9
Yesuus Namicha Ballaa Te'ee Dhalate Tokko Fayyise
Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te'ee dhalateeru tokko dhagge. Barattooti isaa, «Barsiisa'a, akka namichi kun ballaa te'ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo'o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Inni yookiin worri isaa cubbuu hin hunye. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te'e. Adoo guyya'aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa. Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti» isaaniin jedhe. Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee, «Dhaqiitii haroo Siilo'aamiititti dhiqadhu» jedhe; «Siilo'aam» jechuun ka ergame jechu'u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi'ee dhufe.
Ollooti isaatii fi kolbaan tanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, «Namichi kun ka tee'ee kadhatuu motii?» jedhanee gaafatane.
Gariin, «Isuma» jedhane; ka dhibiin ammoo, «Waawwo'o, isa fakkaata malee, isaa moti» jedhane.
Namichi ammoo, «Ani isuma» jedhe. 10 Isaan, «Ilti teeti attamiin banante ree?» jedhanee isa gaafatane. 11 Inni deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo'aamii dhaqee dhiqadhu natti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande'e» jedhe.
12 Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, «Ani hin beeku» jedhe.
Fariisaayoti Akka Namichi Itti Fayye Qorqorane
13 Achiin duuba isaan namicha dur balla'aa kaan gara Fariisaayotaa geessane. 14 Guyyaan Yesuus biyyee dhoqqeessee ila namicha balla'aa fayyise sun guyyaa Sanbataa ti. 15 Fariisaayotille attam akka inni dhagguu dande'e namicha gaafatane. Namichi deebisee, «Yesuus dhoqqee ila tiyya dibe; ani dhiqadhee, amma dhagguu dande'e!» jedhe.
16 Fariisaayoti gariin, «Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u» jedhane. Worri kuun ammoo, «Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?» jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqoodam te'e.
17 Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, «Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?» jedhanee gaafatane.
Namichi deebisee, «Inni raaga'a» jedhe.
18 Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne. 19 Maarre isaan worraan, «Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?» jedhanee gaafatane.
20 Worri isaa deebisee, «Akka inni ilma keenna te'e, ballaa te'eelle akka dhalate hin beenna. 21 Amma ammoo attamiin akka inni dhagguu dande'e, yookiin eennu ila isaa akka bane nuuti hin beennu. Inni nama gudda'a, ifumaafuu dubbatuu hin dande'a; isa gaafadha'a!» jedhane. 22 Nami akka Yesuus Masiihii*Masiihii: Kiristoos te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe. 23 Waan kanaaf worri isaa, «Inni nama gudda'a; isa gaafadha'a!» jedhane.
24 Isaan namicha dur ballaa te'ee dhalate lammeessoo waamanee, «Ati Waaqa ulfeessii dhugaa dubbadhu! Namichi kun akka cubbaalessaa nuuti hin beenna» jedhaneen.
25 Namichi deebisee, «Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga» jedhe.
26 Isaan, «Inni maan sii godhe? Inni attamiin ila teeti bane?» jedhanee gaafatane.
27 Inni deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?» jedhe.
28 Isaan isa arrassanee, «Si'ittuu barataa isaa ti; nuuti ammoo barattoota Muuse'ee ti. 29 Nuuti akka Waaqi Muuse'etti dubbateeru hin beenna; namichi kun ammoo, inni eessaa akka dhufeeyyuu hin beennu!» jedhaneen.
30 Namichi deebisee, «Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane! 31 Waaqi cubbaaleyyi'iif akka hin dhageenne nuuti hin beenna; inni worra isa ulfeessuu fi fedhii isaa muummessuuf dhage'a. 32 Nama ballaa te'ee dhalate tokko ka ila bane jira jedhamuun, haga biyyi lafaa dadantee ijjumaa dhage'antee hin beettu. 33 Nami kun Waaqa biraa adoo dhufuu dhabaatee, waan tokkolle godhuu hin dande'uuyyu» isaaniin jedhe.
34 Isaan, «Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?» jedhanee gussanee gad isa baasane.
Ballummaa Ayyaantumma'aa
35 Yesuus akka isaan namicha gussanee gad baasane dhage'ee, yennaa isa dhagge, «Ilma Namaatitti hin dhugeeffattaa?» jedhee isa gaafate.
36 Namichi deebisee, «Goottaa kiyya, kam inni? natti himi, itti dhugeeffadhaa!» jedheen.
37 Yesuus isaan, «Ati duruu isa dhaggiteerta, ka amma si woliin dubbatiisatti jiruuyyu isa» jedhe.
38 Namichi, «Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha» jedhee isaa sagade.
39 Yesuus, «Worri ballaan akka dhagguu fi worri dhaggu ballaa akka te'u, muriisaaf ani gara biyya lafaa tana dhufe» jedhe.
40 Worra Fariisaayotaa ka isa woliin achi jiranu keessaa gariin isaa tana jedhu dhage'anee, «Dhugumaan nuutilleen balloota jechuu keetii ree?» jedhanee isa gaafatane.
41 Yesuus isaaniin, «Isin balloota adoo teetanee, silaa yakkaa hin qaddanuuyyu; amma ammoo hin dhaggina waan jettanuuf, isin yakkaameyyi'i» jedhe.

*9:22 Masiihii: Kiristoos