9
Ani kolbaa tiyya ta qalanteef,
Halkanii fi guyyaa akka bowuuf,
mataan kiyya madda bisaanii
ilti tiyyalle burqaa imimmaanii adoo teetee hin halcha!
Kolbaan tiyya gaarayyeeffattootaa fi
gumii hin addatanne waan teeteef,
ani isaan lakkisee, irraa fagaadhee deemee
goomolee keessatti addee keessummooti bultu
adoo qabaadhee hin fedha.
Mootiin Waan Maraa, «Isaan dhara dubbatiisaaf,
akka guube'ee arraba ifii qopheeffatan;
isaan lafa tana irratti hammeenna irratti
hammeenna dabalatan malee,
dhuga'atti hin jabaatanu; analle hin beekanu.
Nami marti sobaalessa,
jaalli martille hamatticha waan te'eef,
obboleessi obboleessa ifii irraa ifi eegatuu ti;
jaallille jaala ifii hin addatin.
Jaalli jaala ifii hin soba;
dhugaa ka dubbatu hin jiru.
Isaan arraba ifii soba dubbatiisa barsiisaneeran;
cubbuu hujiisaan ifi dadhassiisaneeran.
Ati soba odduu leeta;
Isaan soba ifii irraa ka ka'e,
na beekiisa didaneeran» jedha.
Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,
«Kunoo, ani akka sibiilaa baqisiisee,
kolbaa tiyya haga hin ilaala;
sababa cubbuu kolbaa tiyyaatiif,
waan dhibii maan godhuu dande'a ree?
Arrabi isaanii akka daaya nama ijjeesuu ti;
afaan isaaniille soba dubbata.
Isaan nama maratti dubbii dansaa dubbatan;
gadhaa ifii keessatti ammoo
mala hamaa isaaniif dhowan.
Waan kanaaf ani isaan hin adabuu ree?
Kolbaa akkanaa tana ani haluu hin bayuu ree?» jedha.
10 Gaarotii fi addeen horiin dheedu ontee,
namille keessa waan hin ideenneef,
madhi hori'ii achi keessa waan hin jirreef,
allaatti'ii fi bineensoti achi keessaa waan baqataneef,
ani wiiccifadhee isaaniif hin bowa.
11 Mootiin Waan Maraa, «Yerusaalem tuulaa bututaa,
addee jeedalti*Jeedalti: Lafa tokko tokkotti ukkullo jedhanti. keessa leetu hin godha;
qachoota Yihuda'aalle ona
ka nami keessa hin leene hin godha» jedha.
12 Nami qaroon waan kana hubatuu dande'u eennu? Mootiin Waan Maraa itti mudhisee, nami waan kana himuu dande'u eennu? Latti maaf akka goomolee nami keessa hin deennee, ona teete ree?
13 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Seera ani isaaniif kenne lakkisanee, naaf waan hin ajajaminiif yookiin akka seera kiyyaatitti waan hin ideeminiif tun teete. 14 Isaan mata-jabeeyyii te'anee, akka fedhii ifii ideemiisaan akkuma abbootiin isaanii ta durii isaan barsiitte, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatane. 15 Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, kolbaa tana sagalee hadhoottuu hin nyaachisa; bisaan hadhaa qabu hin obaasa. 16 Ani gosa biyya adda addaa ta isaan yookiin ta abbootiin isaanii ta durii hin beenne oddu'utti isaan hin bittinneessa; haga isaan balleessutti shallaaga'aan isaan hin ari'a» jedha.
Kolbaan Yerusaalemii Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Iyyite
17 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Amma, marroo waan kanaa yaadadha'a! Dubartoota faaruu awwaalaa faarsitu waansisa'a. Isaan keessaa worra boochisiisaan beekkamanetti erga'a. 18 Isaaniin, ‹Ila teenna keessaa imimmaan haga dhangalaatutti, gaara ila teennaa jalaa bisaan haga burqutti ariiti'iin kowa'aatii nu boochisa'a› jedha'a. 19 Qoonqoon bowichaa, ‹Nuuti ijjumaa banne!
Nuuti ijjumaa salphanne!
Manni keenna waan diigameef,
lafa teenna lakkinnee deemuu qanna› ta jettu
Xiyoon keessaa hin dhage'anti» jedha.
20 Ee, dubartoota Yihuda'aa,
amma jecha Mootii Waan Maraa caqasa'a!
Jecha afaan isaa keessaa bawu dhage'iisaaf,
gurra keessan banadha'a.
Ijoollee durraa teessan attam akka bowanu barsiisa'a;
Faaruu awwaalaa wol barsiisa'a.
21 Duuti karaa fodda'aatiin ol yaaddee,
gara kushee teennaa seenteerti;
ijoollee teenna woldeennaa karaa irratti,
dargaggootalle badhinnatti ijjeetteerti.
22 Isin kolbaa tanatti dubbadha'aatii, «Mootiin Waan Maraa,
‹Reeffi namaa akka cegoo diidatti gatanee,
akka woxoo worra midhaan haamu irraa hattee,
ka nami wolitti qabu hin jirree hin te'a› jedha» jedha'a.
23 Mootiin Waan Maraa,
«Nami qaroon qarummaa ifiitiin,
nami hunnaamessi hunna ifiitiin,
nami dureessi durummaa ifiitiin ifi hin jajin.
24 Nami ifi jaju,
ani Mootiin Waan Maraa lafa irratti jaalala bara baraa,
haqaa fi balchummaa akka mudhisu hubatiisaa fi
beekiisaan ifi jajuu ti;
ani waan kanatti gammada» jedha.
25 Mootiin Waan Maraa, «Worra maqaa calla'aaf haqanqabaa qabate mara guyyaan adabu hin dhufa; 26 worra Gibxi'ii, worra Yihuda'aa, worra Edoomii, worra Amoonii, worra Mo'aabiitii fi worra rifeensa mataa ifii cinaa quxatu ka goomolee keessa le'u mara hin adaba; gosi biyya adda addaa tun marti haqanqabaa qabataneeran; te'uu malee, isaan martii fi kolbaan Israa'elii martinuu gadhaa tokkochaan haqanqabaa san hin qabanne» jedha.

*9:11 Jeedalti: Lafa tokko tokkotti ukkullo jedhanti.