49
Ergaa Marroo Biyya Amoonii
1 Marroo Amoonotaatiif Mootiin Waan Maraa, «Israa'el ilmaan dhiiraa hin qabuu?
Ta isa dhaaltu hin jirtuu?
Worri waaqa dharaa Miilkom waaqonfatu
maaf sanyii Gaadii ari'ee,
lafa isaanii qabatee qachaa isaanii keessa qubatte ree?
2 Tanaaf, guyyaan ani qachaa Amoonotaa Raabaa irratti
iyya lolaa dhageessisu hin dhufa;
qachaan sun diigamee tuulaa bututaa hin te'a;
ollaan adaala isi'ii marti ibiddaan hin gubaman.
Achiin duuba Israa'el worra dur isii ari'ee dhaale,
isiille isaan ariitee hin dhaalti.
3 Ee kolbaa Heshiboonii,
qachaan Aayii waan diigameef, wiiccifadha'a!
Ee worra Raabaa keessa leetanu,
waaqi dharaa keessan Miilkom
hayyootaa fi qondaaltota ifii woliin waan booji'amuuf,
woyaa gaddaa uffadha'aatii bowa'a;
dalleya keessa asii fi achi fiiga'a!
4 Ee worra addatamummaa hin qanne,
isin maaf dhooqa teessan
ta midhaan dansaa baachuun koortan.
Isin durummaa teessanitti addatanee,
‹Eentu nu loluu dande'a?› jettan.
5 Ani Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u,
worri adaala keessan jiru marti
akka isin bararassu hin godha.
Isin martinuu hin ari'antan;
worra baqate san
nami wolitti qabu hin jiru.
6 «Yennaa diqqo'oon duuba ammoo,
ani boojuu Amoonotaa hin deebisa» jedha.
Ergaa Marroo Edoomii
7 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade marroo Edoomiitiif, «Qarummaan Temaan keessa hin jirtuu? Gorsi worra qalbeeffannaa qabu jalaa baddee ree? Qarummaan isaaniille isaan irraa baddee ree?
8 Ani sanyii Esaawuu yennaa adabu
balaa isaan irratti waan fiduuf,
isin worri Dedaan keessa leetanu
duubatti deebi'aatii baqadha'a!
Goda qilee keessatti dhokadha'a!
9 Worri midhaan woyni'ii guuratu gara keessan yoo dhufe,
harcaa irratti hin lakkisanii motii ree?
Hattuulle halkan yoo dhutte,
haguma barbaadde callaa hattii motii ree?
10 Ani ammoo sanyii Esaawuu ijjumaa qullaa hin hambura;
akka isaan dhokatuu hin dandeenne,
addee isaan itti dhokatanu hin mudhisa.
Sanyiin isaa, obboleeyyan isaatii fi
ollaan isaa hin badan;
isaan deebi'anee hin jiraatanu.
11 Ijoollee teessan ta abbaa hin qanne lakkisi;
ani jiruu isaanii hin eega;
haadhotiin hiyyeessaa teessanille
natti addattuu ti» jedha.
12 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo worri muduunuu adabbi'ii tiyya keessaa unuun isaaniif hin malleeyyuu eega unanu te'ee, isin attam isii keessaa unuu dhaddan ree? Isin adoo hin adabamin hin hattanu; muduunuu adabbi'ii keessaa unuu qaddan. 13 Bazraan diigantee, waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan shashaatii fi abaarsaa akka teetu, qachooti isi'iille martinuu haga bara baraa diigamanee akka hafanu, ani maqaa kiyyaan kakadheera» jedha.
14 Ani ergaa Mootii Waan Maraa biraa, «Ergamaan gara gosa biyya adda addaa ergamee, ‹Kowa'a, wolitti qabama'aatii Edoomitti duuliisaaf qophowa'a! Isii loliisaafille ka'a'a!› jedhu» takka dhage'eera. 15 Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Ani amma gosa biyya adda addaa oddu'utti akka ati diqqaattu, namoota odduulle'etti akka ati tuffatantu si hin godha.
16 «Ee Edoom, ta holla rassa'aa keessa leetu,
ta kooba gubbaa qabatte,
jannuma'aa fi koorri keeti si sobeera.
Mana keeti akka risa'aa qaccee koobaa irratti
ijaarratulle ani achi irraa gad si hin buusa.
17 «Edoom waan hantuu nami dhaggee bararaqu hin teeti;
sababa badii isi'iitiif nami karaa san dabaru marti
maadeffataa itti murga.
18 «Akkuma Sodoomii fi Gomoraan
qachoota ollaa isaanii jiranu woliin badane,
nami tokkolle Edoom keessa hin le'u;
nami tokkolle isii keessa hin jiraatu.
19 «Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa,
gara lafa marra bisile'ee dhufu,
anille dedhuma gara worra Edoomii dhufee,
lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a;
nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa.
Nami akka kiyyaa eennu ree?
Nami ‹Maaf tana goote?› jedhee
na gaafatu eennu ree?
Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree?
20 Tanaaf, waan ani Mootiin Waan Maraa
Edoom irratti fidiisaaf yaadeeru,
yaada ani worra Temaan keessa le'u irratti qopheesseeru dhage'a'a!
Ijoolleen isaanii akka ilmoolee hoole'ee
harkifamanee hin fudhataman;
sababa isaaniitiif kaloon isaanii hin baddi.
21 Edoom yennaa jiddu
iyya bowaatiin latti hin tachooti;
iyyi isaanii haga Abbaayaa Diintu'uutitti hin dhage'anti.
22 Kunoo, akka risaa koola ifii badhisee irii gad xinniquu,
diinni Bozraa irratti gad hin bu'a;
guyyaa san loltooti Edoomii sodaattee
akka dubartii ciniinsifattuu hin teeti» jedha.
Ergaa Marroo Damaasqo'oo
23 Mootiin Waan Maraa, Marroo Damaasqo'oo dubbatee:
«Kolbaan qachaa Haamaatiitii fi Arphaadii
oduu hantuu tana waan dhageetteef, sodaatte.
Akka abbaayaa raafantuu
raafantee, foora dhadde.
24 Damaasqoon dadhaddeerti;
baqatiisaaf duubatti deebiteerti;
soda'aan qabantee,
akka dubartii ciniinsifattuu teeteerti.
25 Qachaan leellifamaan,
ka ani itti gammadu sun,
attam ona te'a?
26 Guyyaa san dargaggooti isi'ii karaa qacha'aa keessatti hin ijjeefaman;
loltooti isi'ii marti hin badan.
27 Ani dalleya dhaka'aa ka Damaasqo'ootitti ibidda hin qassiisa;
mana mootumma'aa ka Ben-Hadaadii mootichaalle hin guba» jedha.
Ergaa Marroo Qedaariitii Fi Hazoorii
28 Mootiin Waan Maraa marroo Qedaariitii fi marroo mootummoota Hazoorii ta mootiin Baabilonii Nebukadnezaar injifatee dubbatee, «Ka'a'a; kolbaa Qedaariititti duula'a; kolbaa lafa karaa aduun baatuu balleessa'a! 29 Dunkaanota isaanii, horii isaanii, gollaa dunkaanii isaanii, meya dunkaanii isaanii keessa jiru maraa fi gaalota isaanii mara saama'a! Namooti, ‹Wonni isin bararassu karaa maraan isinitti dhufeera› jedhanee hin iyyan.
30 «Ee isin worri Hazoor keessa leetanu,
mootiin Baabilonii Nebukadnezaar
karoora hamaa isin irratti baafatee,
mala isin irratti waan dhowateef,
dafa'aatii fagaadha'aa baqadha'a!
Goda qile'ee keessatti dhokadha'a!» jedha
31 Mootiin Waan Maraa,
«Ka'a'aatii gara gosa biyya bidhaa malee nageyaan leetuu,
ta karraa fi danqaraa hin qanne,
ta qofi leetuu dhaqa'aatii lola'a.
32 «Gaalotii isaanii hin saamaman;
loon isaanii marti hin dannabaman;
worra rifeensa mataa ifii jala quxatu hin bittinneessa;
gara maraan badii isaanitti hin fida.
33 Hazoor bara baraan ontee addee jeedalti keessa leetu hin teeti;
nami tokkolle achi keessa hin le'u;
nami tokkolle achi keessa hin jiraatu» jedha.
Ergaa Marroo Elaamii
34 Akkuma Sedeqiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'een, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee, marroo biyya Elaamii dubbatee, 35 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Kunoo, ani guubee worra Elaamii, meya lolaa ka isaanii, ka hunna isaaniif te'e san hin caccassa. 36 Ani maddii lafaa arfanuu irraa qilleensa Elaam irratti hin fida; gara maddii lafaa arfaniituu isaan hin bittinneessa; biyyi kolbaan Elaamii itti hin booji'anne hin jiraattu. 37 Diinota isaanii worra lubbuu isaanii ijjeesiisaaf barbaadu duratti kolbaa Elaamii hin caccassa; ani aarii tiyya jaddu'uun badii isaanitti hin fida; haga isaan dhumatanutti shallaaga'aan isaan hin ari'a. 38 Ani barcumaa kiyya ka mootumma'aa Elaam keessa hin keyadha; moototaa fi bulchitoota isaaniille hin balleessa. 39 Barri ani boojuu Elaamii deebisu ammoo hin dhufa› jedha» jedhe.