28
Wolaloo Marroo Qarumma'aa
1 «Dhuguma boolli meetii keessaa qotanee baasanu,
addeen worqii itti baqsiisanu jirti.
2 Sibiilli lafa keessaa dhaggama;
sibiilli diimaalle biyyee albuudaa keessaa
baqisiifamee dhaggama.
3 Namooti qilee lafaa keessa seenanee
dukkana dimmaa keessa lixanee
biyyee albuudaa barbaadan.
4 Isaan lafa nami le'u irraa fagaatanee,
addee miilli namaa ijjattee hin beenne geyan.
Achitti boolla qilee qotanee
wodaroo irratti rarra'aa
nama irraa fagaatanee qofuu ifii hujan.
5 Latti midhaan sagalee te'u baattu,
keessi isi'ii ammoo ibiddaan baqee garagaggala.
6 Rassaa isi'ii keessaa
dhakaan gatii guddo'oo
ka ‹Safiiros› jedhamu dhaggama;
biyyee isi'ii keessalle'ee worqiin hin dhagganti.
7 Karaa gara albuudaa geessu san risaan hin beeku;
ilti jajju'uulle hin dhaggine.
8 Bineensi hamaan addee san hin ijjanne;
neenqille karaa san hin dabarre.
9 Harki nama albuuda qotuu
rassaa jabaa hin caccassa;
gaarotalle hundee irraa garaggaggalcha.
10 Isaan rassaa dhoosanee karaa hin baasan;
ilti isaaniille waan gatii guddo'oo hin dhaggiti.
11 Madda lagaa hin kiphan;
waan lafa keessatti dhokatelle ifatti hin baasan.
12 «Ammoo qarummaan eessatti dhagganti?
Addeen hubanti'ii eessa jirti?
13 Qarummaan lafa nami le'u keessatti hin dhaggantu;
namille gatii isi'ii hin beeku.
14 Qileen abbaaya'aa,
‹Qarummaan na keessa hin jirtu› jetti;
abbaayaalle, ‹Qarummaan na bira hin jirtu› jetti.
15 Qarummaan worqii qullu'uun hin bitantu;
gatiin isi'iille meeti'iin hin madaalantu.
16 Gatiin isi'ii worqii gatii guddo'ootiin,
dhakaa ‹Sardoniikis*Sardoniikis: Dhakaa gatii guddoo qabu.› jedhamuun
yookiin dhakaa, ‹Safiiros› jedhamuun wol hin qixxawu.
17 Worqi'ii fi daaw'itiille'een†Daaw'itii: Bara durii gatiin daaw'iti'ii akka malee guddo'o.
wol hin qixxoottu.
Dooqa worqii qullu'uulle'een
hin jijjiirantu.
18 Gatiin qarumma'aa dooqa gatii guddo'ootii fi
dhakaa gatii gudda'ootiin wol hin qixxoottu;
elellaan diintuulle‡Elellaan diintuu: Bara durii elellaan gatii guddoo qaddi caalti.
19 Qarummaan dhakaa gatii guddo'oo ka Itoophiya'aa§Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.,
ka ‹Xophaaziyon› jedhamuun wol hin qixxoottu;
worqii qulluu gatii guddo'oolle'een wol hin qixxoottu.
20 «Eegasuu qarummaan eessaa dhutti ree?
Addeen hubantiin jirtu eessa ree?
21 Isiin ila dada maraa duraa dhokatteerti;
sinbirrootaayyuu dhokatteerti.
22 Badi'ii fi duuti,
‹Nuuti oduu isi'ii qofa
gurra keennaan dhageenne› jedhan.
23 Waaqi karaa gara qarumma'aa geessu hin hubata;
addee isiin jirtulle isa qofattuu beeka.
24 Inni qaccee lafaa duudii waan dhagguuf,
waan ol-gubba'aan jala jiru mara dhagga.
25 Waaqi yennaa qilleensaaf hunna kenne,
haga bisaaniille yennaa mike*Mike: Wodaro'oon yookiin ciqile'een haga waan tokkoo beekiisaaf laakkowiisa.,
26 Bokkeyaaf seera,
balaqqeetti'iifille karaa yennaa baase,
27 achiin duuba qarummaa ilaalee,
gatii isi'ii murteesse;
inni isii qorqoree jabeessee isii dhaabe.
28 Achiin duuba inni namaan,
‹Kunoo, Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma'a;
waan hantuu irraa goriisille hubanti'i› jedhe» jedhe.
*28:16 Sardoniikis: Dhakaa gatii guddoo qabu.
†28:17 Daaw'itii: Bara durii gatiin daaw'iti'ii akka malee guddo'o.
‡28:18 Elellaan diintuu: Bara durii elellaan gatii guddoo qaddi
§28:19 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.
*28:25 Mike: Wodaro'oon yookiin ciqile'een haga waan tokkoo beekiisaaf laakkowiisa.