24
Yesuus Du'aa Ka'e
(Mat. 28:1-10; Mar. 16:1-8; Yoh. 20:1-10)
1 Guyyaa Dilbataa*Guyyaa Dilbataa: Guyyaa jalqaba torbaanii barii halkaniin dubartooti sun uddowaa qopheessiteertu qabattee gara boolla awwaalaa dhaxxe. 2 Dhakaan afaan boolla awwaalaa irraa gangalfameeruun dhaggane. 3 Boolla awwaalaa keessa yennaa seenane ammoo, reeffa Goottaa Yesuusii hin dhaggine. 4 Isaan waan kana mamiisatti jiranuun, nami lamaan woyaa caccalaqqittu uffatee dedhuma cinaa isaanii dhaabbate. 5 Dubartooti guddoo sodaatanee gad lafa ilaalane; namooti sun ammoo, «Maaf jiraataa worra du'eeru odduu barbaaddan? 6 Inni as hin jiru, ka'eera. Galiilaa adoo jiruu waan inni isinitti hime qaabadha'a! 7 ‹Ilmi namaa harka cubbaalleyyi'iititti kennamee, fannifamee, guyyaa sadeesso'ootitti du'aa ka'uu male› jedhe» jedhaneen.Mat. 16:21; 17:22-23; 20:18-19; Mar. 8:31; 9:31; 10:33-34; Luq. 9:22; 18:31-33
8 Achiin duuba waan Yesuus jedhe qaabatane. 9 Addee awwaalaatii yennaa deebi'ane, waan kana maraa ergantoota kudhanii tokkoo fi worra kaan maratti himane. 10 Worri waan kana ergantootatti himane, Maariyaamii qachaa Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi dubartoota dhibi'i. 11 Ergantooti ammoo dubbii hin teene seyanee, dubbii isaanii hin dhugeeffanne. 12 Pheexroos ammoo ka'ee gara boolla awwaalaa rukkise. Gad jedhee boolla awwaalaa keessa ilaalee, woyaa itti marane malee womaa hin dhaggine. Achiin duuba waan te'e kana baaseffataa gara manaa deebi'e.
Ideemiisa Gara Emahuusii
(Mar. 16:12-13)
13 Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetira kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu. 14 Isaan marroo waan te'e kana maraa haasowiisatti jiraniiyyu. 15 Adoo isaan waan kana haasowaa mari'atanuu, Yesuus ifumaafuu dhufee biraan bayee, isaan woliin ideeme. 16 Ammoo akka isaan isa hin hubanne, ilti isaanii qabanteerti. 17 Yesuus isaaniin, «Wonni isin haasowaa ideentanu kun maan inni?» jedhe. Isaan fuula gaddaatiin achuma dhaabbatane. 18 Achiin duuba isaan keessaa Qileyophaa ka jedhamu tokko deebisee, «Yerusaalem keessatti nami keessummaan ka waan dhikoo tana achitti te'e hin beenne, si'uma calla'aa?» jedhe. 19 Inni, «Maan inni?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Marroo Yesuusii nama Naaziretii, ka waan godhee fi waan dubbateen Waaqaa fi kolbaa mara duratti raagaa jabaa, 20 ka sooreyyiin hayyootaatii fi bulchitooti teenna akka du'uu fi fannifamu itti muranee dabarsanee kennane. 21 Nuuti ammoo ka Israa'el wodu isa jennee addii itti godhanneerra. Kana maraa irratti, wonni kun mara haga teeteen adhi guyyaa sadeesso'oo ti. 22 Dabalamaan, dubartooti golii teennaa nu maalalchaneeran; isaan adha barii halkaniin gara boolla awwaalaa dhaqaneeran; 23 ammoo reeffa isaa hin dhaggine. Achii deebi'anee, ergantoota Waaqaa ta, ‹Inni hin jira› isaaniin jette akka mudhi'iin dhaggane nutti himane.
24 «Worra nu woliin jiranu keessaa gariin gara boolla awwaalaa dhaqanee, akkuma dubartooti sun jedhane teeteertuun dhaggane; isa ammoo hin dhaggine» jedhanee itti himane. 25 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin attam attam gowwoole'e, waan raagoti jedhane maraa dhugeeffatiisaafille yaadi gadhaa keessanii attam attam hancaara'a! 26 Masiihiin rakkinna kana maraa fudhatee ulfinna ifiititti galiisi, barbaachisa'aa motii ree?» jedhe. 27 Yesuus achiin duuba kitaaba Muuse'eetii jalqabee kitaabota raagotaa mara keessatti, marroo isaatiif waan Barreeffam Woyyichi dubbatu maraa isaaniif hiike.
28 Gara ollaa itti dhaqiisatti jiranuu yennaa dhikaatane, Yesuus akka waan dabaree ideemuu te'e. 29 Isaan ammoo, «Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!» jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene. 30 Isaan woliin qori'itti hiiqee yennaa tee'e, daabboo fuudhee eebbisee, cassee isaaniif kenne. 31 Achiin duuba ilti isaanii banantee, isa hubatane; inni ammoo ila isaanii duraa miliqe. 32 Isaan wol woliin, «Yennaa inni kara'atti nu woliin haasowee fi Barreeffama Woyyicha nu'uuf hiike, gadhaan keenna hin gubannee?» jedhane. 33 Isaan yennuma san ka'anee gara Yerusaalemii deebi'ane. Achitti barattoota kudhanii tokkoo fi worra isaan woliin jiranu wolitti qabamaneeranuun dhagganee, 34 «Goottaan dhugumaan du'aa ka'eera, Simoonille'etti mudhateera!» jedhane. 35 Achiin duuba jarri lamaan waan kara'atti te'e maraa fi yennaa Goottaan daabboo casse attam akka isa beekane himane.
Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate
(Mat. 28:16-20; Mar. 16:14-18; Yoh. 20:19-23; HuE. 1:6-8)
36 Adoo jarri lamaan sun waan kana himiisatti jiranuu, Yesuus ifumaafuu isaan odduu dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. 37 Isaan waan ekeraa dhaggane seyanee, sodaatanee bararaqane.
38 Yesuus ammoo, «Maaf sodaattan? Gadhaa keessan keessatti maaf mantan? 39 Harka kiyyaa fi miila kiyya ilaala'a, anumaayyuu dhagga'a. Qaqqaba'aatii na ilaala'a; ekeraan foonii fi lafee hin qaddu, akkuma dhaggitanu ani hin qaba» jedhe.
40 Yesuus tana jedhee harkaa fi miila ifii isaanitti mudhise. 41 Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, «Waan nyaataa asii qaddanii?» jedhee isaan gaafate. 42 Isaan qurxummii woddante diqqoo takka itti kennane; 43 innille fuudhee fuula isaanii duratti nyaate.
44 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse'ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru'uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu'uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana» jedhe. 45 Achiin duuba inni Barreeffama Woyyicha akka hubatanuuf qalbii isaanii bane. 46 Inni isaaniin, «Masiihiin akka rakkatuu fi guyyaa sadeesso'oo du'aa akka ka'u, 47 cubbuu irraa deebi'iisaa fi araarri cubbu'uu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee gosa maraaf akka lallabamu barreeffameera. 48 Isin waan kanaaf dhugaa-baatota. 49 Kunoo, waan Abbaan kiyya addii isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti†Dhaggattanutti: Yookiin uffattanutti qachaa Yerusaalemii keessa tura'a» jedhe.
Yesuus Gara Ol-Gubba'aa Deebi'e
(Mar. 16:19,20; HuE. 1:9-11)
50 Achiin duuba Yesuus qachaa keessaa baasee, haga Bitaaniya'aa isaan geesse; achitti harka ifii lamaanuu ol kaasee isaan eebbise. 51 Adoo isaan eebbisiisatti jiruu, isaan irraa gargar bayee gara ol-gubba'aa fudhatame.HuE. 1:9-11 52 Isaan isaaf sagadanee, gammachuu gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'anee, 53 yennaa mara Galma Waaqaa keessatti Waaqa galateeffataa turane.