19
Lewwichaa Fi Gursumeettittii Isaa
1 Bara Israa'el mootii hin qanne sanitti, nami gosa Lewwi'ii ka biyya koobittii Efreemii keessa moggaa le'u tokko jiraayyu; inni Betlihemii biyya Yihuda'aa keessaa gursumeettii takka fuudhe. 2 Gursumeettiin isaa sun ammoo sagaagaltee, gara mana abbaa ifii ka Betlihemii biyya Yihuda'aa keessa jirutti deebitee, ji'a afur achi turte. 3 Achiin duuba abbaan manaa isi'ii sheshelatee*Sheshelatee: Shosholatee yookiin sossobate. isii galfatiisaaf tajaajilaa ifiitii fi harree lama fudhatee dhaqe; yennaa inni achi geye isiin gara manaa isa seensitte; abbaan isi'iille gammadaan isa fudhate. 4 Abbaan isaa ka sodda'aa, abbaan isi'ii akka inni achi turu godhe; maarre inni nyaataa unaa guyyaa sad achi ture. 5 Gaafa guyyaa arfeesso'oo, barii ganamaan ka'anee deemiisaaf qophowane. Abbaan sodda'aa ammoo dhirsa intala ifiitiin, «Jabaattee akka deentuuf, qara wo nyaadhu» jedhe.
6 Maarre namooti lamaanuu sun tee'anee nyaatanee unane; achiin duuba abbaan sodda'aa dhirsa intala ifiitiin, «Maganne'ee, adhalle asuma buliitii gammadi» jedhe.
7 Lewwichi sun galiisaaf yennaa ka'e, abbaan sodda'aa isaa ammoo, akka inni buluuf uttise; maarre inni halkan san achi bule. 8 Gaafa guyyaa shaneesso'oo barii ganama deemiisaaf ka'e; abbaan sodda'aa ammoo, «Maganne'e wo nyaadhu; aduu qabbaneeffattee deenta» jedhe. Tanaaf abbaan sodda'aatii fi dhirsi intalaa sun woliin nyaatane.
9 Namichi Lewwi'ii sun gursumeettii ifiitii fi tajaajilaa ifii woliin deemiisaaf yennaa ka'e, abbaan sodda'aa isaa, «Kunoo amma isinitti dhi'aarti; ammumaayyuu dukkanowiisatti jirti; edana asuma bula'aatii gammada'a; boru barii ganamaan kaatanee gara mana keessanii deentan» jedhe.
10 Lewwichi sun ammoo halkan san achi buluu hin barbaanne; tanaaf inni, gursumeettii ifii, tajaajilaa ifiitii fi harree ifii ta kooraan itti fe'ame lama woliin ka'ee deeme; yennaa latti dhiite fuullee Yibusii geyane. Yibuusiin kun qachaa, «Yerusaalem» jedhamu. 11 Yennaa isaan Yibus geyane latti itti dhiite; tajaajilaalle goottaa ifiitiin, «Koy, gara qachaa Yibusootaa kana gorree bulla» jedhe.
12 Goottaan isaa ammoo, «Lakkii dabarree qachaa Giibe'aa dhandha malee, qachaa ormaa ka Israa'elooti keessa hin jirretti hin gorru. 13 Koy, gara qachaa Giibe'aa yookiin gara qachaa Raama'aa dhikaannee, isaan keessaa tokko keessa bulla» jedhe. 14 Tanaaf Yibus irra dabaranee deemanee, qachaa Giibe'aa biyya Beniyaamiititti yennaa dhikaatane, aduun seente. 15 Isaan qachaa Giibe'aa buliisaaf itti gorane; Lewwichi sun badhinna qacha'aa keessa tee'e; ammoo nami tokkolle isaan bulchiisaaf gara mana ifii isaan hin fudhanne.
16 Adoo inni achi jiruu, jaarsi biyya koobittii Efreemii irraa dhufee, ka qachaa Giibe'aa keessa le'u tokko, hujii fichaa ifii irraa dhufe; kolbaan addee sanii ammoo, sanyii Beniyaaminii ti. 17 Jaarsi sun nama badhinna qacha'aa tee'eeru tokko dhaggee, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta ree?» jedhee gaafate.
18 Lewwichi sun deebisee, «Nuuti Betlihemii biyya Yihuda'aa irraa gara biyya koobittii Efreemii irraa moggaa jirtu, addee irraa dhufetti gara mana kiyyaatii fi gara mana Mootii Waan Maraa deemiisatti jirra; asitti nami gara mana ifii fudhatee na bulchu hin jiru. 19 Nuuti tajaajiltooti teeti harree teennaaf okeyaa fi hicaacee, naaf, gursumeettii tiyyaa fi tajaajilaa kiyyaaf daabbo'oo fi daadhii woyni'ii qanna; tana caalaa womaa hin barbaannu» jedhe.
20 Jaarsille, «Koy mana kiyya buli; ani waan si'iif barbaachisu mara hin kenna; badhinna keessa ammoo hin bulin» jedhe. 21 Maarre inni gara mana ifii isaan fudhatee, harree isaaniitiif okeya kenne. Keessumootille miila ifii dhiqattee, nyaattee unte.
22 Adoo isaan gammadiisatti jiranuu, qachaa keessaa namooti nama bukkoonsanu dedhuma mana san marsanee, balbala tumiisa jalqabane. Isaan jaarsicha abbaa manaatiin, «Namicha mana keeti keessa jiru, akka bukkoonsinu gad nuu baasi» jedhane.
23 Jaarsichi ammoo gad bayee, «Jaalota tiyya! Lakkisa'a! Namichi kun keessummaa tiyya waan te'eef, waan hantuu akkasii hin hujina'a! 24 Gursumeettiin namichaatii fi intalti tiyya ta durraa kunoo ti! Isaan isiniif gad baasa, waan feetane isaan godha'aatii, itti taphadha'a. Nama kana irratti ammoo waan hantuu hin godhina'a!» jedhe. 25 Namooti ammoo dubbii isaa caqasuu didane; tanaaf Lewwichi gursumeettii namichaa gad baasee kenneef; halkan guutuu hunnaan isii woliin rafanee, itti taphataa bulanee, yennaa boruun dayya'u akka deentuuf lakkisane.
26 Dubartittiin sun ganama boruun yennaa dayya'u, addee abbaan manaa isi'ii bule mana jaarsichaa bira dhuttee jiddee, haga latti bariitutti achi turte. 27 Abbaan manaa isi'ii ganama ka'ee deemiisaaf balbala yennaa banu, gursumeettiin isaa gulantaa balbalaa irratti harka ifii badhifattee jiddeertuun dhaggee, 28 «Ka'i ideenna!» jedheen; ammoo deebii hin dhagganne; achiin duuba reeffa isi'ii harree irratti fe'ee gara mana ifii deeme. 29 Inni yennaa mana ifii geye, billowa fudhatee, reeffa gursumeettii ifii addee kudhanii lamatti kukkutee, kutaa biyya gosa Israa'elii maratti tokko tokko erge. 30 Worri waan kana dhagge duudiin, «Nuuti waan akkasii dhageennee hin beennu! Israa'elooti biyyaa Gibxi'ii keessaa haga bayanee jalqabee, wonni akkasii tokkolle teetee hin beettu yookiin dhaggantee hin beettu! Marroo waan kanaa itti yaadadha'a, mari'adha'aatii waan goonu nutti hima'a» jedhane.