23
Iyoob
1 Achiin duuba Iyoob deebisee,
2 «Ani iyyaa aadulle
dhowichi isaa waan natti jabaateef,
haga ammaa gadhaan kiyya
gadda hama'aa fi gungussu'uun guutameera.
3 Addee isa itti dhaggu adoo beeke,
gara addee inni le'uu dhaqee,
4 silaa iyyata kiyya isatti dhikeeffadhee,
afaan kiyya guutadhee isatti hin dubbadhaayyu.
5 Waan inni naaf deebisu
sila hin beekaayyu
waan inni naan jedhulle
sila hin hubadhaayyu.
6 Waaqi hunna ifii guddo'oon
na morminnaa laati?
Waawwo'o! Inni naaf hin dhage'a.
7 Achitti nami qajeelaan haajaa ifii
Waaqa duratti dhikeeffata;
Waaqi abbaan mura'aa kiyyalle
haga bara baraa bilisa na hin baasa.
8 «Ani gara aduun baatu yoo dhaqe
inni achi hin jiru.
Gara aduun seentulle yoo deebi'e,
isa dhagguu hin dandeenne.
9 Yennaa inni gara kaabaatiin huju
ani isa dhagguu hin dande'u.
Yennaa inni gara kibbaallee deebi'uu
ani isa dhagguu hin dande'u.
10 Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka;
yennaa inni haga na ilaalu
akka worqi'ii qulqulluu te'eeruun na dhagga.
11 Miilli kiyya faana isaa gula deema;
karaa isaa irraa asii fi achi hin goru.
12 Ajaja afaan isaatii bawu irraa,
ani hin fagaanne;
jecha isaalle gadhaa kiyyatti qabadheera.
13 «Waaqi hin jijjiiramu;
eennulle isa mormuu hin dande'u;
inni waan fedhe godha.
14 Inni waan naaf yaade mara hin muummessa;
wonni hedduun akkasii qalbii isaa keessa jirti.
15 Tanaaf ani isa duratti hin bararaqa;
yennaa waan kana mara hedu isa sodaadha.
16 Waaqi na sodaachise;
ka waan mara dande'u na bararasse.
17 Te'uu malee ani dukkanaan,
dukkana dimma fuula kiyya gollite saniin hin cadhinne.