2
Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana'aa
1 Guyyaa sadeesso'oo qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu. 2 Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran. 3 Yennaa daadhiin woyni'ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni'ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.
4 Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu'uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.
5 Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha'a» jettee tajaajiltootatti hinte.
6 Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an. 7 Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta'a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane. 8 Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa'aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa'a» jedhe. Isaanille isaaf geessane. 9 Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee, 10 «Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen. 11 Yesuus qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane. 12 Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahoomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane.Mat. 4:13
Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe
(Mat. 21:12-13; Mar. 11:15-17; Luq. 19:45-46)
13 Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe. 14 Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole'ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee'iisatti jiranuun dhagge. 15 Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittinneesse. 16 Worra saphaliisa gurguratu saniin, «Waan kana as keessaa gad baasa'a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko'oo hin godhina'a!» jedhee ajaje. 17 Barattooti isaa, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi» jedhantee ta barreeffante san qaabatane.
18 Yihudooti baallii qabanu, «Ati waan kana godhiisaaf baallii akka qaddu nu'utti mudhisiisaaf bilbaasa maan godhuu dandeetta?» jedhanee isa gaafatane.
19 Yesuus, «Galma Waaqaa kana diiga'a! Ani guyyaa sad keessatti deebisee hin ijaaraa» jedhee deebise.Mat. 26:61; 27:40; Mar. 14:58; 15:29
20 Yihudooti baallii qabanu, «Galma kana ijaariisaaf woggaa afurtamii jaa fixeera, ati guyyaa sad keessatti deebittee ijaartaa?» jedhanee isa gaafatane.
21 Galmi Waaqaa ka Yesuus dubbate sun nafuma Yesuusii ti. 22 Maarre inni du'aa ka'een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreeffama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane.
Yesuus Yaada Namaa Mara Beeka
23 Yennaa Jila Irra Dabaramaa Yesuus Yerusaalem keessa jiruun, namooti hedduun bilbaasa inni godhe dhagganee isatti dhugeeffatane. 24 Yesuus ammoo namoota maraa waan beekuuf, isaan hin addanne. 25 Inni ifiifuu waan gadhaa namaa keessa jiru waan beekuuf, marroo namootaa akka isatti himu nami tokkolle hin barbaachinne.