22
Muraa Mootota Hamaaleyyii Irratti Murante
Mootiin Waan Maraa, «Gara mana mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa gad dhaqii achitti ergaa tana lallabiitii: ‹Ee mootii Yihuda'aa ka barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra teetteertu, qondaaltoti teetii fi kolbaan teeti ta karra tanaan seentu jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhi» jedhe. Yennaa san raagichi, «Mootiin Waan Maraa, ‹Waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e huja'a. Nama saamame harka worra isa cunqursuutii baasa'a. Nama ormaa, ijoollee abbaa hin qanne yookiin haadha hiyyeessaa irratti yakkaa hin hujina'a yookiin hunnaan irratti hin ka'ina'a. Addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qanneelle hin dhangalaasina'a. Isin ajaja kana akka dansaa yoo eegattane, moototi barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra tee'anu, qondaaltotaa fi kolbaa ifii woliin garreettaa fardaan harkifamuu fi farda irra tee'anee karra mana mootumma'aa tanaan seenaa hin bayan. Isin ajaja kana yoo hin eegatin ammoo manni mootumma'aa kun akka diigamu aninuu kakadheera› » jedha.
Mootiin Waan Maraa marroo mana mootummaa mootii Yihuda'aatiif,
«Ati manni mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa,
akka Giil'aadiitii fi akka qaccee gaara Libaanonii
miidhagaa naaf teetulle,
ani dhugumaan akka lafa goomole'ee,
akka qachaa nami keessaa hin jirree si hin godha.
Worri si balleessu meya woraanaa qabatee
akka sitti dhufu hin godha;
isaan utuboota muka hindheensaa keeti
miidhagaa san mummuranee
ibiddatti hin gatan.
«Gosi biyya adda addaa bacaan qachaa kana keessa dabaraa: ‹Mootiin Waan Maraa qachaa guddaa kana maaf akkana godhe?› jedhaa wol gaafatan. Achiin duuba: ‹Isaan gondooroo Mootii Waan Maraa ta Waaqa ifii diiganee, waaqota dharaa dhibii waaqonfatanee waan tajaajilaneef tun teete jedhan› jedha» jedhe.
10 Mootichi booji'ame ijjumaa waan hin deebinneef,
biyya itti dhalate san deebi'ee waan hin dhaggineef
isaaf bowa'a malee
mooticha du'eef hin bowina'a;
hin gaddinaalle'e.
11 Mootiin Waan Maraa marroo Shaalumiin ilmi Yosiyaasii ka addee abbaa ifii bu'ee Yihudaa irratti mootii te'ee, «Inni haganaa achi as hin deebi'u; 12 inni addee booji'amee dhaqe sanumatti du'a malee lafa tana deebi'ee hin dhaggu.
 
13 «Nama mana mootumma'aa ka ifii seera malee,
kolloo ifii ta mana irraalle haqa malee ijaarsifatuuf,
ka kolbaa ifii akkasumaan hujisiifatuuf,
ka eloo isaaniif hin kaffalleef aanne'e!
14 Inni, ‹Ani mana mootumma'aa guddaa,
ka kolloo badhoo ifi irraa qabu hin ijaarradha;
foddaa hedduu itti hin baafadha;
muka birbirsaatiin seefadhee
halluu diintuu itti halladha› hin jedha.
15 Mana keeti muka birbirsaatiin ijaaratiisaan
mootii teete seetaa?
Abbaan keeti haqaa fi balchummaa waan hujeef
waan nyaatuu fi unu dhabeeraa?
Maarre wonni marti isaaf teeteerti.
16 Inni worra hiyyeessaa fi worra rakkata'aafille,
haqaan mureera;
tanaaf wonni marti isaaf teete.
Ana Mootii Waan Maraa beekiisi tana jechu'uu motii ree?
17 Ilti teetii fi gadhaan keeti ammoo
bu'aa dabaan dhaggatanu irratti,
dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasiisa irratti,
nama miidhiisaa fi saamiisa irratti xiyyeeffatan.
18 Tanaaf mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiimii ilma Yosiyaasiitiif,
nami, ‹Aannee obboleessa kiyya! Aannee obboleettii tiyya!
Aannee goottaa kiyya!
Aannee arnya isaa!› jedhee isaaf bowu hin jiru;
19 inni akka harree duutee harkifamee,
dalleya Yerusaalemiitiin alatti hin gatama.
20 Ee kolbaa Yerusaalemii! Jaaloti teessan waan badaneef
gara Libaanonii ol baya'aatii iyya'a!
Qoonqoo teessan ol-qabadha'aatii
Baashaan keessatti dhageessisa'a;
gaara Abaariimii irralle'etti iyya'a!
21 Yennaa isin nageyaan jirtanu, ani isinitti dubbadheera;
isin ammoo dhage'uu diddane.
Bara ijoollummaa teessaniitii jalqaddanee
kanuma hujjane;
isin naaf hin ajajanne.
22 Sooressitoota teessan mara qilleensi fuudhee hin dabara;
jaaloti teessanille booji'amanee hin deeman;
Achiin duuba isin sababa hammeenna keessaniitiif
qaanotanee hin salphatan.
23 Isin worri hindheensa Libaanoniitiin
mana mootumma'aa keessa ijaarrattanu,
akka dubartii ciniinsifattuu
rakkoon yennaa isin dhaqqadde,
attam attam aaddan ree?
Muraa Waaqaa Ta Yehoyaaqiim Dhaqqadde
24 «Ee Yehoyaakiinii mootii Yihuda'aa, ilma Yehoyaaqiimii! Dhugaa ana Waaqa jiraata'aa, ati chaappaa qubee harka kiyyaa middichaa adoo teetee jiraattelle'ee ifi irraa baasee si hin gata. 25 Ani harka worra si ijjeesiisaaf barbaadutti, harka worra ati sodaatutti, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariitii fi harka worra Baabiloniititti dabarsee si hin kenna. 26 Ani si'ii fi haadha teeti ta si deette gara biyya dhibi'ii ta isin keessatti hin dhalatinitti isin hin gata; isin lamaanuu achitti hin duutan. 27 Lafa itti deebi'iisaaf dharraatanu sanitti ijjumaa hin deebitanu» jedhe.
 
28 Yehoyaakiin kun
akka okkotee caddee
ta nami hin barbaannee,
ka tuffatamee ree?
Innii fi ijoolleen isaa
lafa hin beennetti maaf gatamane ree?
29 Ee lafa! Lafa! Lafa!
Jecha Mootiin Waan Maraa dhage'i!
30 Mootiin Waan Maraa, «Sanyii namicha kanaa keessaa,
haganaa achi dhalatee barcumaa mootummaa Daawitii irra ka tee'u,
yookiin ka biyya Yihuda'aa bulchu tokkolle waan hin jiraanneef,
inni akka nama ijoollee hin qannee,
akka nama bara jiruu ifii keessatti
wonni tokkolle isaaf hin tolinii akka te'e galmeessi!» jedhe.