58
Laama Dhuga'aa
1 Mootiin Waan Maraa, «Qoonqoo adoo hin qusatin, guddisii iyyi! Qoonqoo teeti akka tultulla'aa dhageessis! Kolbaa tiyyatti finqila isaanii, sanyii Yaaqoobiititti cubbuu isaanii himi! 2 Isaan guyyaa mara na barbaadan; karaa kiyya beekiisaa waan fedhanu fakkaatan; akka kolbaa waan sirrii te'e hujjuutii fi akka kolbaa ajaja Waaqa ifii hin lakkisinii, muraa haqaa na gaafatan; ana Waaqatti dhikaatiisalle waan fedhanu fakkaatan» jedha.
3 Isaan, «Eega ati gara laama keennaa hin ilaalle teetee, nuuti maaf laanne ree? Gad ifi qabiisa keenna eega ati hin ilaalin, nuuti maaf ifi gad qanne ree?» jedhan.
Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Kunoo, guyyaa laamaatitti isin waanuma fedhii teessanii gootan; hojjattoota teessan maraayyuu hin cunqursitan.
4 «Kunoo, laam keessan lolaa fi moroma'aan, tuntummuu hammeennaatiin wol tumiisaan muummowa; akka amma laamiisatti jirtanu kana laamaa, daadimati keessan ol-gubba'atti waan isiniif dhage'amu isinitti hin fakkaatin. 5 Laam ani filadhe ka akkasii kanaa ree? Nami ka ifi gad qabu, guyyaa akkanaa qofaa ree? Akka allaadu'uu qooree mataa ifii gad qabatiisaa ree? Yookiin woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra gangalatiisaa ree? Laam isin jettanu isa kanaa ree? Guyyaan ana Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qabu guyyaa akkanaatii ree?
6 «Laam ani filadhe worra haqa malee hidhame akka hiittanu, wodaroo waanjo'oo akka hiittanu, worra cunqurfame bilisa akka baattanuu fi waanjoo mara akka caccassittanuu motii ree? 7 Sagalee teessan worra beelowe woliin akka qoodantanu, hiyyeessa olii fi gad joonjuuf addee bulu akka kennitanu, nama qullaa jiru yennaa dhaggitane akka daara baattanu, aantee teessanitti fuula akka itti hin hammaannee motii ree? 8 Yoo tana gootane ifi keessan akka ganamaa hin ifa; fayyinni keessanille ariifatee hin dhufa; balchummaan teessan isiniin dura hin deenti; ulfinni kiyyalle isin duubaan isin hin eega. 9 Yennaa isin daadimattanu, ani deebii isiniif hin kenna; yennaa isin qarqaarsaaf gara kiyya iyyitanu, anille isin jalaa hin owwaadha.
«Isin nama cunqursiisa, quba namatti qabiisaa fi hantuu dubbatiisa yoo lakkittane, 10 ka beeloteef sagalee yoo kennitane, ka rakkatelle yoo qarqaartane, ifi keessan dukkana keessatti hin ifa; dukkanti dimmi teessanille akka ifa saafowaa hin teeti. 11 Ani Mootiin Waan Maraa yennaa mara isin hin sooressa; lafa godduu keessalle'etti isin hin quussa; lafee teessan hin jabeessa. Isinille akka oorruu bisaan obaafamuu, akka madda bisaan isaa hin dhidhannee hin teetan. 12 Kolbaan teessan waan dur diigame deebittee hin ijaarti; hundee durii ol kaasan. Isin, ‹Worra dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressu, worra karaa bade miidhassu› hin jedhantan. 13 Isin seera Waaqaa ka marroo guyyaa Sanbataa yoo eegattane, guyyaa woyyicha kiyya kanatti, waan fedhii teessanii yoo godhuu dhaddane, guyyaa Sanbataa guyyaa gammadaa, guyyaa kiyya woyyicha guyyaa ulfinnaa yoo godhattane, guyyaa san haajaa keessaniif ideemiisa, waan fedhii teessanii godhiisa yookiin waan dubbatiisaaf hin malle yoo lakkittane, 14 isin yennaa san ana Mootii Waan Maraatti hin gammadan; ani lafa mara irratti akka isin ulfaattanu, dhaala abbaa keessan Yaaqoobiille akka isin nyaattanu hin godha; ani Mootiin waan Maraa tana dubbadheera» jedha.