Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii
Ka Yohaannis Barreesse
Seensa
Wongeelli Yohaannisii Jechi Waaqaa jiraataan akka, «Nama te'ee wodhakkaa teenna le'eetitti» Yesuus dhiyeessa. Kitaabummaan kunuu akkuma jedhu, Wongeelli kun ka barreeffame, worri isa dubbisu, fayyisaa te'ee dhufa ka jedhame Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e dhugeeffatiisaan jiruu akka qabaatanu (20:31).
Kutaan Wongeela kanaa ka qaraa Jechi Waaqaa jiraata'aa fi Yesuus tokko te'iisa isaanii akka seensaatitti dhikeesseen duuba, fayyisaan hin dhufa jedhame Yesuus, Ilma Waaqaa te'uu isaa ka mudhisu bilbaasota adda addaa dhikeessa; kanaan duuba bilbaasota kana irraa bu'aan dhaggame maan akka te'e dabarsiin hintu itti aanti. Kutuma Kitaabuma kanaa keessatti kolbaan gariin attam akka Yesuusitti dhugeeffattee worra isa hordofu teete, worri dhibiin isa mormee itti dhugeeffatiisa akka dide hinti. Fooroti 13-17 Yesuus halkan itti qabame barattoota ifii woliin lansummaa guddoo akka qabuu fi yennaa fannifamiisi isaa geette, dubbii isaan qopheessituu fi jajjabeessitu akka itti dubbate dubbatan. Fooroti dhumaa marroo qabamiisaa fi mura'aaf dhikaatiisa Yesuusii, marroo fannifamiisaa fi du'aa ka'iisa isaa, akkasuma du'aa ka'een duuba barattoota ifiititti marroo mudhatiisa isaa dubbatan.
Dabarsii dubartii gaarayyeeffattuun qabantee (8:1-11) barreeffam duriitii fi hiikkaan durii durii hedduun waan hambisaneeranuuf, worri dhibiin addee dhibi'itti waan galchaneeranuuf dalleya keessa keyante.
Yohaannis marroo jiruu bara baraa ta karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhaggantuu ifa godhee mudhisa; jiruun bara baraa ta kennansaan dhaggantu tun jiruu ammaa tanaanuu ta jalqaddu yennaa teetu, worri jiruu tana fudhatu worra akka Yesuus karaa, dhuga'aa fi jiruu te'e mirkaneessu. Wongeela Yohaannisii wongeelota dhibii irraa ka adda godhu, dhugaa Ayyaantittii tana himiisaaf waan le'ii teenna ta guyyaa guyya'aa keessatti baratame waan akka bisaanii, waan akka daabbo'oo, waan akka ifaa, waan akka tisse'ee fi hoole'ee, waan akka muka woyni'iitii fi midhaan woyni'ii akka fakkeennaatitti itti gargaarama.
Haadhoo Dubbi'ii
Jalqaba1:1-18
Yohaannisii cuupha'aa fi barattoota Yesuusii ta qaraa1:19-51
Tajaajila Yesuusii2:1—12:50
Guyyoota dhumaa Yerusaalem keessaa fi adaalatti13:1—19:42
Du'aa ka'iisaa fi mudhatiisa Gootta'aa20:1-31
Muummee Irratti: Yennaa dhibii Galiilaa keessatti mudhate21:1-25
1
Jecha Jiru'uu
1 Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu. 2 Inni jalqabumaa Waaqa woliin jira. 3 Waaqi karaa isaatiin waan maraa dade; dada maraa keessaa tokkolle isaan malee hin dadanne. 4 Isa keessa jiru'utti jira; jiruun sun ifa namootaa ti. 5 Ifi dukkanatti ifa; dukkanti ijjumaa ifa hin injifattu.
6 Nami Waaqa biraa ergame, ka Yohaannis jedhamu tokko jiraayyu.Mat. 3:1; Mar. 1:4; Luq. 3:1-2 7 Inni nami martinuu dubbii isaa dhage'ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba'atti himiisaaf dhufe. 8 Inni marroo ifa sanii himiisaaf dhufe malee, ifiif ifaa moti. 9 Ifi gara biyya lafaa dhufee nama maraaf issu sun ifa dhuga'aa ti.
10 Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne. 11 Inni gara biyya ifii dhufe; kolbaan isaa ammoo isa hin fudhanne. 12 Te'uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te'anuuf midda*Midda: Haqa kenne. 13 Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne.
14 Jechi nama te'ee, badhaadhaa fi dhuga'aan guutamee, odduu teenna le'e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba'aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.
15 Yohaannis, « ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala› jedhee ka ani dubbadhe isa» jedhee iyyee dhugaa baye.
16 Guutummaa badhaadha ifii irraa inni nu maraa eebbisee, eebba irratti eebba dhibii dabalee nuu kenne. 17 Waaqi karaa Muuse'eetiin seera kenne; badhaadhaa fi dhugaan ammoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhutte. 18 Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba'aa jirutti isa mudhise.
Dhugaa Bayiisa Yohaannisii Cuupha'aa
(Mat. 3:1-12; Mar. 1:1-8; Luq. 3:1-18)
19 Yihudooti baallii qabanu hayyootaa fi Lewwoota garii, «Ati eennuu?» jedhanee akka isa gaafatanu Yerusaalem irraa gara Yohaannisii ergane.
20 Yohaannis, «Ani Masiihii moti» jedhee dubbatee dhugaa baase malee, deebisiisaaf hin didanne.
21 Isaan, «Ati eennu ree? Ati Eliyaasii» jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, «Waawwoo ani isaa moti» jedhee deebise. Isaan, «Ati Raagichaa ree» jedhanee gaafatane. Inni, «Waawwoo» jedhee deebise.
22 Isaan, «Ati eennu ree? Worra nu ergeef deebii deebinnee himuu qanna. Ati eennu ifiin jetta?» jedhaneen.
23 Yohaannis deebisee, «Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‹Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha'a› jedhaa, lafa goomole'ee keessaa iyyuu ti» jedhe.
24 Ergantooti Fariisaayotaan ergamane, 25 «Ati Masiihii yookiin Eliyaas yookiin Raagicha yoo hin te'in maaf cuuxxa ree?» jedhanee Yohaannis gaafatane.
26 Yohaannis, «Ani bisaaniin isin cuupha, ka isin hin beenne ammoo odduu teessan dhaabbata. 27 Inni na duubaan dhufaara; ani hidhaa kophee isaa hiiku'uufille nama malee moti» jedhee deebise.
28 Wonni kun marti laga Yordaanosiitiin gama karaa aduun baatu Bittaaniya'atti, addee Yohaannis itti cuuphiisatti jirutti teete.
Hoolee Waaqaa
29 Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, «Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu. 30 Ka ani, ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni na caala› ka ani jedhe isaa kana. 31 Aninuu inni eennu akka te'u hin beenne; ammoo akka inni kolbaa Israa'eliititti mudhatuuf, ani bisaaniin cuuphaa dhufe» jedhe.
32 Yohaannis dhugaa bayee, «Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba'aa gad dhufee isa irra bu'ee hafuun dhaggeera. 33 Aninuu isa hin beenne, Waaqi akka ani bisaaniin cuuphuuf na erge ammoo, ‹Ka Ayyaana Woyyichaan cuuphu, Ka Ayyaanni Woyyichi isa irra bu'ee hafuun ati dhaggitu› anaan jedheera. 34 Anille waan kana dhaggeera, inni Ilma Waaqaa akka te'e isinitti hima» jedhe.
Barattoota Yesuusii Ta Jalqabaa
35 Guyyaa itti aanu Yohaannis ammalle barattoota ifii lamaan woliin dhaabbatiisatti jiruun, 36 yennaa Yesuus achiin dabaru dhaggee, «Kunoo, hooleen Waaqaa!» jedhe.
37 Barattooti Yohaannisii lamaan dubbii Yohaannisii tana dhage'anee, Yesuus hordofane. 38 Yesuus garagalee, isaan isa hordofanuun dhaggee, «Maan barbaaddan?» jedhee isaan gaafate.
Isaan ammoo, «Rabbii, eessa leeta?» jedhaneen; «Rabbii» jechuun, «Barsiisaa» jechu'u.
39 Yesuus, «Kowa'aatii ilaala'a!» isaaniin jedhe. Maarre isaan dhaqanee addee Yesuus le'u dhagganee, guyyaa san isa bira oolane; yennaan sun saafowa gara saatii kudhanii ti.
40 Barattoota dubbii Yohaannis dubbate dhage'anee Yesuus hordofane keessaa tokkochi, Indiryaasii obboleessa Simoon Pheexroosii ti. 41 Indiryaas dursee obboleessa ifii Simoon dhaggee, «Masiihii dhaggineerra» jedhee itti hime; «Masiihii» jechuun, «Kiristoos» jechu'u. 42 Achiin duuba Indiryaas Simoon gara Yesuusii geesse.
Yesuus isa ilaalee, «Ati Simoonii ilma Yohaannisii ti; ammoo haganaa achi, ‹Keefaas› jedhantee waamanta» jedheen; «Keefaas» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu'u; Pheexroos jechuun, «Rassaa» jechu'u.
Yesuus Filiphoosii fi Naataanaa'el Waame
43 Guyyaa itti aanu Yesuus Galiilaa dhaqiisaaf murteeffate. Inni Filiphoos dhaggee, «Ana hordofi!» jedheen. 44 Filiphoos akkuma Indiryaasiitii fi Pheexroosii, nama qachaa Betsayda'aa ti. 45 Filiphoos Naataanaa'el dhaggee, «Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineerra. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti» jedheen.
46 Naataanaa'el, «Naaziret keessaa wonni dansaan dhaggamuu dandeettii?» jedhee Filiphoos gaafate.
Filiphoos, «Koyiitii ilaali!» jedhee deebise.
47 Yesuus yennaa Naataanaa'el gara isaa dhufuun dhagge, «Kunoo, nami dhugumaan Israa'elichi, ka dharti tokkolle isa keessa hin jirre!» jedhee marroo isaa dubbate.
48 Naataanaa'el, «Eessatti na beetta?» jedhee gaafate.
Yesuus, «Filiphoos adoo si hin waaminuu, muka harru'uu jala jirtuunuu si dhagge» jedheen.
49 Naataanaa'el, «Barsiisa'a, ati Ilma Waaqaa ti! Ati mootii Israa'elii ti!» jedhee deebise.
50 Yesuus, «Yennaa ati muka harru'uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita» jedhe. 51 Yesuus itti dabalee, «Dhugaa isinitti hima: Ol-gubbaan banantee, ergantooti Waaqaa Ilma Namaa irra ol bayaa gad buutuun hin dhaggitan» jedheen.