8
1 «‹Mootiin Waan Maraa, «Yennaa san lafee moototaa fi qondaaltota Yihuda'aa, lafee hayyootaatii fi raagotaa, lafee kolbaa Yerusaalemiille boolla awwaalaa keessaa hin baasan. 2 Lafeen sun aduu, ji'aa fi urjoota ol-gubba'aa, worra dur jaalatane, worra dur tajaajilane, worra dur hordofane, worra dur gorsa irraa fudhatanee fi worra dur waaqonfatane mara duratti hin xeeraman malee wolitti hin qabamanu yookiin hin awwaalamanu; ammoo akka cego'oo lafatti hin gataman. 3 Kolbaa hantuu tana keessaa worri jiru'uun hafe marti addee ani isaan ari'e maratti jiruu irra du'a hin filatan» jedha.
Adabbii Cubbuun Fidde
4 «‹Mootiin Waan Maraa: Nami yoo jige,
deebi'ee hin ka'uu ree?
Nami karaa irraa yoo gore, kara'atti hin deebi'uu ree?
5 Kolbaan tun maaf gara duubaa deebiti ree?
Maaf Yerusaalem yennaa mara gara duubaa deebiti ree?
Isaan soba jabeessanee qabataneeran;
isaan deebi'iisa didaneeran.
6 Ani miidhassee isaan caqaseera;
isaan ammoo waan sirrii te'e hin dubbatanu.
Eennulle: Ani maan hujeera jedhee,
hammeenna ifii irraa ka deebi'u hin jiru;
akka farda lolaaf qophowe tokkoo
tokko tokkoon isaanii karaa ifii fiigan.
7 Qongaanuu yennaa ifii beeka;
Saphaliisi, risa'aa fi cuquliis
yennaa itti godaananu hin beekan.
Kolbaan tiyya ammoo seera kiyya hin beettu.
8 «‹Worri feenii sobaatiin barreessu eega jiraatee,
isin: Seera Mootii Waan Maraa waan qannuuf,
nuuti qaroole'e attam jedhuu dandeettan ree?
9 Worri qarooleen hin fokkifatan; hin salphatan;
tiyyoolle'een hin qabaman.
Jecha Mootii Waan Maraa eega lakkisanee
qarummaa attamii qabaatan ree?
10 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa
niitota isaanii namoota dhibi'iif hin kenna.
Fichaa isaaniille ormaaf hin kenna.
Diqqaa irraa kaasee haga guddaa isaaniititti,
marti isaanii bu'aa isaanii hin malleef joljolan;
raagotii fi hayyooti akkasuma marti isaanii nama soban.
11 Madaa kolbaa tiyyaa akka waan salpha'aatitti laakkowanee,
akka maltetti hin cidhoomanu.
Nageenni adoo hin jiraatin:
Nageya! Nageya! jedhan.
12 Waan battii yennaa hujanu fokkifataneeraniiyyuu?
Waawwo'o ijjumaa hin fokkifanne;
isaan attam akka salphatanu hin beekanu;
Tanaaf worra jige oddu'utti hin jigan;
yennaa ani isaan adabulle hin salphatan.
13 «‹Mootiin Waan Maraa:
Ani waan isaan galfatanu mara hin balleessa;
muka woyni'ii irra midhaan woyni'ii,
muka harru'uu irra midhaan harru'uu hin jiraatu;
koolli isaaniille hin qoora;
wonni ani isaaniif kenne marti
isaan irraa hin fudhatama› jedha» jedhe.
14 Kolbaan sun deebittee, «Nuuti Mootii Waan Maraa
Waaqa keenna duratti cubbuu waan hunyeef,
inni bisaan hadhaa qabu nu obaasee akka bannu nu godheera;
nuuti maaf as teenna ree?
Wolitti qabannee gara qachaa dalleya dhaka'aa qabuu baqannee,
achitti banuu ti.
15 Nuuti ‹Nageenni hin te'a› jennee addanne;
ammoo wonni dansaan hin teene.
‹Yennaa fayyinnaatitti te'a› jennee addanne;
ammoo bararaqatti te'e.
16 Fooqqisiisi fardoo diinotaa biyya Daanii irraa dhage'ame;
yennaa isaan himimmisanu latti marti tachoote.
Isaan lafaa fi waan isii keessa jiru mara
qacha'aa fi worra isii keessa le'anu liqinsiisaaf dhufane» jetti.
17 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani dhudhuufaa hadhaa qabu
ka worri xanoo xanu dhooggee hin dandeenne,
odduu teessanitti hin erga;
isaanille isin hin iddan» jedha.
Ermiyaas Kolbaa Ifiitiif Gadde
18 Gaddi hamaan na dhaqqabeera;
ani gaggabeera.
19 Iyya kolbaan tiyya biyya fago'oo irraa,
«Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessa hin jiruu?
Mootiin isi'ii achi keessa hin jiruu?» jettu dhage'i.
Waaqi ammoo, «Isaan fakki'ii fi waaqota dharaa ka ormaa
waaqonfatiisaan maaf na aarsan» jedha.
20 Kolbaan, «Yennaa midhaan galfatanu dabarte;
bonni dhumate; nuuti rakkoo keessaa hin baane» jetti.
21 Kolbaan tiyya waan miidhanteef anille miidhameera;
ani bowe, sodaadheelle bowe.
22 Giil'aad keessa qorsi dibatanu hin jiruu?
Cidheessi achi hin jiruu?
Madaan kolbaa tiyyaa maaf hin fayyine ree?