2
Nama Wol Caalchisuu Irraa Ifi Eeggachiise
1 Obboleeyyan tiyya! Goottaa ulfinnaa keenna Yesuus Kiristoositti dhugeeffannaa eega qabaattane, nama wol hin caalchisina'a. 2 Nami dureessi tokko qubee worqi'ii keyatee, woyaa dansaalle uffatee gara wolitti qabama keessanii yoo dhufe, namichi hiyyeessi woyaa ciccittu'uulle yoo ol seene, 3 isin namicha woyaa dansaa uffate san ulfeessiisaan, «Ati addee dansaa tana tee'i» jettanee, namicha hiyyeessa saniin ammoo, «Ati achi dhaabbadhu yookiin as miila kiyya jala tee'i» yoo jettane, 4 odduu teessanitti nama wol caalchittanee, worra yaada hama'aan muru te'uu keessanii motii ree?
5 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, dhage'aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna'aan dureeyyii te'anuu fi mootummaa inni worra isa jaalatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te'ane filateeraa motii? 6 Isin ammoo worra hiyyeeyyii ulfinna dhooggitane; worri isin hacuucu, worri gara kora mura'aa isin harkisu dureeyyi'ii motii? 7 Maqaa dansaa isin ittiin waamantanu ka faanshessu isaanii motii?
8 Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, «Ollaa keeti akka ifi jaalattutti jaaladhu» jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane. 9 Nama yoo wol caalchittane ammoo cubbuu hujjan; akka yakkaamessa tokkootitti seerri isinitti mura. 10 Nami tokko seera kaan mara eegatee, tokkocha yoo balleesse, akka waan maraayyuu balleesseetitti yakki itti hin murama. 11 Ka, «Hin gaarayyeeffatin» jedhettuu, «Hin ijjeesin» waan jedheef, ati yoo gaarayyeeffatuu dhaddelle, eega ijjeette yakkaamessa teeteerta. 12 Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha'a, hujadhaalle'e. 13 Nama marartii hin qannetti, marartii malee itti hin muranti; marartiin muraa hin injifatti.
Dhugeeffanna'aa Fi Hujii
14 Obboleeyyan tiyya! Nami tokko, «Ani dhugeeffannaa qaba» jedhee, hujii dansa'aan dhugeeffannaa ifii yoo hin mudhisin, maan isaa baati? Dhugeeffannaan akkasii sun isa fayyisuu hin dandeettii? 15 Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane, 16 isin keessaa nami tokko, waan le'ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, «Nageyaan deema'a, hin boojjatina'a, quufa'a!» yoo jedheen, maan isaaniif baati? 17 Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute.
18 Nami tokko, «Ati dhugeeffannaa qadda; ani hujii dansaa qaba» yoo jedhe, ani, «Dhugeeffannaa teeti hujii irraa gargar baasiitii natti mudhisi; anille dhugeeffannaa tiyya hujii tiyyaan sitti mudhisa» hin jedhaan. 19 Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan.
20 Namicha gowwa'a! Dhugeeffannaan huji'iin malee ta gatii hin qanne*Ta gatii hin qanne: Ta duute akka teete beekiisaaf dhugaa itti barbaaddaa? 21 Abbaan keenna Abrahaam ilma ifii Yisihaq, addee ciincaan itti ciinceffamu irratti yennaa dhikeesse, huji'iinii motii ka balchoome? 22 Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji'iin akka muummotte hin dhaggituu? 23 Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowante» jedhu muummowe; innille jaala Waaqaa jedhame. 24 Nami huji'iin malee, dhugeeffannaa qofaan akka hin balchoonne hin dhaggitan.
25 Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa'elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi'iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii? 26 Nafi hafuura†Hafuura: Ayyaana hin qanne ka du'e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute.