48
Ergaa Marroo Mo'aabii
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, Marroo Mo'aabii,
«Qachaan Nebo'oo waan diigamuuf,
isaaf aanne'e!
Qachaan Kiriiyat-Aayimii hin salphata; hin qabamalle'e
kusheen jadduun isaalle hin salphatti;
hin diigantille'e.
Haganaa achi Mo'aab deebitee hin leellifantu;
namooti qachaa Heshiboonii keessatti
Mo'aab deebitee akka hin beekkanne,
‹Kowa'a biyya Mo'aabii balleessina› jedhaa mala itti hin dhowan;
worri qachaa Maadmeenii keessaalle hin dhumata;
shallaagaan isaan hin ari'a.
Iyya Horonaayim keessaa,
ta diigamiisaatii fi ta badii guddo'oo caqasa'a!
Mo'aab hin diiganti;
ijoolleen isi'iille hin iyyiti.
Bowaa gara Luhiitii ol hin bayan;
badiin waan isaan dhaqqaddeef,
wiiccifatanee bowaa qachaa Horonaayimii irraa gad hin bu'an.
Baqadha'aatii, lubbuu teessan hamburadha'a!
Akka kolbaa qachaa Aro'erii ta goomolee keessaa fagaadha'a!
Hujii teessanii fi durummaa teessanitti waan addatanuuf,
isin hin booji'antan;
waaqi dharaa kemoshille hayyootaa fi
qondaaltota ifii mara woliin hin booji'ama.
Mootiin Waan Maraa waan dubbateef,
ka qachaa balleessu
qachaa tokko tokkooyyuu loliisaaf hin dhufa;
qachaan tokkolle miliqee jalaa hin bayu;
dhooqii fi latti gooroo irraa hin badan.
Mo'aab duwwaa waan teetuuf,
soodda itti facaasa'a;
qachaan isi'ii onee ka nami keessa hin jirre hin te'a» jedha.
10 Nami hujii Mootii Waan Maraa hujiisaaf rincicu ka abaarame te'uu ti;
Mootiin Waan Maraa ajajeeruun,
nami shallaagaa ifii
akka dhiiga hin dhangalaanne dhooggatu,
ka abaarame te'uu ti.
Qachaan Mo'aabii Bade
11 Mootiin Waan Maraa,
«Mo'aab ijoollumma'aa jalqaddee
rakkoo hin beettu;
isiin akka daadhii woyni'ii ta qararantee,
okkotee taan irraa gara okkotee dhibi'ii
adoo hin naqamin turtee,
ta mi'aan isi'ii akkuma qaraa jiruutii fi
ta uddaan isi'ii hin jijjiiraminii ti;
kolbaan isi'ii booji'antee hin beettu.
12 Tanaaf guyyaan ani namoota akka okkote'ee
Mo'aab dhudhulchanu ergu hin dhufa;
isaan Mo'aab akka okkote'ee dhuldhuchanee
duwwaa hamburanee hin caccassan.
13 Akkuma Israa'elooti,
yennaa waaqa dharaa Bet'elitti addatane salphatane,
Mo'aabotille waaqa ifii ka dharaa Kemoshiin hin salphatan.
14 Isin kolbaan Mo'aabii,
attam, ‹Nuuti loltoota hunnaameyyi'i;
nuuti loltoota janna› ifiin jettan?
15 Ani mootichi,
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,
‹Mo'aab hin baddi;
qachaan isi'iille hin qabatama;
dargaggooti isi'ii ta dhiiraa
worri mimmidhaagaan hin ijjeefaman› jedhee dubbadheera.
16 Jinnanni Mo'aabii dhikaateera;
badiin isi'iille ariiti'iin hin dhutti.
 
17 «Worri adaala isi'ii jirtanu marti,
worri gurra isi'ii beettanu marti,
‹Uleen isi'ii ta bokku'uu hunnaamettiin,
uleen isi'ii ta ulfinnaa attamiin cadde?› jedha'aatii isi'iif bowa'a.
18 Mo'aab ka balleessu
isin loliisaaf dhufee,
qachoota keessan ka dalleya dhaka'aa qabu waan diiguuf,
isin worri qachaa Diibonii keessa leetanu,
addee teessan ta ulfinnaa san irraa gad bu'a'aatii
lafa godduu irra tee'a'a!
19 Isin worri qachaa Aro'er keessa leetanu,
karaa irra dhaabbadha'aatii eega'a;
nama baqatuu fi dubartii milixxu,
‹Maanti maan te'e?› jedha'aatii gaafadha'a.
20 Isaanille, ‹Mo'aab waan diiganteef salphatteerti.
Isi'iif wiiccifadha'aatii bowa'a!
Akka isiin baddelle laga Aarnonii biratti lallaba'a› hin jedhan.
21 «Qachoota gooroo irraa keessaa Holoon, Yaahaz, Mefaat irratti, 22 Diibon, Neboonii fi Bet-Diiblaataayim irratti, 23 Kiriiyat-Aayim, Bet-Gaamul, Bet-Me'on irratti, 24 Keriyotii fi Bozraa irratti, qachoota Mo'aabii ka dhiko'oo fi fagoo jiranu mara irratti muraan dhutteerti. 25 Gaafi Mo'aabii cabeera; irreen isi'iille caddeerti» jedha.
Salphinna Mo'aabii
26 Mootiin Waan Maraa, «Mo'aab na caalaa waan ifi gudditteef, akka machoottu, diddiga ifii irralle'etti jiddee akka itti kollanu hin godha. 27 Ee Mo'aab! Kolbaan Israa'elii tun hanna irratti qabanteertii?
Ati yennaa waan isaanii dubbattu maaf mataa raasaa itti murgita ree?
28 Ee isin worri Mo'aab keessa leetanu,
qachoota keessaa baya'aatii rassaa keessa le'a'a;
akka saphaliisa goda qarqaratti mana ijaaratuu te'a'a.
 
29 «Nuuti koora Mo'aabii,
guddoo bondhooriisa isi'iitii fi ifi saadiisa isi'ii,
kooraa fi hunnaan nama irratti ka'iisa isi'ii,
tuffii isi'iille dhageenneerra.
30 Ani Mootiin Waan Maraa koorri isi'ii soba akka te'e hin beeka;
ifi jajiis isi'ii kun womaa hin bayu.
31 Tanaaf, ani Mo'aabiif hin wiiccifadha;
nama Mo'aab keessa jiru maraaf hin bowa;
worra Qiir-Heresiitiifille hin gadda.
32 Ee muka woynii qachaa Siibmaa,
qachaa Yaazeriitiif haga bowu caalaa si'iif hin bowa;
dameeleen teeti haga qarqara abbaaya'aa,
haga abbaayaa Yaazerii banqaaqaneeran.
Ka balleessu dhufee,
midhaan dura bilchaatee fi
unkuruura woyni'ii hin balleessa.
33 Fichaa Mo'aabii ka midhaan dansaa kennu keessaa,
gammadaa fi ililleettiin dhabanteerti;
ani daadhii woyni'ii addee itti cunfanu keessaa balleesseera;
nami gelele'een cunfu hin jiru;
hogaan jiraatulle,
hogaa gammadaatii moti.
 
34 «Qoonqoon iyya isaanii
Heshiboon keessaa haga El'aaleetii fi
haga Yaahaziititti,
Zo'aari keessaa haga Horonaayimiitii fi
haga Eglaat Shelshiiya'aatitti hin dhage'anti;
bisaan Niimriimiituu hin goga.
35 Ani worra addee waaqonfanna'aa irratti,
kennansa dhikeessu fi
worra waaqota dharaa ifiitiif hixaana aarsu,
Mo'aab keessaa hin balleessa.
36 Qabeenni Mo'aabiitii fi
kolbaa Qir-Heresii waan badeef,
akka worra suusullee gaddaa afuufaa gadduu,
gadhaan kiyya isaaniif hin gadda.
37 Marti isaanii mataa haadatanee,
areeda ifiille quxataneeran;
harka ifii mummuratanee,
woyaa gaddaa uffataneeran.
38 Akka okkotee nami hin barbaannee,
ani Mo'aab waan casseef,
heellichoo mana Mo'aabii mara irraa fi
woldeennaa kara'aa mara irratti,
bowa malee wonni dhage'amu hin jiru.
39 Mo'aab attam attam bututte!
Kolbaan isi'ii attam attam wiiccifatte!
Isiin attam attam salphattee duubatti deebite!
Mo'aab ta nami itti kollu,
worra adaala isi'ii jiru maratti,
waan hantuu nami dhaggee bararaqu teeteerti» jedha.
 
40 Ammalle Mootiin Waan Maraa,
«Kunoo, akka risaa koola ifii badhisee xinniquu,
diinni Mo'aab irratti hin dhufa.
41 Qachooti isi'ii hin qabaman;
kusheen isi'ii jadduun hin fudhataman;
guyyaa san loltooti Mo'aabii,
sodaatanee akka dubartii ciniinsifattuu hin te'an.
42 Mo'aab ana Mootiin Waan Maraa irratti waan ifi saaddeef,
mootummaan isi'ii hin baddi.
43 Ee kolbaa Mo'aabii,
bararaqi, boollii fi tiyyoon isin dura jirti.
44 Bara ani isaan adabu worri bararaqee baqatu
boolla keessa hin bu'a;
worri boolla keessaa utaalee bawu,
tiyyo'oon hin qabama.
45 Qachaa Heshiboonii keessaa ibiddi,
mana Sihoonii mootichaa keessalle'ee bobe'i ibiddaa bayee,
adda Mo'aabii,
buqqii mataa worra hogisee kooruu,
gubee hin balleessa.
Worri baqatee gara Heshoobii dhufe,
dadhabee gaaddisa isi'ii jala hin dhaabata.
46 Ee Mo'aab si'iif aanne'e!
Kolbaan Kemoshii baddeerti;
ilmaan teessan qabamaneeran;
ijoolleen duraa teessanille
booji'amaneeran.
 
47 «Te'uu malee barri ani worra Mo'aab keessaa booji'ame
adde'etti deebisu hin dhufa;
muraan Mo'aab irratti murante as irratti dhumatti» jedha.