30
Waadaa Waaqi Kolbaa Ifiitiif Gale
Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru; Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Jecha ani si'itti dubbadhe mara kitaabatti barreessi. Kunoo barri ani kolbaa tiyya Israa'elii fi Yihudaa boojuu keessaa deebisu dhufiisatti jira; ani gara lafa abbootii isaaniitiif kennetti isaan hin deebisa; latti sunille ta isaanii hin teeti» jedhe.
Mootiin Waan Maraa marroo Israa'eliitii fi Yihuda'aa dubbatee,
«Isin, ‹Nuuti iyya soda'aatii fi
bararaqiisaa dhageenneerra;
nageennille hin jiru› jettaneertan.
Me, gaafadha'aatii ilaala'a!
Dhiirti deyuu hin dandeettii?
Maaf dhiirti marti
akka dubartii ciniinsifattuu
harka ifiitiin gadhaa ifii qabattee
fuulli nama maraa shankaloweeruun
dhagga ree?
Aanne'e! Guyyaan sun
guyyaa hama'a;
guyyaan akka isaa hin jiraatu.
Sanyii Yaaqoobiitiif guyyaa rakkinnaa ti;
isaan ammoo kanuma keessaa hin hafan» jedhe.
 
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani guyyaa san,
waanjoo morma isaanii irraa fuudhee hin cassa;
hidhaana isaanille hin kuta;
haganaa achi ormi garba isaan hin godhatu;
isaan ammoo ana Mootii Waan Maraa Waaqaa ifiitii fi
sanyii Daawitii keessaa mooticha ani isaanii kaasu
hin tajaajilan.
10 Maarre, ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, hin sodaatin!
Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a!
Ani dhugumaan biyya fago'oo irraa isin hin deebisa;
sanyii teessanille
lafa isaan itti booji'amane keessaa hin deebisa.
Yaaqoob deebi'ee bidhaa malee nageyaan hin le'a;
ka isa sodaachisulle hin jiru.
11 Ani isin woliin jira;
isin hin gargaara;
gosa biyya adda addaa
ta odduu isaaniititti isin bittinneesse mara
ijjumaa hin balleessa;
isin ammoo guutumatti hin balleessu;
te'uu malee adoo hin adabin isin hin lakkisu» jedhe.
12 Mootiin Waan Maraa,
«Madaan teessan ta hin fayyine;
miidham keessanille ka hin fayyine.
13 Nami isiniif falmatu hin jiru;
madaa teessaniif qorsi hin jiru;
isin hin fayyitanu.
14 Jaaloti teessan marti isin dedhaneeran;
isaan haajaa keessan hin qabanu.
Yakkaan teessan guddoo
cubbuun teessanille bacaa waan teeteef,
ani akkuma diina dhowanu isin dhowee,
marartii maleelle isin adabe.
15 Isin madaa teessan ta hin fayyineef,
dhukkubbii madaa teessaniitiif maaf boottan?
Yakkaan teessan guddoo,
cubbuun teessanille bacaa waan teeteef,
ani waan kana mara isin irratti godheera.
16 Amma ammoo Worri isin balleessu marti hin bada;
diinoti keessan martinuu hin booji'aman;
worri isin saamu hin saamama;
worri isin dannabu marti hin dannabama.
17 Diinoti keessan isiniin, ‹Xiyoon gatanteerti;
ka haajaa isi'ii qabu hin jiru› jedhanulle
ani ammoo fayya'atti isin hin deebisa;
madaa teessanille hin fayyisa.
18 «Kunoo, ani kolbaa tiyya
worra sanyii Yaaqoobii keessaa booji'ame hin deebisa;
addee isaan le'anutti isaaniif hin marara.
Qachaan Yerusaalemii
addee duriititti deebi'ee hin ijaarama;
manni mootumma'aalle a
ddee duriititti deebi'ee hin ijaarama.
19 Achi keessaa faaruun galataatii fi
qoonqoo firinxiixaa hin dhage'anti.
Ani isaan hin baceessa malee,
laakkossa isaanii hin diqqeessu;
Ani ulfinna isaaniif hin kenna malee
isaan hin salphatanu.
20 Ijoolleen isaanii akkuma durii hin teeti;
kolbaan isaanii fuula kiyya duratti
jabaattee hin dhaabbatti;
ani worra isaan cunqursu mara hin adaba.
21 Namuma isaaniititti isaan sooressa;
ka isaan bulchulle odduma isaaniitii hin dhalata.
Ani gara kiyya isa hin dhikeessa;
innille natti hin dhikaata;
yoo akkas hin te'in eentu gara kiyya dhikaatiisaaf gama?
22 Maarre isin kolbaa tiyya hin teetan;
anille Waaqa keessan hin te'a» jedha.
 
23 Kunoo mufiin Mootii Waan Maraa
ta akka bubbee bokkeyaa hin kaati;
hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti.
24 Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessin
mufiin isaa duubatti hin deebitu;
bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan.