20
Israa'elooti Sanyii Beniyaaminii Lolte
Kolbaan Israa'elii qachaa Daanii ka gara kaabaa irraa haga Bersheebaa gara kibbaa, akkasuma qachaa Giil'aadii ka gara aduun baatuu jiru duudiin, yaada tokkochaan qachaa Miispha'aatitti Mootii Waan Maraa duratti wolitti qabante. Sooressitooti kolbaa gosa Israa'elii duudiin, yaa'ii kolbaa Waaqaa loltoota miilaa kuma dhibba afur ta shallaagaa hidhatteertu keessatti dhaggamane. Sanyiin Beniyaamii gosi Israa'elii duudiin Miispha'atti akka wolitti qabamane dhage'ane.
Israa'elootille, «Wonni hantuun tun attamiin akka teete nutti hima'a» woliin jedhane. Namichi Lewwichi abbaan manaa, ka dubartii ijjeefantee sun deebisee, «Anii fi gursumeettiin tiyya qachaa Giibe'aa ka biyya Beniyaaminii keessaa buliisaaf dhunne. Halkan san namooti Giibe'aa balaa natti buusiisaaf, mana ani keessa jiru halkaniin marsanee, na ijjeesiisaaf barbaadane; gursumeettii tiyya hunnaan woliin rafanee, isiille duute. Isaan waan hantuu fokkisiittuu akkasii waan hujaneef, ani reeffa isi'ii fuudhee kukkutee, gara kutaa biyya gosa Israa'elii tokko tokkottuu erge. Maarre amma isin Israa'elooti duudiin, mari'adha'aatii murteessa'a» jedhe.
Kolbaan duudiin yaada tokkochaan kaatee, «Nu keessaa nami tokkolle gara dunkaana ifii yookiin gara mana ifii hin deebi'in. Amma ammoo wonni nuuti goonu, qachaa Giibe'aa irratti hixa'aan duulla. 10 Israa'el keessatti waan fokkisiittuu hujaneef, kolbaa qachaa Giibe'aa ta biyya Beniyaaminii keessaa adabiisaaf, loltoota duulanuuf galaa akka dhikeessanu, gosa Israa'elii mara keessaa namoota dhibba keessaa kudhan, kuma tokko keessaa dhibba tokko, kuma kudhan keessaa kuma tokko hin qopheessina» jedhane. 11 Maarre namooti Israa'elii duudiin yaada tokkoon qachaa san loliisaaf wolitti qabamane.
12 Gosi Israa'elii gara gosa Beniyaamii namoota erganee, «Wonni hantuun namooti gariin odduu teessanitti hujane kun maan? 13 Amma namoota waan hantuu akkasii hujanee Giibe'aa keessa jiranu qaba'aatii nutti kenna'a; nuuti isaan ijjeennee, hujii hantuu tana Israa'el keessaa balleessina» jedhane. Worri Beniyaaminii ammoo waan Israa'elooti obboleeyyan isaanii isaanitti himane hin fudhanne. 14 Worri Beniyaaminii qachoota ifii keessaa wolitti qabamanee, Israa'eloota loliisaaf gara qachaa Giibe'aa dhufane. 15 Guyyaa san worri Beniyaaminii loltoota dhibba torba ka filamanee qachaa Giibe'aa keessa jiranu adoo hin dabalatin, qachoota ifii keessaa loltoota kuma diddamii jaa ka shallaagaa hidhatane wolitti qabane. 16 Loltoota tana keessaa namooti dhibbi torba bitaatticha; isaan looyya'aan dhakaa rifeensa tokkotti yoo qolaansanu irraa hin qabanu*Irraa hin qabanu: Yookiin irraa hin gorsan.. 17 Israa'elooti gosa Beniyaaminii adoo hin dabalatin, loltoota kuma dhibba afur ta shallaagaa hidhatte lolaaf baasane.
Lola Gosa Beniyaaminii Irratti ka'e
18 Israa'elooti gara qachaa Bet'elii ol bayanee, «Gosa Beniyaaminii loliisaaf nu keessaa gosa tamitti dura aana?» jedhanee Waaqa gaafatane. Mootiin Waan Maraa, «Gosi Yihuda'aa dura aantuu ti» jedhee deebise.
19 Achiin duuba Israa'elooti boruyyaa ganama ka'anee, qachaa Giibe'aa biratti qubatane. 20 Isaan loltoota Beniyaaminii loliisaaf bayanee, fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane. 21 Guyyuma san loltooti Beniyaaminii qachaa keessaa bayanee, loltoota Israa'elii kuma diddamii lama ijjeesane. 22 Israa'elooti ammoo wol jajjabeessanee, addee ifii ta guyyaa qaraa qabatanetti ammalle addee qabatane. 23 Israa'elooti dhaqanee haga galgalaatitti Mootii Waan Maraa duratti bowanee, «Nuuti ammalle obboleeyyan teennaa Beniyaaminoota loliisaaf hin duullaa ree?» jedhanee gaafatane. Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ee, dhaqa'aatii lola'a» jedhe. 24 Maarre guyyaa lammeesso'oo gosa Beniyaaminiititti duulane. 25 Worri Beniyaaminiille guyyaa lammeesso'oo san isaan loliisaaf qachaa Giibe'aatii bayanee, loltoota Israa'elii keessaa loltoota shallaagaa hidhatte kuma kudhanii saddeeti ijjeesane. 26 Achiin duuba kolbaan Israa'elii duudiin gara Bet'elii ol baatee, achitti Mootii Waan Maraa duratti teettee bootte; guyyaa san haga galgalaatitti laantee, ciinca'aa fi woreega nageyaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessite. 27-28 Bara san saanduqi gondooroo Waaqaa achi waan jiruuf, akaakoon Aaronii, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo san dura dhaabbatee tajaajilaayyu; Israa'elootille «Obboleeyyan teenna worra Beniyaaminii loliisaaf ammalle hin dhandha moo hin lakkinna?» jedhanee Mootii Waan Maraa gaafatane. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani boru harka keessanitti dabarsee isaan waan kennuuf, dhaqa'aa lola'a» jedhe.
29 Achiin duuba Israa'elooti, loltooti adaala Giibe'aatitti riphanee akka eeganu godhane. 30 Guyyaa sadeesso'oo, Israa'elooti worra Beniyaaminii loliisaaf ol bayanee, akkuma qaraa fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane. 31 Worri Beniyaaminiille Israa'eloota loliisaaf yennaa bayane, qachaa irraa ari'anee fageessanee, akkuma qaraa karaa gara Bet'elii ol baasuu fi gara qachaa Giibe'aa geessu irratti loluu jalqabanee, Israa'eloota soddoma diida keessatti ijjeesane. 32 Worri Beniyaaminii, «Nuuti akkuma qaraa Israa'eloota injifatiisatti jirra» jedhanee yaadane.
Israa'elooti ammoo, «Gara duubaa baqatanee qachaa irraa fagaatanee kara'atti akka bayanu isaan goona» jedhane. 33 Maarre loltooti Israa'elii duudiin gara duubaa addee, «Ba'aal Taamaar» jedhantutti addee qabatane; loltooti qachaa Giibe'aa gara aduun seentutti riphaneeranu ori'anee bayane. 34 Israa'eloota mara keessaa loltooti kuma kudhan filamanee, qachaa Giibe'aa loliisaaf dhufane; lolli sunille lola jaba'a. Worri Beniyaaminii ammoo badiin akka isaanitti dhikaatte hin hubanne. 35 Mootiin Waan Maraa Israa'elooti worra Beniyaaminii akka injifatanu godhe. Israa'elootille guyyaa san loltoota Beniyaaminii ta shallaagaa hidhatte kuma diddamii shanii fi dhibba tokko ijjeesane. 36 Achiin duuba worri Beniyaaminii akka injifatame hubate.
Israa'elooti loltoota ifii worra adaala qachaa Giibe'aatitti akka riphanu goote waan addatteef, worra Beniyaaminiitiif addee lakkitte. 37 Loltooti riphaneeranu ariiti'iin gara qachaa Giibe'aa ori'anee, namoota qachaa keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane. 38 Worri Israa'elootaa loltoota riphane woliin qachaa keessaa beessisa duumensa aaraa akka ol kaasanu, wolii galtee godhaneeraniiyyu. 39 Achiin duuba worri Israa'elii lola irraa duubatti deebi'ane; worri Beniyaaminii ammoo Israa'eloota soddoma waan ijjeesaneeranuuf, «Akkuma lola qaraa nuuti isaan injifatiisatti jirra» jedhanee yaadan. 40 Te'uu malee duumensi aaraa qachaa keessaa yennaa ol ka'iisa jalqabe, worri Beniyaaminii ifiin duuba garagalanee, aarri qachaa duudi'ii gara gubba'aa ka'uun dhaggane. 41 Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee lolane; worri Beniyaaminiille badii isaanitti dhikaatte waan dhagganeef bararaqane. 42 Tanaaf isaan Israa'eloota duraa gara goomole'ee gula baqatane; te'uu malee loltoota Israa'elii jalaa bayiisaaf hin dandeenne; worri qachaa keessaa gad bayiisatti jiru wodhakka'atti isaan ijjeesane. 43 Loltooti Israa'elii worra Beniyaaminii marsanee, haga addee qachaa Giibe'aa irraa gara aduun baatu jirtuutitti isaan ari'ane fixane. 44 Loltooti Beniyaaminii worri jajjabaan marti kum kudhanii saddeeti ijjeefamane. 45 Yennaa isaan gara goomole'ee gula rassaa Rimooniititti baqatane, loltooti Israa'elii karaa irratti namoota kuma shan isaan keessaa ijjeesane; haga Giidomiititti ari'anee namoota kuma lama dabalanee ijjeesane. 46 Guyyaa san loltooti Beniyaaminii worri jajjabaan shallaagaa hidhatane kum diddamii shan dhumatane.
47 Namooti dhibbi jaa ammoo, deebi'anee gara goomole'ee gula rassaa Rimooniititti baqatanee, achitti ji'a afur turane. 48 Israa'elooti gara lafa worra Beniyaaminii duubatti deebi'anee, namoota, hori'ii fi waan qachaa keessatti dhaggane mara shallaaga'aan ijjeesane; qachoota itti dhufane maralle ibiddaan gubane.

*20:16 Irraa hin qabanu: Yookiin irraa hin gorsan.