9
Iyoob
1 Achiin duuba Iyoob deebisee,
2 «Dhuguma tun dhugaa
akka teete hin beeka.
Ammoo nami attam Waaqa duratti
balchaa te'uu dande'a ree?
3 Nami tokko Waaqaan falmuu
yoo barbaade,
gaaffii kuma keessaa takkattiille
deebisee hin dande'u.
4 Waaqi qaro'o; hunnaamessalle'e;
ka isa moromee,
hin injifatamin eennuu?
5 Inni dedhuma gaara tatachoosee,
aarii ifiitiin isaan hin balleessa.
6 Waaqi lafa addee isi'ii irraa hin tachoosa;
utuboota lafaalle hin raasa.
7 Inni aduun akka hin baane hin ajaja;
urjootille ifa akka hin kennine hin dhoogga.
8 Inni qofuu ol-gubbaa diriirse;
danbalii bisaanii irralle hin ideema.
9 Tuuta urjootaa ka bineensa, ‹Doobbaa*Doobbaa: Bineensa Iyyaa fakkaatu.› jedhamu fakkaatu,
tuuta urjootaa ka, ‹Sadee†Sadee: Hiikkaan gariin Ooriyoon jedhan.› jedhamu,
tuuta urjootaa ka, ‹Torbii‡Torbii: Hiikkaan gariin Piliyaadis jedhan.› jedhamuu fi
tuuta urjoota gara kibbaalle isatti dade.
10 Waan maade'ee ta qorqoranee bira hin geenne,
bilbaasota laakkonnee hin dhaqqanne hin godha.
11 Yennaa inni na biraan dabaru,
ani isa hin dhaggu;
yennaa inni cinaa tiyya ideemu,
ani isa hin hubadhu.
12 Yoo inni butee ideeme,
eentu isa dhoogga?
Eentu isaan, ‹Ati maan godhiisatti jirta?› jedha.
13 Waaqi mufii ifii duubatti hin deebisu;
worri bineensa guddaa abbaayaa keessaa
ka, ‹Rahaab› jedhamu qarqaaruuyyuu isaaf hin sagadan.
14 «Ani attam
deebii isaaf kennuu dande'a ree?
Ani isa woliin falmiisaaf,
attamiin jechoota filatuu dande'a ree?
15 Ani yakkaa qabaatuu yoo dhabelle,
abbaa mura'aa kiyya
akka naaf mararu gaafadha malee,
deebii isaaf kennuu hin dande'u.
16 Ani maqaa isaa waammadhee
inni naaf yoo deebiselle,
akka inni qoonqoo tiyya dhage'u hin dhugeeffadhu.
17 Inni bubbe'een na butucha;
sababa malee madaa natti baceessa.
18 Inni hadha'aan na guuta malee,
hafuura na hin fudhachiisu.
19 Marroo jabeennaa yoo teete,
inni jaba'a.
Marroo mura'aa yoo teete,
gara addee mura'aa san
ka isa waamuu dande'u eennu?
20 Ani yakkaa qabaatuu dhabulle
afaan kiyyaayyuu natti mura;
ani ka komii hin qanne te'ulle,
‹Daba'a› anaan jedha.
21 «Ani ka komii hin qanne te'ulle
marroo mataa kiyyaa hin beeku;
jiruu tiyyalle hin jibba.
22 Martinuu tokkuma;
tanaaf ani, ‹Waaqi worra komii hin qannee fi
worra hamaaleyyii hin balleessa› jedhe.
23 Yennaa balaan nama yakkaa hin qanne
dedhuma ijjeesu
Waaqi isatti hin qacifata.
24 Yennaa latti harka
worra hamaaleyyi'iititti kennantu,
Waaqi ila abbootii mura'aa
ta lafa sanii hin golla.
Isa yoo hin te'in,
tana ka godhe eennu ree?
25 «Barri kiyya nama rukkisu caalaa ariifata;
adoo waan dansaa hin dhagginuu dabara.
26 Akka hoboloo ariifattu'uu§Akka hoboloo ariifattu'uu: Hoboloon allaaduu irraa hujante waan ariifattuuf, hiikkaan gariin akka hoboloo allaadu'uu jedhan.,
akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu dabara.
27 Ani, ‹Gungunsuu tiyya hin dedha;
nyaara guuruu lakkisee,
hin seeqadha› yoo jedhe,
28 akka nama yakkaa hin qanneetitti
akka ati na hin ilaalle
waan beekuuf
farra tiyya duudii hin sodaadha.
29 Yakkaan eega natti murantu teete,
maaf toluma dadhaba ree?
30 Nafa kiyya saamunaan,
harka kiyya haraanja'aan
yoo dhiqadhelle,
31 ati boolla haraa itti gatanu keessatti
na gatta;
woyaan tiyyaayyuu na jibbiti.
32 «Ani isa woliin
gara kora mura'aa dhaqee
deebii isaaf kenniisaaf,
inni akka kiyya nama foon uffatee moti.
33 Nami anaa fi Waaqa wolitti araarsiisaaf
wodhakkaa teennatti murtee kennu
adoo hin jiraatuu!
34 Akka ani hin bararandheef,
adoo Waaqi na adabuu dhabe,
35 ani sodaa malee,
silaa isa woliin hin dubbadhaayyu;
amma ammoo dubbatuu hin dandeenne.