10
Mammaassa Tissee Hoolotaa
Yesuus, «Ani dhugaa isinitti hima, nami gara gooree hoolotaa balbalaan adoo hin te'in, karaa dhibi'iin yaabee seenu, hattu'uu fi saamtu'u. Nami gara gooree hoolotaa balbalaan seenu ammoo, tissee hoolotaa ti. Ka balbala eegu balbala isaaf hin bana. Hoolotille qoonqoo isaa hin dhage'an. Inni hoolota ifii maqa'aan waamaa, dura deemaa gad baasa. Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan. Isaan qoonqoo ormaa waan hin beenneef, irraa baqatan malee, isa hin hordofanu» jedhe.
Yesuus mammaassa kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni jedhe hin hubanne.
Yesuus Tissee Dansa'a
Yesuus ammalle, «Ani dhugaa isinitti hima: balbalti hoolotaa ana. Worri dhibiin ka anaan dura dhufe marti hattu'uu fi saantu'u, hooloti ammoo isaan hin dhageettu. Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata. 10 Hattuun hatiisaaf, ijjeesiisaa fi balleessiisa qofaaf dhutti. Ani ammoo hooloti jiruu akka dhaggattuu fi jiruu firinxiixxuu*Firinxiixxuu: Ta dhidhuu hin qanne akka qabaattuuf dhufeera» jedhe.
11 Yesuus, «Tisseen dansaan ana. Tisseen dansaan hoolota ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenna. 12 Tissee adoo hin te'in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te'iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittinneessiti. 13 Namichi qaxaramee tissu, waan qaxaramee tissuuf, hoolotaafille waan hin rakkaneef lakkisee dheeta. 14-15 Tisseen dansaan ana. Akkuma Abbaan na beeku, anilleen isa beeka; akkuma ani hoolota tiyya beeku, isaanille na beekan. Anille isaaniif lubbuu tiyya dabarsee kenna. 16 Ani hoolota dhibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage'an, gooree takkaa hin te'an, tisseelle tokkocha.
17 «Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata. 18 Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe» jedhe.
19 Sababa jecha kanaatiif ammalle Yihudooti yaadaan gargar qoqoodante. 20 Isaan keessaa nami hedduun, «Inni durriisa ifi keessaa qaba! Inni maraata'a! Isin maaf isa dhageettan?» jedhane. 21 Worri dhibiin ammoo, «Tun dubbii nama durriisa ifi keessaa qabuutii moti! Durriisi ballaa ila banuu dande'aa?» jedhane.
Yesuus Tuffatame
22 Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilifamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna. 23 Yesuus dalleya Galma Waaqaa keessatti sissaabiiSissaabii: Soroo manaa, gimoo manaa Solomoon jala deddeebi'u keessa ideemiisatti jiruun, 24 Yihudooti isa marsitee, «Ati haga yoomii gadhaa keenna rarraacha? Ifatti baasii nutti himi: Ati Masiihii?» jedhanee gaafatane.
25 Yesuus deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin ammoo ana hin dhugeeffattanu. Hujiin ani maqaa Abbaa kiyyaatiin huju naaf dhugaa baati; 26 isin ammoo hoolee tiyya waan hin te'iniif, hin dhugeeffattanu. 27 Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan. 28 Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande'u. 29 Abbaan kiyya, ka isaan naaf kenne waan mara caala, eennulle dande'ee harka Abba'aatii isaan hin butu. 30 Abba'aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe.
31 Achiin duuba Yihudooti dhaka'aan isa tumiisaaf ammalle dhakaa fudhatte. 32 Yesuus deebisee, «Ani hujii dansaa hedduu Abbaan natti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhaka'aan na tumiisaaf barbaaddan?» jedhe.
33 Yihudooti deebisanee, «Wonni nuuti dhaka'aan si tumiisaaf barbaannuuf, waan ati Waaqa faanshessiteef malee, hujii dansaa keessaa takkaalle'eefii moti, ati adoo namuma teeteertuu Waaqa ifi goota» jedhaneen. 34 Yesuus deebisee, «Seera keessan keessatti Waaqi isiniin ‹Isin waaqota› ka jedhe barreeffanteertii motii? 35 Worra jechi Waaqaa isaaniif dhufeen, ‹Isin waaqota› yoo jedhe, Barreeffam Woyyichi ka hin diiganne yoo te'e, 36 ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, ana ka Abbaan na filatee gara biyya lafaa na ergeen, isin ‹Waaqa faanshessita› attam jettan ree? 37 Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hunye te'e, natti hin dhugeeffatina'a. 38 Yoo ani huju te'e ammoo, natti dhugeeffatuu dhaddanulle, Abbaan na keessa, Anille Abbaa keessa akka jiru akka beettanuu fi akka hubattanu, hujii tiyyatti dhugeeffadha'a» isaaniin jedhe.
39 Isaan ammalle isa qabiisaaf barbaadane; inni ammoo isaan harkaa miliqe.
40 Achiin duuba Yesuus ammalle Yordaanosiin gama addee Yohaannis duraan itti cuuphaa ture deebi'ee dhaqee, achi bubbule.Yoh. 1:28 41 Namooti hedduun gara isaa dhufane. Isaan, «Yohaannis bilbaasa tokkolle hin goone, ammoo marroo namicha kanaa wonni inni dubbate marti dhuga'a» jedhane. 42 Namooti hedduun achi jiranu Yesuusitti dhugeeffatane.

*10:10 Firinxiixxuu: Ta dhidhuu hin qanne

10:23 Sissaabii: Soroo manaa, gimoo manaa

10:40 Yoh. 1:28