29
Dubbii Iyoobii Ta Dhumarraa
Iyoob ammalle dubbatee,
«Le'iin tiyya ta ammaa
ta akka yennaa Waaqi dur na eegee
adoo teete ani attam fedhaayyu!
Yennaa ifi isaa mataa kiyya irratti ife,
dukkana keessa ani ifa isaatiin ideeme.
Yennaa bara qananummaa tiyyaa
yennaa eeddoon Waaqaa
dunkaana tiyya irra jirtu,
yennaa Waaqi waan mara dande'u na woliin jiru,
yennaa ijoolleen tiyya na marsiteertu,
yennaa ani aananiin miila kiyya dhiqadhe,
yennaa rassaan zayitii ejersaa naaf madde,
yennaa ani gara seensuma karra qacha'aa dhaqe,
yennaa ani addee wolgeyi'ii san tee'e,
dargaggooti na dhagganee karaa irraa gorane;
jaarsoleelle kaatee dhaabbatte.
Sooreyyiin kolba'aalle dubbatuu lakkittee,
afaan qabatte.
10 Qoonqoon qondaaltotaa cadhittee,
arrabi isaaniille laagadaa isaaniititti maxxane.
11 Ka na dhage'e duudiin na jaje;
ka na dhaggelle duudiin na galateeffate.
12 Sababille ani worra hiyyeeyyii iyyu,
rakkoo jalaa baasee,
ijoollee abba'aa fi haadha hin qannelle qarqaareera.
13 Worri du'iisaaf dhikaate na eebbiseera;
qarqaarsi ani godhe,
gadhaa haadhotii hiyyeessaa gammachiiseera.
14 Ani balchummaa akka woya'aa uffadhe;
muraa dhuga'aalle akka geella'aa uffadhee,
akka marata mata'aalle maradhe.
15 Ani worra balla'aaf ila,
worra naafafille miila te'eeraayyu.
16 Ani hiyyeeyyi'iif akka abba'aa te'ee,
alaga'aafille wobii te'eeraayyu.
17 Ani a'oo nama hama'aa cassee,
waan inni butatelle afaan isaa irraa buuseera.
 
18 «Achiin duuba ani,
‹Barri kiyya akka maansaa bacatee,
manuma kiyya keessatti hin du'a.
19 Ani akka muka hidda gara bisaanii yaafatee,
halkan guutuulle fixeensi damee isaa irra jiruu ti.
20 Ulfinni kiyya yennaa mara haareya te'ee hin jiraata;
Hunni tiyyalle yennaa mara guubee haareya› jedhe.
 
21 «Namooti miidhassanee na caqasane;
gorsa kiyyalle dhage'iisaaf cadhisane.
22 Ani dubbadheen duuba,
isaan deebi'anee hin dubbanne;
dubbiin tiyya gurra isaaniititti coxxe.
23 Isaan akka nama bokkeya eegatuu na eegatane;
akka nama bokkeya furmaataa eegatuu
afaan ifii bananee dubbii tiyya eegatan.
24 Yennaa isaan ifi addii dhabane
ani isaanitti seeqadhe;
ifi fuula kiyyaalle isaan jajjabeesse.
25 Ani karaa isaaniif filee
bulchaa isaaniif te'e.
Akka mooticha loltoota ifii odduu le'uu,
odduu isaanii le'e.
Akka nama worra gadde jajjabeessuu,
isaan jajjabeesse.