24
Kollonjoo Lama Ta Midhaan Harru'uu Qaddu
1 Mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar, mootii Yihuda'aa Yekoniyaa ilma Yehoyaaqiimii, qondaaltota Yihuda'aa, worra hujii harkaa hujuu fi worra sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'ee gara biyya Baabilonii geesseen duuba, Mootiin Waan Maraa kollonjoo lama ta midhaan harru'uu qaddu, ta Galma Mootii Waan Maraa dura keyane natti mudhise. 2 Kollonjoon takkaan midhaan muka harru'uu dansaa ka dursee bilchaate fakkaatu qaddi; ta lammeesso'oo ammoo midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeenne qaddi. 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee, Ermiyaas, maan dhaggiisatti jirta?» jedhe; anille deebisee, «Midhaan muka harru'uu dhaggiisatti jira; midhaan sun dansaan guddoo dansa'a; hamaan ammoo akka malee hamaa ka nami nyaatuu hin dandeenne» jedheen.
4 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 5 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Worra biyya Yihuda'aa keessaa booji'amee gara biyya Baabilonii akka dhaqanu godhe kana akkuma midhaan muka harru'uu dansaa kanaa isaan hin ilaala. 6 Ani akka isaan hin miidhanne isaan eegee gara lafa tanaa akka isaan deebi'anu hin godha; ani isaan hin ijaara malee hin diigu; hin dhaaba malee hin buqqisu; 7 ani qalbii isaan ittiin ani Mootii Waan Maraa akka te'e beekanu isaaniif hin kenna; gadhaa tokkochaan gara kiyya waan deebi'anuuf, isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaaniif hin te'a.
8 «‹Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaa, worra lubbu'uun hafee Yerusaalem keessa yookiin biyya Gibxi'ii keessa le'u akkuma midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee san hin godha. 9 Ani mootummoota biyya lafa maraa duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; addee ani itti isaan bittinneesse maratti akka namooti itti mammaakanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaan abaaranu hin godha. 10 Lafa ani isaanii fi abbootii isaaniitii kenne keessaa haga isaan badanutti shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti hin erga› jedha» jedhe.