17
Yesuus Barattoota Ifiitiif Daadimate
1 Dubbii tana dubbateen duuba, Yesuus gara ol-gubba'aa ol ilaalee, «Abba'a, yennaan geetteerti. Ilmi keeti ulfinna akka sii kennuuf, Ilma keeti ulfeessi. 2 Sababille worra ati isaaf kennite maraaf, jiruu bara baraa akka kennuuf, ati kolbaa mara irratti baallii isaaf kenniteerta. 3 Jiruu bara baraa jechuun si Waaqa tokkocha dhugaamessaa fi Yesuus Kiristoosii ati ergite beekiisa. 4 Hujii ati akka ani hujuuf natti kennite muummessiisaan lafa irratti ani si ulfeesseera. 5 Abba'a! Ulfinnuma adoo biyyi lafaa hin dadamin dura ani si biratti qabu san, amma ifi biratti naaf kenni.
6 «Biyya lafaa keessaa worra ati naaf kenniteef maqaa keeti beessiseera. Isaan keetiiyyu, ati ammoo naaf kennite. Isaan jecha keeti eegataneeran; 7 amma isaan wonni ati naaf kennite maraa si biraa akka dhutte beekaneeran. 8 Jecha ati naaf kennite ani isaaniif kenneera; isaanille fudhataneeran; akka ani si biraa dhufe dhugumaan beekaneeran; akka ati na ergitelle dhugeeffataneeran.
9 «Ani isaaniif daadimadha; worri ati naaf kennite keeti waan te'aneef, isaaniif daadimadha malee, biyya lafaatiif hin daadimadhu. 10 Ka ani qabu maraa keeti, ka atille qaddu maraa kiyya; ulfinni kiyya isaaniin mudhata. 11 Ani amma gara keeti dhufaara; haganaa achi biyya lafaa keessa hin jiraadhu; isaan ammoo biyya lafaa keessa jiran. Abbaa woyyu'u! Akkuma nuuti tokko teene, worri ati naaf kennitelle tokko akka te'anuuf, maqaa keeti ka anaaf kenniteen, isaan eegi. 12 Yennaa isaan woliin jiru, maqaa keeti ka ati naaf kenniteen ani isaan eegeera; ani isaan tisseera; Barreeffam Woyyichi akka muummowuuf, isaan keessaa ilma badi'ii malee, tokkolle ka bade hin jiru. 13 Ani amma gara keeti dhufaara; isaan gammada kiyya guutuu akka qabaatanuuf, dubbii tana biyya lafaa keessatti dubbadha. 14 Ani dubbii teeti isaanii kenneera; akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaa waan hin te'iniif, biyyi lafaalle isaan jibbite. 15 Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si gaafadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin gaafadhu. 16 Akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaatii moti. 17 Jechi keeti dhuga'a; dhuga'aan isaan woyyoonsi. 18 Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergite, anille gara biyya lafaa isaan ergeera. 19 Isaan dhuga'aan ka woyyoomane akka te'anu, ani isaaniif jedhee ifi woyyoonsa.
20 «Worra dubbii isaanii dhage'ee natti dhugeeffatuufille gaafadha malee, isaan calla'aaf hin gaafadhu. 21 Ani akka isaan maraa tokko te'anu daadimadha. Abba'a! Akkuma ati anaan jirtu anille akkuma si'iin jiru, isaanille nu'uun akka jiraatanu, akka ati na ergitelle biyyi lafaa akka dhugeeffattuuf daadimadha. 22 Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te'anuuf, ulfinnuma ati naaf kennite, anille isaaniif kenne. 23 Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te'anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaalatte, isaanille akka jaalatte akka beettuuf daadimadha.
24 «Abba'a! Ati isaan naaf kenniteerta; addee ani jiru na woliin akka isaan jiraatanu, biyyi lafaa adoo hin dadamin dura waan na jaalatteef, ulfinna ati naaf kennite, akka isaan dhagganuuf barbaada. 25 Abbaa balcha'a! Biyyi lafaa si hin beenne; ani ammoo si beeka; isaan kunille akka ati na ergite beekaneeran. 26 Ani akka isaan si beekanu godheera; jaalalli ati na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf, anille isaan keessa akka jiraadhu, ammalle ittuma akka beekanu hin godha» jedhe.