10
1 «Ani jiruu tiyya jibbeera;
tanaaf ittuma gungumaa,
hadhaa lubbuu tiyyaa hin dubbadha.
2 Ani Waaqaan,
‹Waan na loltuuf natti himi malee,
natti hin murin!
3 Mala worra hamoole'ee fudhattee,
hujii harka keetii tuffattee,
na cunqursiisi si hin gammachiisaa?
4 Ati ila nama foonii qaddaa ree?
Akkuma nami ilaalu ilaaltaa ree?
5 Guyyooti keeti akka guyyoota namaatii ree?
Yookiin woggooti keeti akka woggoota namaatii ree?
6 Ati maaf yakkaa tiyya barbaaddee,
cubbuu tiyya qorqorta?
7 Akka ani yakkaa hin qannee fi
harka keeti keessaa nami na baasu
akka hin jirre ati hin beetta.
8 «‹Ka miidhassee na dade harka keeti;
amma deebitee na balleessitaa?
9 Faara irraa akka na dadde qaabadhu;
ammalle biyye'etti na deebisu'uufii ree?
10 Ati akka aananii na dhangalaattee,
akka itittu'uu na hin itichinee ree?
11 Goga'aa fi foon natti uffittee,
lafe'ee fi ribu'uun wolitti qassiitte.
12 Ati jiru'uu fi jaalala bara baraa keeti
naaf kenniteerta;
eeddoon teeti
na jiraachitteerti.
13 Ati ada waan kana
gadhaa keeti keessatti dhoffatteerta.
Kun karoora keeti akka te'e
ani hin beeka.
14 Ani yoo cubbuu huje
ati hin dhaggita;
yakkaa tiyyalle
adaddu malee hin lakkittu.
15 Hamaalessa yoo te'e,
naaf aanne'e!
Nama balchaa te'ulle
dande'ee mataa kiyya ol hin qabadhu.
Ani waan salphadheef
rakko'oon guutameera.
16 Yoo mataa kiyya ol qabadhe,
ati akka neenqaa na adansita.
Na miidhiisaafille
itti deddeebitee hunna teeti sodaachittuu
natti mudhitta.
17 Ati dhugaa baatota haareya na irratti kaatta;
mufii teeti natti fakkansita;
loltoota haareya natti fidda.
18 «‹Waaqa kiyya, maaf akka ani dhaladhu na goote?
Ilti nama tokkoolle
adoo na hin dhaggin
adoo du'ee hin jiraadhuu!
19 Adoo dhalatiisa hin dhabuu!
Yookiin gadaamessa keessaa
gara awwaalaa adoo hin geeffamuu!
20 Barri jiruu tiyyaa gabaaba'aa motii?
Bara gabaabaa kana keessatti
diqqumalle akka gammadu na lakkis.
21 Ani gara lafa deebi'anee hin gallee,
lafa dimimmisaatii fi dukkana dimmaa,
22 gara lafa dukkana dimmaa
gara lafa gaaddisa du'aa
gara lafa nageya hin qannee,
addee ifi akka dukkanaa te'e
adoo hin dhaqin
diqqumalle akka gammadu na lakkis› hin jedha» jedhe.