelle badhittanee saaxxane. Nafa isaanii qullaa dhaggitanee wol gaarayyeeffatiisaaf worra jaalatu woliin, wolii galtane. 9 Isin Zayitii ejersaa qabattanee, fiqireelle itti dabaltanee, gara Moleekii waaqa dharaa dhaxxane; isin ergantoota teessan fagoo gara addee worri du'e jiru gad ergitane. 10 Deemmaa kara'aatiin dadhaddane; te'uu malee, ‹Tun bu'aa hin qaddu› hin jenne. Hunna haareya dhaggattane; tanaaf hin dadhaddane.
11 «Akka isin na soddanuuf, ka isin sodaachisee yaachise eennu fa'a? Wonni isin na hin qaabatiniif, wonni isin tana hin qalbeeffatiniif, wonni isin na hin sodaatiniif, waan ani yennaa dheertuu cadhiseefii motii? 12 Ani balchummaa teessanii fi hujii teessan hin salqa; waaqoti dharaa keessan womaa isiniif hin bayanu. 13 Yennaa isin qarqaarsaaf iyyattanu, waaqoti dharaa hedduun isin wolitti qabattane sun, isin baasanuu tii me. Isaan mara qilleensi fuudhee hin deema; diilalluulle*Diilalluu: Lafa tokko tokkotti diidalluu jedhan isaan hin balleessiti. Nami natti addatu ammoo, lafa hin dhaala; gaara woyyicha kiyya qabeenna ifii hin godhata» jedhe.
Waaqi Kolbaa Qarqaariisaaf, Fayyisiisaafille Waadaa Gale
14 Mootiin Waan Maraa, «Karaa baasa'a, karaa baasa'a! Daandii qopheessa'a; daandii kolbaa tiyyaa keessaa gufuu kaasa'a!
15 «Ani Waaqa ol aanaa waan mara caalu, woyyicha haga bara baraa le'u. Ani worra ifi gad qabu yaada isaanii haaressiisaaf, worra addii kutatane jajjabeessiisaaf, addee ol aantuu woyyittii isaan woliin hin le'a. 16 Ayyaanni kolbaa ani dadeetii fi hafuurri ani isaan keessa keye na duratti akka hin gagganne, ani haga bara baraa isaan hin komadhu; yennaa maralle hin aaru. 17 Ani sababa joljolummaa cubbuu isaaniitiif isaanitti aare; ani isaan adabee, aari'iin fuula kiyya isaan irraa deebifadhe. Te'uu malee isaan karuma ifii san deemane.
18 «Ani karaa isaanii dhaggeera; te'uu malee isaan hin fayyisa; ani isaan sooressa; Isaanii fi marroo isaaniitiif worra bowu hin jajjabeessa. 19 Worri Israa'elii ka bowu afaan ifiitiin akka na leellifatu hin godha; nageenni worra fago'oo fi dhikoo jiruuf te'uu ti. Ani isaan hin fayyisa. 20 Worri hamaan ammoo, akka abbaayaa bulphittuu, ta foora hin qanne, ta danbaliin isi'ii caffa'aa fi dhoqqee qadduu ti» jedha. 21 Waaqi kiyya, «Worri hamaan nageya hin qabu» jedha.