18
Yesuus Qabame
(Mat. 26:47-56; Mar. 14:43-50; Luq. 22:47-53)
Yesuus daadimata kana daadimateen duuba, barattoota ifii woliin dhooqa Qedirooniitiin gama dhaqe. Addee san oorru'utti jira. Yesuusii fi barattooti isaa oorruu san seenane. Yesuusii fi barattooti isaa yennaa hedduu achitti waan wol dhagganuuf, Yihudaan dabarsee isa kenne addee san hin beekaayyu. Maarre Yihudaan loltoota worra Rooma'aa, eeddota Galma Waaqaa ka sooreyyii hayyootaatiin ergamanee fi Fariisaayota guuratee gara addee oorru'uu san dhaqe; isaan meya woraanaa hidhatanee faanosi'ii fi xassaa qabataneeran. Yesuus waan itti dhufaaru beekee, gara duraa itti deemee, «Eennu barbaaddan?» isaaniin jedhe.
Isaan deebisanee, «Yesuusii biyya Naaziretii ti» jedhane.
Inni, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihudaan isa dabarsee kennelle isaan woliin achi dhaabbateeraayyu. Yennaa Yesuus, «Aninuu isa» jedhe gara duubaa sissiqanee lafatti jigane. Ammalle Yesuus, «Eennu barbaaddan?» jedhee isaan gaafate.
Isaan, «Yesuusii Naaziretii ti» jedhane.
Yesuus deebisee, « ‹Aninuu isa› jedhee isinitti himeera. Isin, na yoo barbaadiisatti jiraattane, worra kana lakkisa'a deemanuu ti» jedhe. Dubbiin inni tanaan dura, «Abba'a, worra ati naaf kennite keessaa tokkolle hin ganne» jedhe akka muummottuuf tana dubbate.
10 Simoon Pheexroos, shallaagaa qabateeru buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa middicha irraa kute. Maqaan garbicha saniille Maalkoos. 11 Yesuus Pheexroosiin, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebisi! Muduunuu rakko'oo ta Abbaan kiyya akka ani unuuf naaf kenne ani hin unuu?» jedhe.
Yesuus Hayyicha Guddaa Dura Dhiyaate
12 Achiin duuba loltooti worra Rooma'aa worra isaan ajajuu fi Yihudoota Galma Waaqaa eeganu woliin Yesuus qabanee, hidhanee, 13 matooma gara Haannaas isa geessane. Haannaas abbaa-soddaa Qayyaaffa'aa ti; Qayyaaffaan bara san Hayyicha Guddaa te'eeraayyu. 14 Qayyaaffaan kunille, nami tokko kolbaa maraaf yoo du'e woyya jedhee Yihudoota baallii qabanu ka gorse.
Pheexroos Yesuus Mormate
(Mat. 26:69-70; Mar. 14:66-68; Luq. 22:55-57)
15 Simoon Pheexroosii fi barataan dhibiin Yesuus hordofane. Barataan dhibiin sun Hayyicha Guddaa biratti beekkamaa waan te'eef, Yesuus woliin gara dalleya mana hayyicha gudda'aa seene. 16 Pheexroos ammoo karra duratti hafe. Barataan dhibiin, Hayyicha Guddaa biratti beekkame sun gad bayee, durrittii karra eeddutti himee, Pheexroos ol seensise. 17 Durrittiin karra eeddu Pheexroosiin, «Ati barattoota namicha sanii keessaa tokkoo motii?» jette. Pheexroos deebisee, «Waawwo'o, anaa moti» jedhe. 18 Boojjiin waan jirtuuf, tajaajiltootaa fi worri eeddotaa ibidda cile'ee gabbisanee, naannoo isaa dhaabbatanee, o'ifatiisatti jiran. Pheexroosille isaan woliin dhaqee dhaabbatee o'ifate.
Hayyichi Guddaan Gaaffii Yesuus Gaafate
(Mat. 26:59-66; Mar. 14:55-64; Luq. 22:66-71)
19 Hayyichi guddaan marroo barattoota isaatii fi marroo barsiisa isaa Yesuus gaafate. 20 Yesuus deebisee, «Ani mudhinnatti nama maratti dubbadheera; yennaa mara mana Waaqonfannaa Yihudootaatii fi Galma Waaqaa keessatti addee kolbaan marti wolitti qabantutti barsiiseera. Ani dhossa'atti waan tokkolle hin dubbanne. 21 Ati maaf na gaafatta ree? Kolbaa na dhageette gaafadhu. Isaan waan ani jedhe hin beekan» jedheen.
22 Yennaa Yesuus tana jedhe, worra eeddotaa ka achi jiranu keessaa tokko, «Hayyicha gudda'atti attam akkas deebittee dubbatta?» jedhee isa kabale.
23 Yesuus deebisee, «Yoo ani dokonkora dubbadhee jiraadhe, dokonkora san nama as jirutti himi. Yoo ani sirrii dubbadhee jiraadhe ammoo ati maaf na dhootta?» isaan jedhe. 24 Achiin duuba Haannaas, akkuma inni hidhamee jiruun, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa erge.
Pheexroos Ammalle Yesuus Mormate
(Mat. 26:71-75; Mar. 14:69-72; Luq. 22:58-62)
25 Simoon Pheexroos adoo achi dhaabbatee ibidda o'ifatiisatti jiruu, worri dhibiin isaan, «Atille barattoota isaa keessaa tokkoo motii?» isaan jedhane. Pheexroos ammoo, «Waawwo'o, anaa moti» jedhee mormate. 26 Garboota hayyicha gudda'aa keessaa tokko, firri namicha Pheexroos gurra irraa kutee, «Isa woliin oorruu keessatti ani si hin dhagginee?» jedhee isa gaafate. 27 Pheexroos ammalle mormate; yoosuma lukkuun iyyite.
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhiyeeffame
(Mat. 27:1-2,11-14; Mar. 15:1-5; Luq. 23:1-5)
28 Barii halkaniin Yesuus mana Qayyaaffa'aatii gara galma bulchaa biyyaa geessane. Yihudooti baalli qabanu nyaata Jila Irra Dabaramaa nyaatiisaaf akka dande'anu, qulqullinna aadaa dhugeeffannaa isaanii eegatiisaaf waan barbaadaneef, galma bulchaa biyyaa hin seenne. 29 Tanaaf Philaaxoos gara isaanii gad bayee, «Wonni isin namicha kana ittiin himattanu maan?» jedheen.
30 Isaan deebisanee, «Adoo inni yakkaa tokko hin hujin nuuti gara keeti isa hin finnuuyyu» jedhaneen.
31 Philaaxoos isaaniin, «Isinunti isa fuudha'aatii, akka seera keessaniititti itti mura'a» jedhe.
Isaan, «Nuuti nama tokkolle ijjeesu'uuf seerri nuuf hin kennu» jedhanee deebisane. 32 Dubbiin Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru dubbate akka muummottuuf tun teete.
33 Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee seenee, Yesuus waamee, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate.
34 Yesuus deebisee, «Gaaffii tana si'umatti gaafata moo yookiin worra dhibi'itti marroo tiyya sitti hime?» jedhe.
35 Philaaxoos deebisee, «Ati nama Yihudi'ii na seetaa? Kolbuma teetii fi sooreyyii hayyootaatitti gara kiyya dabarsee si kenne. Ati maan gooteerta?» jedhe.
36 Yesuus deebisee, «Mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaatii moti; adoo mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaa teetee, akka ani worra Yihudoota baallii qabanutti dabarfamee hin kennanne, silaa hordofattooti tiyya naaf hin lolaniiyyu. Mootummaan tiyya ammoo ta biyya lafa tanaatii moti» jedhe. 37 Maarre Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaatii ree?» jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, «Akka ani mooti'ii atinuu jette. Ani marroo dhuga'aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga'aa ka te'e na hin dhage'a» jedhe. 38 Philaaxoos, «Dhugaan maan inni?» jedhee gaafate.
Yesuusitti Duuti Murante
(Mat. 27:15-31; Mar. 15:6-20; Luq. 23:13-25)
Achiin duuba Philaaxoos gara kolba'aa deebi'ee gad bayee, «Ani yakkaa isa himachiittu tokkolle isa irratti hin dhaggu. 39 Ammoo ani yennaa Jila Irra Dabaramaa, yennaa mara nama hidhameeru tokko akka isinii hiiku barattaneertan. Mootii Yihudootaa akka ani isiniif hiiku barbaaddanii?» isaaniin jedhe. 40 Jennaan isaan, «Waawwo'o, isaa moti! Barabbaa nuu hiiki!» jedhane itti hogisane; Barabbaan nama nama saamaa ture.