23
Addii Gara Duraa
Mootiin Waan Maraa, «Tissitoota addee tika kiyyaatii hoolota tiyya bittinneessitee balleessituuf aanne'e!» jedha. Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii marroo bulchitoota kolbaa tiyya eedduutiif, «Isin kolbaa tiyya bittinneessitanee waan ariitaneef, akka maltetti waan hin eeginiif, waan hantuu isin hujjaneef ani isin hin adaba. Aninuu kolbaa tiyya ta lubbu'uun hatte, biyya isaan itti bittinneesse san mara keessaa wolitti qabee biyya isaaniititti isaan hin deebisa; isaan achitti horanee hin bacatan. Ani tissitoota isaan eeddu isaaniif hin kaasa; isaan haganaa achi hin sodaatanu yookiin hin bararaqanu, tokkolle isaan keessaa hin dhidhatu» jedha.
Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, barri ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchumma'aan bulchu kaasu dhufaara; inni lafa irratti qarumma'aan bulchaa, waan sirrii te'e hujaa muraa haqaalle hin mura. Bara isaa keessatti kolbaan Yihuda'aa diina ifii jalaa hin baati; kolbaan Israa'eliille nageyaan hin leeti. Maqaan isaalle, ‹Mootiin Waan Maraa balchummaa teenna› jedhamee hin waamama.
«Tanaaf barri kolbaan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase› jedhanee kakatuu lakkisanee, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya kaabaatii fi addee isaan itti bittinneesse keessaa baasee› jedhanee kakatanu hin dhufa» jedha. Achiin duuba lafa ifii keessa hin le'an.
Raagota Dharaameyyii
Marroo raagotaatiif:
 
Gadhaan kiyya raafameera;
lafeen tiyya hollatteerti.
Sababa Mootii Waan Maraatiif,
sababa jecha woyyicha isaatiif,
ani akka nama machowee,
akka nama daadhii woyni'ii unee ifi wollaalee te'eera.
10 Latti worra gaarayyeeffatuun guutanteerti;
sababa kanaaf Mootiin Waan Maraa lafa abaaree,
latti tun gadditeerti;
kaloon goomolee keessaalle qoorteerti.
Raagoleen marti waan hantuu hordottee,
baallii ifii seera malee itti fayyadamaneeran.
11 Mootiin Waan Maraa,
«Raagotii fi hayyooti worra Waaqa malee le'u;
Galma kiyya keessattuu
ani hammeenna isaanii dhaggeera.
12 Tanaaf karaan isaanii mucucaataa hin te'a;
isaan gara dukkanaa gatamanee
achitti hin jigan;
bara isaan adabamanu
ani badii isaanitti hin fida» jedha.
13 Ammalle Mootiin Waan Maraa,
«Ani raagota Samaariya'aa oddu'utti
waan nama jibbisiisu dhaggeera;
isaan maqaa Ba'aaliitiin raaga dubbataa
kolbaa tiyya Israa'el dokonkorsan.
14 Raagota Yerusaalemii odduulle'etti
waan nama shuguggeessu dhaggeera;
isaan hin gaarayyeeffatan;
dharaan ideeman.
Nami tokkolle hammeenna irraa akka hin deebine
worra hantuu huju jajjabeessan.
Marti isaaniituu na duratti akka qachaa Sodoomii,
kolbaan Yerusaalem keessa leetu,
akka qachaa Gomora'aa battowaneeran» jedha.
15 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade marroo raagota Yerusaalemii:
«Raagoti Yerusaalemii Waaqa malee le'iisa
biyya duudii irra waan babadhisaneef,
sagalee hadhoottuu isaan hin nyaachisa;
bisaan hadhaa qabu isaan hin obaasa» jedha.
16 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade:
 
«Waan raagoti isiniif raaganu hin dhage'ina'a;
isaan addii sobaatiin isin guutan.
Waan yaada isaaniititti mudhate dubbatan malee
waan ani dubbadhee moti.
17 Isaan worra na tuffatuun,
‹Mootiin Waan Maraa: Nageyaan hin leetan jedha;
worra mataa jabeenna ifii hordofuun ammoo:
Wonni hantuun isinitti hin dhuttu jedha› jedhan» jedha.
18 Isaan keessaa jecha isaa dhaggiisaaf yookiin dhage'iisaaf
ka marii Mootii Waan Maraa keessa dhaabbate eennu?
Jecha isaa caqasee eentu dhage'e?
19 Kunoo mufiin Mootii Waan Maraa
ta akka bubbee bokkeyaa hin kaati;
hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti.
20 Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessin
mufiin isaa duubatti hin deebitu;
bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan.
21 Mootiin Waan Maraa, «Ani raagota tana hin ergine; te'uu malee isaan ifumaaf ergaa ifii fudhatanee fiigane; ani isaanitti hin dubbanne, te'uu malee isaan raaga dubbatane. 22 Isaan adoo marii tiyya keessa dhaabbatanee jiraatanee, silaa jecha kiyya kolbaa tiyyaaf lallabanee, karaa hamaa isaanii irraa, hujii hantuu isaanii irralle'ee isaan deebisaneeraniiyyuu. 23 Ani Waaqa dhikoo callaa jiruu ree? Ani Waaqa fagoolle jiruu motii ree? 24 Akka ani isa hin dhaggine, addee dhokaataatitti nami dhokatuu dande'u jiraa ree? Lafaa fi ol-gubbaa ka guute anaa motii ree? 25 Ani raagota maqaa kiyyaan, ‹Ani oojjuu oojjadhe! Ani oojjuu oojjadhe!› jedhaa raaga sobaa raaganu dhage'eera. 26 Wonni kun haga yoomii gadhaa raagota dharaa worra yaada ifii keessaa fuudhanee raaga dharaa raaganu keessa jiraatti? 27 Akkuma abbootiin isaanii ta durii Ba'aal waaqonfatiisaan maqaa kiyya dedhane, oojjuu isaan wolitti himanuun, kolbaan tiyya maqaa kiyya akka deetu waan godhane isaanitti fakkaatti. 28 Raagichi oojjuu oojjate, oojjuma ifii san himuu ti; ka ani jecha kiyya itti dubbadhe ammoo addatamumma'aan isuma dubbatuu ti. Hicaace'ee fi midhaan tokkummaa maan qaban? 29 Jechi kiyya akka ibiddaatii motii ree? Akka burrisa rassaa butuchuutii motii ree? 30 Tanaaf ani raagota jecha wol irraa dhage'aa, akka na irraa dhage'aneetitti dubbatanu, 31 raagota ifumaaf dubbataa, ‹Mootii Waan Maraatitti dubbatte› jedhanulle hin morma; 32 kunoo ani raagota oojjuu dharaatiin raaganu hin morma; ani adoo isaan hin ergin yookiin isaan hin ajajin dharaan kolbaa tiyya dokonkorsan; isaan kolbaa tanaaf woy hin bayanu» jedha.
Raaga Raagota Dharaa
33 Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan tun yookiin raagichi tokko yookiin hayyichi tokko, ‹Ergaan Mootiin Waan Maraa maan?› jedhanee yennaa si gaafatane, ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ba'aan ulfaattuun isin; ani ifi irraa fuudhee isin hin gata jedha› jedhiin. 34 Raagichi tokko yookiin hayyichi tokko yookiin eennulle, ‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› yoo jedhe, ani nama sanii fi maatii isaa hin adaba» jedhe. 35 Ermiyaas kolba'aan, «Tokko tokkoon keessan, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan kenne?› Yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate› jedhee jaala ifii yookiin fira ifii gaafatuu ti malee, 36 ‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› jedhee hin dubbatin. Sababille isin jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka Waaqa jiraataa keennaa waan micciirtanuuf, ka isin dubbattanu erguma teessan. 37 Tanaaf isin, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan isiniif kenne› yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate?› jedha'aatii raagota gaafadha'a. 38 Isin, ‹Ergaan tun ta mootii Waan Maraa ti› jettanulle, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti akka isin hin jenne adoo isinitti himuu, isin: Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti jettane. 39 Tanaaf, ani dhugumaan isinille, qachaa isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kennelle hin dedha; fuula kiyya duraa isin hin gata. 40 Salphinnaa fi qaanii bara baraa ta ijjumaa hin dedhanne isinitti hin fida› jedha» jedhe.