7
Ermiyaas Galma Waaqaa Keessatti Barsiise.
1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru: 2 «Karra Galma Mootii Waan Maraa dura dhaabbadhuutii, ‹Mootii Waan Maraa waaqonfatiisaaf, karra tanaan worri seentanu kolbaan Yihuda'aa marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!› jedhii ergaa tana lallabi. 3 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii: Karaa keessanii fi hujii teessan haareffadha'a! Anille addee tana akka isin leetanu hin godha. 4 Dubbii dharaa dhugeeffattanee, ‹Kun Galma Mootii Waan Maraa ti! Kun Galma Mootii Waan Maraa ti! Kun Galma Mootii Waan Maraa ti!› hin jedhina'a.
5 «Karaa keessanii fi hujii teessan dhugumaan yoo haareffattane, wol woliif haqa yoo hujjane, 6 nama alaga'aa fi ijoollee abbaa hin qanne, haadha hiyyeessaalle yoo cunqursuu dhaddane, addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qannee yoo dhangalaasuu dhaddane, waaqota dhibii gula deemiisaan yoo ifi miidhu dhaddane, 7 ani lafa abbootii teessaniif haga bara baraa akka keessa le'anuuf kenne san keessa akka isin leetanu hin godha. 8 Isin ammoo dubbii dharaa ta bu'aa hin qanne dhugeeffattan. 9 Isin hin hattan; nama hin ijjeettan; hin gaarayyeeffattan; dharaan kakattan; Ba'aaliif hixaana aarsitan; waaqota dhibii ka hin beenne san gula deemaa, 10 addee maqaan kiyya itti waamamu, gara Galma kiyyaa dhuttanee, na dura dhaabbattanee, waan battii tana hujaa, ‹Wonni nu miidhu hin jiru› jettan. 11 Galmi kiyya ka maqaan kiyya itti waamamu, daggala hattu'uu isiniif te'eeraa? Kunoo, ani waan isin gootanu kana dhaggeera. 12 Amma addee qara maqaan kiyya akka itti waamamuuf filadhe gara qachaa Shiilo'oo dhaqa'aatii, sababa hammeenna kolbaa tiyya Israa'eliitiif waan ani godhe ilaala'a. 13 Isin waan kana mara adoo gootanuu, itti deddeebi'ee isinitti dubbadheera; isin ammoo na hin caqanne; yennaa ani isin waamelle na jalaa hin owwaanne. 14 Tanaaf waan qara qachaa Shiilo'oo godhe, ammalle addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma isin itti dhugeeffattanu, addee isinii fi abbootii teessaniif kenne tana akkasuma hin godha. 15 Obboleeyyan teessan sanyii Efreemii mara fuula kiyya duraa akkuma ari'e, isinille fuula kiyya duraa hin ari'a.»
Ajajamuu Dhabiisa Kolba'aa
16 «Ee Ermiyaas, ani waan si'iif hin dhageenneef, kolbaa tanaaf hin daadimatin; marroo isaaniitiif na woliin hin falmin yookiin waan tokkolle na hin gaafatin yookiin na hin daadimatin. 17 Qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti waan isaan hujiisatti jiranu, ati hin dhaggituu? 18 Ijoolleen qoraan cassiti; abbootiin ibidda gabbitti; waaqa dharaa ta, ‹Mootittii ol-gubba'aa› jedhantuuf daabboo bilcheesiisaaf, dubartooti bukoo bukeessiti; na aarsiisaaf waaqota dhibi'iif daadhii woyni'ii dhibaasan. 19 Ka isaan aarsanu anaa? Isaan ifuma miidhanee, fokkoo ifi irratti fidan. 20 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani aari'ii fi mufii tiyya addee tana irratti, namaa fi bineensota irratti, muka badda'aatii fi midhaan ficha'aa irratti hin dhangalaasa; isiin hin bobeetti; hin dhaantulle'e› jedha.
21 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Woreega ciinca'aa ciincaa dhibi'itti dabala'aatii, foon san ifiifuu nyaadha'a. 22 Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baase, waan woreega ciinca'aatii fi ciincaa dhibi'ii womaa isaanitti hin dubbanne yookiin ajajalle isaaniif hin kennine. 23 Ammoo naaf ajajama'a! Anille Waaqa keessan isiniif hin te'a; isinille kolbaa tiyya hin teetan; akka isinii milkoottuuf, karaa ani isin ajaju mara deema'a!› jedhee isaan ajajeera. 24 Isaan ammoo mataa jabaatanee hammeenna gadhaa ifii gula deemane malee, na hin dhageenne yookiin hin caqanne. Isaan gara duubaa deemane malee, gara duraa hin deenne. 25 Bara abbootiin teessan biyya Gibxi'ii keessaa baateen jalqabee haga ammaa guyyuma guyya'aan, deddeebisee tajaajiltoota tiyya raagota gara keessan erge. 26 Kolbaan ammoo na hin dhageenne yookiin na hin caqanne. Mataa jabaatanee abbootii ifii ta durii caalaa hantuu hujane.
27 «Ati tana mara yennaa isaanitti hintu, isaan ammoo si hin caqasanu; yennaa ati isaan waantulle si jalaa hin owwaatanu. 28 Tanaaf, ati isaaniin, ‹Isin kolbaan tun ta Waaqa ifiitiif hin ajajanne yookiin ta gorsa isaalle hin fudhanne. Dhugaalle afaan keessan keessaa baddeerti. 29 Mootiin Waan Maraa dhaloota itti mufateeru kana tuffatee waan lakkiseef, rifeensa mataa keessanii haadadha'aatii ifi irraa gata'a; qaccee koobota goddu'uu irratti ol baya'aatii qoonqoo teessan ol qabadha'aatii faaruu awwaalaa faarsa'a.
Dhooqa Qalmaa
30 « ‹Kolbaan Yihuda'aa fuula kiyya duratti waan hantuu hujjeerti. Isaan waaqa dharaa batticha, addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma kiyya keessa keyanee, Galma kiyya batteesaneeran. 31 Waan ani isaan hin ajajin, ta ani qalbii tiyya keessaa hin qanne, ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta duraa ciincaa dhikeessiisaaf dhooqa ilma Hiinomii keessatti, addee waaqonfanna'aa ta «Toofet» jedhantu ijaarane. 32 Tanaaf, haga addeen dhabantutti, nama du'e Toofet keessatti waan awwaalanuuf, haganaa achi maqaan addee sanii, «Dhooqa itti qalamanu» jedhama malee, «Toofet» yookiin «Dhooqa ilma Hiinomii» barri hin jedhanne hin dhufa. 33 Reeffi kolbaa tanaa allaatti'ii fi bineensaaf sagalee hin te'a; nami reeffa san irraa isaan ari'u tokkolle hin jiraatu. 34 Latti waan ontuuf, ani qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessaa hin balleessa.