32
Eliihuun Jaalota Iyoobii Xixe
(32:1—37:24)
1 Iyoob, «Ani nama balcha'a» waan ifiin jedheef, jarri tun sadiin deebii isaaf deebisuu lakkisane.
2 Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa ka maatii Raamii te'e, sababa Iyoob Waaqa caalaa ifi balchoonseef guddoo aare. 3 Jaaloti Iyoobii sadiin deebii quussitu Iyoobiif waan hin deebisiiniif, deebiin isaanii tun akka Waaqi dokonkora hujeeru waan gooteef, Eliihuun isaan irralle'etti aare. 4 Isaan duudiin angafoota isaa waan te'aneef, haga isaan dubbatanee fixatanutti, Eliihuun Iyoobitti dubbatiisaaf eegateeyyu. 5 Afaan jara sadiinii tana keessa deebiin akka hin jirre yennaa dhagge, Eliihuun aare.
6 Maarre Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa deebisee,
«Ani ijoolle'e;
isin nama gugurda'a;
tanaaf sodaadhee waan beeku himiisaaf isinitti hin gamne.
7 Ani, ‹Nami gugurdaan qara dubbatuu ti;
qarummaa bara heddu'utti dhaggatane barsiisanuu ti› jedhe.
8 Ammoo ka nama keessa bulee hubantii namaaf kennu
ayyaana Waaqa waan mara dande'uu ti.
9 Qarummaan guddatane'eefii moti;
waan sirrii te'e hubatiisille dulloomane'eefii moti.
10 «Tanaaf na caqasa'a;
anille waan beeku isinitti hima.
11 Kunoo, ani haga isin dubbatanee fixxanu eegadhe;
jechoota filataa yennaa dubbattanu
miidhassee caqase.
12 Ani akka dansaa isin caqase;
ammoo isin keessaa nami tokkolle
balleessaa Iyoobii mirkaneessee
dubbii isaatiif deebii ka kenne hin jiru.
13 Isin, ‹Nuuti qarummaa dhagganneerra;
ka Iyoobiif deebii kennu
Waaqa malee namaa moti› hin jedhina'a.
14 Iyoob isin morme malee na hin mormine;
anille moromaa akka keessaniitiin isaaf hin deebisu.
15 «Isaan rifatanee waan deebisanu dhabanee
dubbiin isaan duraa badde.
16 Kunoo, sababa isaan hin dubbanneef,
waan isaan deebii deebisanu dhabanee dhaabbataneef
ani isaan eeguu qabaa ree?
17 Anille deebii tiyya hin deebisa;
waan beekulle hin mudhisa.
18 Ani waan dubbadhu hedduu waan qabuuf,
cadhisuu hin dande'u.
19 Keessi kiyya daadhii woyni'ii ta cuqqaalantee,
akka qalqalluu daadhii woyni'ii haareyaa
ka dho'iisa geyee ti.
20 Akka furadhuuf dubbatuu qaba;
afaan kiyya banadhee deebii kennuu qaba.
21 Ani nama tokkoofille hin rogu;
nama tokkolle hin kukuulu.
22 Ani nama kukuuliisa waan hin beenneef,
silaa ka na dade dafee na balleessaayyu.