Ergaa Yaaqoob Erge
Seensa
Ergaan Yaaqoobii ta qajeelfama leetoo guyyaa guyya'aatiif teetu qabatteertu tun, «Kolbaa Waaqaa ta biyya lafaa duudii irratti bittinnootte maraaf» barreeffante. Barreessaan marroo mala qarummaa hujii irra oolchinuu, marroo waan ilaalchaa fi amala kiristaanaatiif qajeelfama te'uu, dubbii itti fakkeessa'aa ta ifa teete heddu'uun dhikeessa. Marroo hiyyumma'aatii fi durumma'aa, marroo ataabe'ee, marroo amala dansa'aa, marroo hinaaffa'aa, dhugeeffanna'aatii fi hujii dansa'aa, marroo fayida'aa fi miidhaa arrabaa, marroo qarumma'aa, marroo wol loliisaa, marroo kooriisaatii fi ifi gad qabu'uu, marroo namatti muriisaa, marroo ifi jajiisaa, marroo ossatiisaatii fi marroo daadimanna'aa, marroo waan kiristaanoti godhiisaaf malanee tokko tokkoon barreesseera.
Ergaan tun haala dhugeeffannaan jiruu kiristaanaa keessatti huji'iin mudhattuu, ifa gootee mudhitti.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa1:1
Dhugeeffanna'aa fi qarummaa1:2-8
Hiyyumma'aa fi durummaa1:9-11
Haga ilaallatamu'uu fi ataabamuu1:12-18
Jecha Waaqaa dhage'anee hujii irra oolchuu1:19-27
Nama wol caalchisuu irraa ifi eeggachiise2:1-13
Dhugeeffanna'aa fi hujii2:14-26
Kiristaanaa fi arraba isaa3:1-18
Kiristaanaa fi biyya lafaa4:1—5:6
Gorsa adda addaa5:7-20
1
1 Ana Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii irraa, gosa kudhanii lama ta biyya lafaa duudi'itti bittinnoottaneef:Mat. 13:55; Mar. 6:3; HuE. 15:13; Gal. 1:19
Nageenni isiniif te'u.
Dhugeeffanna'aa Fi Qarummaa
2 Obboleeyyan tiyya! Haga ilaallatama adda addaatiin ilaallatamuun yoo isinitti dhuttelle, akka gammadaatitti fudhadha'a! 3 Sababille haga ilaallatamuun dhugeeffannaa teessanii ciniinnattanee ossiisa akka fidu hin beettan. 4 Haga muumme'ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te'e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti.
5 Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma'aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna. 6 Ammoo adoo hin mamin dhugeeffanna'aan gaafatuu ti; nami mamu akka danbalii abbaaya'aa ta qilleensaan asii fi achi darbantuu ti. 7-8 Nami akkasii, ka yaada lamaatii fi karaa maraan raafamaa waan te'eef, Goottaa biraa waan tokkolle hin dhaggadha jedhee hin eegatin.
Hiyyumma'aa Fi Durummaa
9 Obboleessi gad aanaan, waan Waaqaan ol qabamuuf ifi jajuu ti! 10 Durummaalle akkuma daraara'aa waan dabartuuf, obboleessi dureessille yoo Waaqi isa gad qabe ifi jajuu ti! 11 Aduun o'a isi'ii ka woxaluun baatee daraaraa qoorsiti; daraaraan hin harca'a, dansummaan isaalle hin baddi. Akkasuma dureessille, hujii ifii adoo hujatuu hin bada.
Haga Ilaallatamu'uu Fi Ataabamuu
12 Nami ataabee ciniinnatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatii*Gatii: Kallacha jiru'uu ka Waaqi worra isa jaalatuuf waadaa gale hin fudhata.
13 Nami yennaa ataabamu, «Waaqi na ataabe» hin jedhin; Waaqi hantu'uun hin ataabamu; ifille'eef nama hin ataabu. 14 Ammoo nami martinuu halchuma ifiitiin yennaa sossobamee sobamu ataabama. 15 Achiin duuba, halchaan sun yennaa ulfootte, cubbuu dhalti; cubbuun sunille, yennaa guddattee geette, du'a dhalti.
16 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, hin sobamina'a. 17 Arjummaa dansa'aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba'aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa. 18 Nuuti dada isaa maraaf angafa akka teenuuf, Waaqi fedhii ifiitiin jecha dhuga'aatiin nu uume.
Dhage'anee Hujii Irra Oolchuu
19 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, tana hubatuu qaddan! Nami martinuu dhage'iisaaf ka ariifate, dubbatiisaa fi aariisaaf ka hin ariifanne te'uu ti; 20 sababille aariin namaa balchummaa Waaqaa hin fiddu. 21 Tanaaf battumma'aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa'a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma'aan fudhadha'a.
22 Worra jecha hujii irra oolchu te'aa malee, worra dhage'u qofa teetanee ifi hin sobina'a. 23 Nami jecha dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, akka nama fuula ifii daaw'iti'iin ilaaluu ti; 24 inni ifi ilaalee deemeen duuba, yoosuma maan akka fakkaatu hin dedha. 25 Ammoo nami Seera Waaqaa ka dhidhinna hin qanne, ka bilisa baasu hubatee ilaalu, ka ittille ossatu, ka dhage'ee hujii irra oolchuu fi ka hin deene hujii ifiitiin ka eebbifame hin te'a.
26 Nami, nama dhugeeffannaa qabu ifi seyee, arraba ifii hin eeganne ammoo ifi soba malee, dhugeeffannaan isaa gatii hin qaddu. 27 Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti'ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du'eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle'ee ifi eeggachu'u.