27
Iyoob
1 Ammalle Iyoob dabalee,
2 «Dhugaa Waaqa jiraataa waan mara dande'uu
ka haqa kiyya na dhooggatee,
jiruu tiyya natti hadheessee,
3 haga lubbu'uun jiru
hafuurri Waaqi na keessa keye haga na keessa jiru,
4 hantuun afaan kiyya keessaa hin baatu;
arrabi kiyyalle soba hin dubbatu.
5 Ani ijjumaa isiniin sirri'i hin jedhu;
haga du'a tiyyaatitti yakkaa malee le'uu irraa hin goru.
6 Balchummaa tiyyatti hin jabaadha'a;
gad hin lakkisulle'e;
bara le'ii tiyyaa
wodanaan kiyya waan kanatti hin gaabbu.
7 «Diinni kiyya akka worra hama'aa,
worri na mormu
akka worra balchaa hin te'inii te'uu ti.
8 Yennaa Waaqi isaan balleessu
yennaa inni lubbuu isaan keessaa baasu
addiin worra Waaqa malee le'uu
maan te'itti laati?
9 Yennaa rakkinni isaanitti dhufu
Waaqi iyya isaanii hin dhage'aa ree?
10 Isaan Waaqa waan mara dande'utti
hin gammadanii ree?
Yennaa mara Waaqa hin waammatanii ree?
11 «Ani marroo hunna Waaqaa isin barsiisa;
karoora Waaqa waan mara dande'uulle
ani isin hin dhossu.
12 Isin martinuu tana dhaggitaneertan;
eegasuu waan bu'aa hin qanne maaf dubbattan ree?
13 Qoodi nami hamaan
Waaqa irraa dhaggatu,
dhaalli nami nama cunqursu
Waaqa waan mara dande'u irraa fudhatu,
ka asii gad jiru:
14 Ijoolleen isaa yoo heddattelle
shallaaga'aan dhumatti;
sanyiin isaalle sagalee quuttee nyaattu hin qabaattu.
15 Worri baraareen hafe dhukkubaan dhumata;
haadhotiin hiyyeessaa isaaniille
isaaniif hin boottu.
16 Worri hamaan meetii akka biyye'ee tuulee,
woyaalle akkuma faara biyye'ee
wol irra naquu dande'a fa'a.
17 Waan isaan tuulatane san ammoo,
worra balcha'attuu uffata;
worri yakkaa hin qannelle meetii hin qoqoodaman.
18 Manni isaan ijaaranu akka mana saaphuphu'uutii fi
akka gosee nama midhaan eeguu ti.
19 Worri hamaan dureessa te'ee hin rafa,
ammoo itti hin deebi'anu;
yennaa isaan dammaqanu,
karri isaanii marti baddeerti.
20 Bararaqi akka lola'aa isaan irra yaa'a;
halkan hobonbolattiin isaan fudhattee deenti.
21 Qilleensi gara aduun baatuu
isaan fuudhee deema;
isaanille hin dhaggamanu;
addee isaanii irraa haxowee isaan balleessa.
22 Isaan hunna qilleensa sanii jalaa bayiisaaf wodhaananulle,
marartii malee bira itti dabara.
23 Qilleensi isaan irratti harka dhowee
addee jiru irralle'ee isaanitti siissa*Siissa: Lafa tokko tokkotti fiissa jedhan..