50
Ergaa Marroo Baabilonii
Jechi Mootiin Waan Maraa marroo Baabiloniitii fi marroo kolbaa Baabilonii karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbatte ka asii gad jiru:
«Gosa biyya adda addaa oddu'utti lassiitii lallabi!
Beessisa ol kaasiitii oduu tana lallabi!
Waan tokkolle himiisaa adoo hin lakkisin,
‹Baabilon hin qabanti;
waaqi isi'ii ka dharaa Beel hin qaanowa;
waaqi isi'ii ka dharaa Maardukille hin bararaqa;
fakkiin waaqota isi'ii ka dharaa hin qaanowan;
waaqoti dharaa ka isi'ii hin bararaqan› jedhii himi.
 
«Gosi biyya gara kaabaa takka dhuttee,
Baabilon loltee lafa isi'ii hin onsiti.
Nami tokkolle achi keessa hin le'u;
namii fi horiin achi keessaa hin baqatan.
Deebi'iisa Israa'elii
 
«Bara san keessa, yennaa san,
kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa
wolitti qabamanee bowaa
ana Mootii Waan Maraa Waaqa ifii
barbaadatiisaaf hin dhufan.
Isaan fuula ifii gara Xiyoonii deebifatanee
karaa gara isi'ii geessu gaafataa,
dhufanee gondooroo bara baraa ta hin dedhanne
ana Mootii Waan Maraa woliin hin godhatan.
 
«Kolbaan tiyya akka hoolee baddee
ta tissitooti karaa irraa isaan gorsitee,
gaara irra asii fi achi olokamane*Olokamane: Yookiin joonjane te'aneeran.
Gaaraa fi kooba irra asii fi achi raafamanee
addee ifii ta itti foorfatanu dedhaneeran.
Worri isaan dhaggu marti isaan laxaphi godhan;
diinoti isaanii, ‹Nuuti womaa isaan hin yakkine.
Isaan Mootii Waan Maraa
ka abbootiin isaanii ta durii addii godhatte duratti
cubbuu waan hujaneef,
tun marti isaan irratti teete› jedhane.
 
«Biyya Baabilonii keessaa baqadha'a!
Lafa Baabilonii keessalle'ee baya'aatii,
akka korbeessa re'e'ee ka re'ee sooressuu te'a'a!
Ani kunoo loltoota gosa biyya adda addaa guddoo
gara kaabaatii Baabilon irratti hin kaasa.
Isaan isii lolanee hin qabatan;
daayi isaanii akka daaya worra lolaan beekkamee
ka waan itti qabane irraa hin gorsinee ti.
10 Maarre Baabilon hin saamanti;
worri isii saamu marti hin durooma.
 
11 «Ee kolbaa Baabilonii! Kolbaa tiyya waan saantaneef,
gammaddanee ilillittaneertaniiyyu;
akka waatolee diida keessa burraaxuu teetanee,
akka farda wodalee himimmitaneertaniiyyu;
12 amma ammoo qachaan keessan guddaan hin qaanowa;
latti teessan ta akka haadhaa isiniif teete hin salphatti;
gammoojjii, lafa godduu, goomolee
ta gosa biyya adda addaa keessaa gad aante hin teeti.
13 Sababa aarii Mootii Waan Maraatiif ona teetee hin hatti;
nami tokkolle isii keessa hin jiraatu.
Nami karaa Baabilonii dabaru marti hin rifata;
xixanis waan isii irra dhaqqabeef itti hin kolla.
 
14 «Isin worri guube'een loltanu marti, Baabilon loliisaaf marsa'a;
isiin Mootii Waan Maraa duratti cubbuu waan hujjeef,
daaya keessan adoo hin qusatin isi'itti darbadha'a.
15 Karaa maraan isii loliisaaf iyya'a;
isiin harka hin kennatti.
Xelleephoon isi'ii hin jiddi;
dalleenni isi'iille diigameera.
Mootiin Waan Maraa waan haluu isii bayuuf,
akkuma isiin worra dhibii irratti hujje,
akkasuma isii irratti huja'aatii haluu baya'a.
16 Nama sanyii facaasuu fi nama midhaan haamu
Baabilon keessaa balleessa'a.
Sababa worra shallaaga'aan nama cunqursuutiif,
nami marti gara kolbaa ifii deebi'uu ti;
gara lafa ifiille baqatuu ti.
 
17 «Kolbaan Israa'elii
akka hoolee neenqi ari'ee bittinneessu teeteerti.
Dursee mootiin Asoorii isaan kukkute;
achiin duuba mootiin Baabilonii Nebukadnezaar
lafee isaanii caccasse.
18 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,
Waaqi Israa'elii, ‹Kunoo ani akkuma mootii Asoorii adabe,
mootii Baabiloniitii fi lafa isaalle hin adaba.
19 Israa'eloota ammoo
lafa isaanii duriititti hin deebisa;
Qarmelosii fi Baashaan irraa midhaan hin nyaatan;
kooba Efreemiitii fi Giil'aadii irraa
midhaan galfatanee hin quufan› jedha.
20 Bara san guyyaa sanitti,
worra baraaree akka hafanu godhe saniif
ani waan araaramuuf,
Israa'el irra yakkaa hin barbaadan;
ammoo womaa irratti hin dhagganu;
Yihudaa irra cubbuu hin barbaadan;
ammoo womaa irratti hin dhagganu» ka jedhu.
Muraa Waaqaa Ta Baabilon Irratti Murante
21 Mootiin Waan Maraa, «Lafa worra Meraataayimiitiitii fi
worra Pheqod keessa le'u lola'a;
isaan ari'a'aatii, ijjeesa'aa, ijjumaa balleessa'a;
waan ani isin ajaju maraa godha'a.
22 Lafa irratti qeexalli lolaa,
badiin guddoolle dhage'anteerti.
23 Baabilon ta duri akka burrisaa nama butuchaa turte,
attam attam caccaddee bututte!
Gosa biyya adda addaa oddu'utti attam attam onte!
24 Ee Baabilon,
ani tiyyoo si dura keyeera.
Atille adoo hin beekin qabatanteerta;
ati ana Mootii Waan Maraa irratti waan kaateef,
dhaggantee qabatanteerta.
25 Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u,
worra Baabilonotaa irratti waan huju waan qabuuf,
mana meya woraanaa banee,
meya woraanaa ta mufii tiyyaa gad baaseera.
26 Biyya fagoo irraa kowa'aatii isi'itti duula'a.
Gootaraa isi'ii diiga'a;
akka midhaanii isii tuula'a.
Baraareen adoo hin hafin,
ijjumaa isii balleessa'a.
27 Akka dardaroota qalanu,
loltoota isi'ii mara qala'a.
Guyyaan isaan adabamanu waan dhikaateef,
isaaniif aanne'e!» jedha.
28 Mootii Waan Maraa Waaqi keenna attam attam akka haluu baye,
marroo Galma ifiitiif attam attam akka haluu inni baye,
worri ari'amee lafa Baabilonii keessaa baqatee baye,
Xiyoon keessatti waan isinitti himanu dhage'a'a.
29 Mootiin Waan Maraa, «Worra guube'een lolu mara
akka Baabilon lolanu waama'a!
Nami tokkolle miliqee akka hin baane
adaala isi'ii marsa'a.
Isiin ana Mootii Waan Maraa,
Woyyicha Israa'elii irratti waan koorteef,
akkuma hujii isi'iititti gatii isi'iif kenna'a;
akkuma isiin worra dhibii irratti hujje
isii irralle'etti huja'a.
30 Tanaaf dargaggooti isi'ii karaa irratti hin ijjeefaman;
guyyaa san loltooti isi'ii marti hin dhumatan» jedha.
31 Goottaan, Mootiin Waan Maraa
Ka Waan Mara Dande'u, «Ee Baabilonii koortu,
ani si irratti hin ka'a!
Guyyaan ati adabantu dhikaateera.
32 Ati koorameettiin gufattee hin jidda;
nami ol kaasulle hin jiru;
ani qachaa keeti keessatti ibidda qassiisee,
ibiddi sun waan adaala isaa jiru mara hin guba» jedha.
33 Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade,
«Kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa cunqurfanteerti.
Worri isaan booji'e jabeessee isaan qabee,
gad isaan lakkisuu dideera.
34 Ka isaan wodu ammoo jaba'a;
maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u.
Inni lafa isaaniitiif foora kenniisaaf,
jabeessee isaaniif hin falmata.
Worri Baabilon keessa le'u ammoo
foora hin dhaggatu» jedha.
35 Mootiin Waan Maraa,
«Worra Baabiloniitii fi worra isii keessa le'u irratti,
bulchitootaa fi qaroolee isi'ii mara irratti lolli ka'uu ti.
36 Raagota isaanii ta dharaa irratti lolli ka'uu ti;
isaanille gowwoolee hin te'an.
Loltoota isaanii irratti lolli ka'uu ti;
isaanille hin bararaqan.
37 Fardaa fi garreettaa fardaan harkifamu ka isaanii irratti,
loltoota biyya ormaa
ta odduu isaanii jiru mara irratti lolli ka'uu ti;
isaanille akka dubarti'ii hin te'an.
Qabeenna isaanii mara irratti lolli ka'uu ti;
isaanille hin saamaman.
38 Latti Baabilonii waaqota dharaatiin waan guutanteef,
kolbaan waaqota nama bararassu waan leellifattuuf,
Bisaan isi'ii irratti oolaan hin dhufa;
bisaan isi'iille hin goga.
 
39 «Tanaaf bineensoti goomole'eetii fi
woraabessi achi hin le'an;
guchiille achi keessa hin bulti.
Haganaa achi nami tokkolle isii keessa hin le'u;
dhalootaa haga dhalootaatitti
nami tokkolle achii keessa hin le'u.
40 Sodoomii fi Gomoraa
qachoota adaala isaanii jiranu mara woliin
ani Mootiin Waan Maraa akkuma diigee balleesse,
isiille diigee hin balleessa.
Nami tokkolle achi keessa hin le'u;
nami tokkolle achi keessa hin jiraatu.
 
41 «Kunoo, loltooti gara kaabaatii dhufiisatti jiran;
kolbaan biyya takkaa hunnaametti'ii fi moototi hedduun,
qaccee lafaa irraa ka'anee dhufiisatti jiran.
42 Isaan guube'ee fi woraana qabataneeran;
isaan worra gadhi jabeeyyi'i;
marartiille hin qabanu.
Ee Baabilon, isaan si loliisaaf
fardo'oon gulufaa yennaa dhufanu,
hididdeettiin akka abbaayaa bulphittuu ti.
43 Mootiin Baabilonii oduu isaanii dhage'ee,
harki irraa bu'e;
naasu'uun qabamee akka dubartii ciniinsifattuu te'e.
 
44 «Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa,
gara lafa marra bisile'ee dhufu,
anille dedhuma gara worra Baabilonii dhufee,
lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a;
nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa.
Nami akka kiyyaa eennu ree?
Nami ‹Maaf tana goote?› jedhee
na gaafatu eennu ree?
Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree?
45 Tanaaf, waan ani Mootiin Waan Maraa
Baabilon irratti fidiisaaf yaadeeru,
yaada ani lafa worra Baabilonii loliisaaf qopheeffadheeru dhage'a'a!
Ijoolleen isaanii akka ilmoolee hoole'ee
harkifamanee hin fudhataman;
sababa isaaniitiif kaloon isaanii hin baddi.
46 Iyya qabamiisa Baabiloniitiin,
latti hin tachooti;
iyyi isi'iille gosa biyya adda addaa oddu'utti
hin dhage'ama» jedha.

*50:6 Olokamane: Yookiin joonjane