22
Eliifaaz
Achiin duuba Eliifaaziin Temaanichi deebisee,
«Nami Waaqaaf bu'aa qabaatuu dande'aa ree?
Nami qaroolle bu'aa ifumaaf buufata.
Ati balchaa yoo teete, balchummaan teeti
Waaqa waan mara dande'u maan gammachiitti?
Karaan keeti ka komii hin qanne yoo te'e,
inni woy dhaggataa ree?
 
«Ati Waaqa waan sodaattuuf
inni si xixee muraa si irratti fidee ree?
Tun sababa hammeenni keeti guddatee,
cubbuun teeti bacatteefii motii ree?
Ati sababa malee obboleeyyan teeti irraa
qaddii fudhatteerta;
namoota irraa woyaa mulqitee,
qullaa hamburteerta.
Ati worra dheebotee dadhabeef
bisaan hin kennine;
worra beelowelle sagalee dhooggatteerta.
Latti ta worra hunnaameyyi'ii ti;
worra ulfinna qabutti isii irra le'a.
Haadhotii hiyyeessaa
harka duwwaa gad lakkitteerta;
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneelle cunqursiteerta.
10 Tanaaf tiyyoon si marsitee,
dedhuma sodaan si bararassite.
11 Akka ati dhagguu hin dandeenne
dukkanti si qaddee,
lolaan si liqinse.
 
12 «Waaqi ol-gubbaa olii keessa le'aa motii ree?
Urjoota ol fagoo jiranulle,
gad ilaalaa motii ree?
13 Ati ammoo, ‹Waaqi maan beeka?
Dukkana dimmaatiin gara kaan jiraatee
natti muruu dande'aa?
14 Inni gonbobittii ol-gubba'aa irra yennaa deddeemu
duumensi hurrantaan waan isa golluuf
dhagguu hin dande'u› jetta.
15 Ati karaa durii ka worri hamaan irra deddeeme
hordofaartaa ree?
16 Isaan adoo yennaan isaanii hin geyiinuu qoomamaneeran;
hundeen isaanii lola'aan haxowanteerti.
17 Isaan Waaqa waan mara dande'uun, ‹Nu irraa fagaadhu;
maan nuu godhuu dandeetta?› jedhane.
18 Te'uu malee isumattuu mana isaanii
waan dansa'aan guute;
tanaaf ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu.
 
19 «Balchooti badii worra hamootaa dhagganee hin gammadan;
worri yakkaa hin qanne murgo'oof itti kollaa,
20 ‹Dhuguma diinni keenna badeera;
waan isaan irraa hafelle ibiddi fixeera› jedhan.
 
21 «Iyoob, Waaqaan wolii galiitii
isa woliin nageya qabaadhu;
karaa kanaan waan dansaa hin dhaggatta.
22 Qajeelcha inni sii kennu fudhadhu;
jecha isaalle gadhaa keetitti qabadhu.
23 Ati gara Waaqa waan mara dande'uu yoo deebite,
akka duriititti hin deebita;
hammeenna dunkaanii teeti keessaa yoo fageessite,
24 worqii akka buku'uutitti,
worqii gatii guddo'oolle*Worqii gatii guddo'oolle: Afaan Ibrootaatiin worqii Ofiiriille Jedha. Bara san worqii Ofiirii gatii guddo'oon bitatan.
akka rassaa bisaan keessaatitti yoo ilaalte,
25 Waaqi waan mara dande'u
worqi'ii fi meetii gatii guddo'oo siif hin te'a.
26 Achiin duuba ati
Waaqa waan mara dande'uun hin gammadda;
isalle'etti addattee hin leeta.
27 Ati gara isaa hin daadimatta,
innille si'iif hin dhage'a;
atille waadaa keeti isaaf hin galchita.
28 Wonni ati murteeffatte siif hin teeti;
ifille karaa keetitti hin ifa.
29 Waaqi worra kooru gad qaba;
worra ifi gad qabu ammoo hin fayyisa.
30 Sababa ati yakkaa hin qanneef,
Waaqi worra yakkaameyyi'iiyyuu
adabbii jalaa hin baasa» jedhe.

*22:24 Worqii gatii guddo'oolle: Afaan Ibrootaatiin worqii Ofiiriille Jedha. Bara san worqii Ofiirii gatii guddo'oon bitatan.