8
Dubartii Gaarayyeeffata Irratti Qabante
Yesuus ammoo gara gaara Ejersaa deeme. Boruyyaa ganama inni gara Galma Waaqaa deebi'e. Kolbaan marti isa biratti wolitti qabantee, inni gad tee'ee isaan barsiisuu jalqabe. Barsiisoti Seeraatii fi Fariisaayoti dubartii gaarayyeeffata irratti qabante takka ol seensisanee, fuula isaan maraa dura dhaabbachiisanee, Yesuusiin, «Barsiisa'a, dubartiin tun gaarayyeeffata irratti qabanteerti. Muuseen Seera keessatti dubartiin akkasii tun dhaka'aan tumantee akka duutu ajajeera. Ati amma maan jetta?» jedhane. Isaan sababa ittiin isa himatanu dhaggatiisaaf, Yesuus xaqariisaaf*Xaqariisaaf: Qaxafiisaaf tana jedhane. Inni ammoo gad jedhee qubaan lafa irratti barreessuu jalqabe. Isaan ittuma deddeebi'anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, «Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi'itti qolaansuu ti» jedhe. Achiin duuba inni ammalle gad jedhee lafa irratti barreesse. Isaan yennaa tana dhage'ane, jaarsole'een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe. 10 Inni ol jedhee isi'iin, «Dubartii tana, meet isaan? Nami sitti mure tokkolle hin jiruu?» jedhe.
11 Isiin deebittee, «Gootta'a, nami tokkolle hin jiru» jette. Yesuus, «Anille si'itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin» jedhe.]Woraabbiin durii hedduun kutaa (7:53-8:11) jiru hin qabanu; gariin Yoh. 21:24 n duubatti galchan; kuun Luq. 21:38 titti aansanee galchan; barreeffam goga'aa tokko Yoh. 7:36 tti aansee galcheera
Yesuus Ifa Biyya Lafaa Ti
12 Yesuus ammalle isaaniin, «Ani ifa biyya lafaa ti; ka na hordofu marti ifa jiru'uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu» jedhee dubbate.
13 Worri Fariisaayotaa, «Ati amma ifii keetiif dhugaa bayiisatti jirta; dhugaa bayiisi keeti fudhatama hin qabu» jedhaneen.
14 Yesuus deebisee, «Ani ifii kiyyaaf yoo dhugaa bayelle, ani eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, dhugaa bayi kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka ani dhufe yookiin eessa akka ani deemu hin beettanu. 15 Isin yaada namumma'aatiin murtan; ani nama tokko irralle'etti hin muru. 16 Ani ammoo yoo murelle, ka na erge Abbaan na woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga'a. 17 Dhugaa bayi nama lamaa, fudhatama qaba jedhantee Seera keessan keessatti barreeffanteerti. 18 Ani ifii kiyyaaf dhugaa baya; Abbaan na ergelle naaf dhugaa baya» isaaniin jedhe. 19 Achiin duuba isaan, «Abbaan keeti eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Isin analle, Abbaa kiyyaalle hin beettanu; adoo na beettanee Abbaa kiyyaalle hin beettaniiyyu» isaaniin jedhe. 20 Yesuus Galma Waaqaa keessatti, addee subbi kennansaa keyamuun biratti adoo barsiisuu jecha kana mara dubbate. Te'uu malee yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle isa hin qanne.
Addee Ani Dhaqaaru Isin Dhaqiisa Hin Dandeettanu
21 Yesuus ede'eelle, «Ani hin deema; isin na hin barbaaddan; ammoo cubbuu teessaniin hin duutan. Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu» isaaniin jedhe.
22 Maarre Yihudooti, «Inni ‹Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedha. Wonni akkana jedhuuf inni ifi ijjeesaaraa laati?» jedhane.
23 Yesuus deebisee, «Isin worra jalaa ti; ani ammoo ka gubba'aa ti. Isin ka biyya lafa tanaa ti; ani ammoo ka biyya lafaatii moti. 24 Ani ‹Ana›Ana: Kolbaa Israa'eliitiif maqaan Waaqaa woyyichi ka «Ana» jedhamee hiikkamuu dande'u «Yahiiweh». Wongeela Yohaannisii keessatti, Yesuus yennaa tokko tokko akka inninuu isuma san te'e mudhisiisaaf, «Ana» jedhee itti fayyadameera. akka te'e beettanee yoo hin dhugeeffatin, cubbuu teessaniin waan duutanuuf, isin cubbuu teessaniin hin duutan jedhe» jedheen. 25 Isaan, «Ati eennu?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Kama ani jalqaba irraa kaasee isinitti hime. 26 Ani marroo teessan waan jedhuu fi waan isinitti muru hedduu qaba. Teetuu malee, ka na erge dhugaamessa; anille waan isa irraa dhage'e qofa biyya lafaatitti dubbadha» jedhe. 27 Isaan marroo Abba'aa akka Yesuus isaanitti dubbatiisatti jiru hin hubanne. 28 Maarre inni isaaniin, «Isin yennaa Ilma Namaa muka irratti ol fuutane, ani eennu akka te'e hin beettan; achiin duuba baallii tiyyaan womaa akka ani hin goone hin beettan; ammoo waan Abbaan akka ani jedhu na barsiise qofaa jedha. 29 Ka na erge na woliin jira; ani yennaa mara waan isa gammachiisu waan hujuuf, inni qofii tiyya ana hin lakkinne» jedhe. 30 Akkuma Yesuus tana dubbateen worri hedduun isatti dhugeeffate.
Dhugaan Bilisa Isin Baatti
31 Maarre Yesuus Yihudoota worra isatti dhugeeffateen, «Isin barsiisa kiyyaaf yoo ajajantane, dhugumaan barattoota tiyya; 32 isin dhugaa hin beettan; dhugaalle bilisa isin hin baatti» jedhe. 33 Isaan deebisanee, «Nuuti sanyii Abrahaamii ti; ijjumaa eennulle'eef garboolee teenee hin beennu. Ati, ‹Bilisa baatan› jechuun keeti maan jechu'u ree?» jedhane. 34 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; ka cubbuu huju martinuu garbicha cubbu'uu ti. 35 Garbichi yennaa mara maatii goottaa ifii woliin hin le'u; ilmi ammoo yennaa mara maatii san woliin le'a. 36 Ilmi yoo bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa hin baatan. 37 Akka isin sanyii Abrahaamii teetane ani hin beeka. Te'uu malee isin jecha kiyya waan hin fudhatiniif, na ijjeesiisaaf barbaaddan. 38 Ani waan Abbaa kiyya biratti dhagge dubbadha; isin ammoo waan abbaa keessan irraa dhageettane gootan» jedhe.
39 Isaan deebisanee, «Abbaan keenna Abrahaam» jedhaneen. Yesuus deebisee, «Isin dhugumaan ijoollee Abrahaamii adoo teetanee, hujii Abrahaam huje hin hujjaniiyyu. 40 Isin ana nama dhugaa Waaqa irraa dhage'ee isinitti hime ijjeesiisaaf barbaaddan. Abrahaam waan akkanaa hin goone. 41 Isin waan abbaan keessan huju hujatiisatti jirtan» jedhe. Isaan deebisanee, «Nuuti ijoollee abbeera'aatii moti; Abbaan nuuti qannu Waaqa tokkocha qofa» jedhane. 42 Yesuus isaaniin, «Waaqi dhugumaan Abbaa keessan adoo te'e, ani waan Waaqa biraa dhufee amma as jiruuf, na hin jaalattaniiyyu. Isatti na erge malee, ani baallii tiyyaan hin dhunne. 43 Waan ani jedhu isin maaf hin hubanne? Wonni hubatiisa dhaddanuuf, Jecha kiyya dhage'iisaaf hin dandeettanu. 44 Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin jiru. Inni dharaamessaa fi abbaa dharaa waan te'eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata. 45 Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf, isin natti hin dhugeeffattanu. 46 Isin keessaa nami yakkaa cubbu'uu natti muru eennu? Ani dhugaa yoo dubbadhu, isin maaf ana hin dhugeeffanne ree? 47 Ka Waaqaa ka te'e, jecha Waaqaa hin dhage'a. Te'uu malee, isin ka Waaqaa waan hin te'iniif, hin dhageettanu» jedhe.
Yesuusii Fi Abrahaam
48 Yihudooti deebisanee, «Ati nama samaariya'aa ti; durriisalle ifi keessaa qadda jechuun keenna dhuga'aa motii?» Yesuusiin jedhane. 49 Yesuus deebisee, «Ani durriisa ifi keessaa hin qabu. Ani abbaa kiyya ulfeessa; isin ammoo na hin ulfeessitanu. 50 Ani ulfinna ifiif hin barbaadu. Ka ulfinna naaf barbaadu ammoo hin jira; ka murulle isa. 51 Ani dhugumaan isinitti hima; nami jecha kiyya eegatu marti ijjumaa hin du'u» jedhe. 52 Yihudooti isaan, «Nuuti amma dhugumaan akka ati durriisa ifi keessaa qaddu beenneerra! Abrahaam du'eera; raagotille du'aneeran; ati ammoo, ‹Nami jecha kiyya eegatu ijjumaa hin du'u› jetta. 53 Ati abbaa keenna Abrahaam hin caaltaa? Inni du'eera; raagotille du'aneeran. Ati eennu ifi seeta?» jedhane. 54 Yesuus deebisee, «Ani yoo ifi ulfeesse, ulfinni sun gatii hin qabu. Ka ana ulfeessu Abbaa kiyya, ka isin Waaqa keenna jettanu. 55 Te'uu malee isin isa hin beettanu; ani ammoo isa hin beeka. Ani yoo isa hin beeku jedhe, akkuma keessan dharaamessa te'a. Ani ammoo isa beeka, jecha isaalle hin eegadha. 56 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa dhufa tiyyaa dhaggiisaaf gammade; dhaggeelle gammade» jedhe. 57 Yihudooti isaan, «Ati woggaa shantamaayyuu adoo hin geyin, Abrahaam dhaggitee?» jedhane. 58 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; Abrahaam adoo hin dhalatinuu Ani ‹Ana›§Ana: Ibsa 8:24 irratti kenname ilaali.» jedhe. 59 Maarre isaan isa tumiisaaf dhakaa fudhatane; Yesuus ammoo ifi dhossee Galma Waaqaatii bayee deeme.

*8:6 Xaqariisaaf: Qaxafiisaaf

8:11 Woraabbiin durii hedduun kutaa (7:53-8:11) jiru hin qabanu; gariin Yoh. 21:24 n duubatti galchan; kuun Luq. 21:38 titti aansanee galchan; barreeffam goga'aa tokko Yoh. 7:36 tti aansee galcheera

8:24 Ana: Kolbaa Israa'eliitiif maqaan Waaqaa woyyichi ka «Ana» jedhamee hiikkamuu dande'u «Yahiiweh». Wongeela Yohaannisii keessatti, Yesuus yennaa tokko tokko akka inninuu isuma san te'e mudhisiisaaf, «Ana» jedhee itti fayyadameera.

§8:58 Ana: Ibsa 8:24 irratti kenname ilaali.