33
1 «Iyoob, ammalle waan jedhu dhage'i;
dubbii tiyya duudiille caqasi.
2 Ani afaan kiyya saaqadhee,
arrabi kiyya dubbatiisaaf qophoweera.
3 Dubbiin tiyya
qajeelummaa gadhaa kiyyaa irraa dhutti;
arrabi kiyyalle dhugaa dubbata.
4 Ayyaanni Waaqaa na dade;
hafuurri Waaqa waan mara dande'uu
jiruu naa kenne.
5 Yoo dandeette deebii naa kenni;
waan dubbattu qopheeffadhuutii
na dura dhaabbadhu.
6 Kunoo, ani Waaqa duratti akkuma keeti;
nuuti lamaanuu faara irraa dadanne.
7 Na sodaatiis si hin bararassin;
harki kiyyalle si hin cunqursu.
8 «Dhuguma ani si dhage'aaruun dubbatteerta;
jecha afaan keeti keessaa bayelle dhage'eera.
9 Ati yennaa dubbattu, ‹Ani qulqullu'u,
cubbuulle hin qabu;
ani qullu'u,
yakkaalle hin qabu.
10 Waaqi na adabiisaaf sababa na irratti barbaada;
akka diina ifiille na laakkowa.
11 Inni miila kiyya jirma odduu galchee,
tarkaaffii tiyya duudii eega› jetta.
12 «Waaqi nama duudii waan caaluuf,
ani ammoo tana irratti
akka ati sirrii hin te'in sitti hima.
13 Ati, ‹Waaqi iyyata namaa hin dhage'u› jettee,
maaf isa aalatta?
14 Nami hin hubatu malee,
Waaqi karaa adda addaatiin dubbata.
15 Namooti taqee ifii irra rafaneeranuun,
hirriibi hamaan isaan yennaa qabu
Waaqi oojju'uun, mudhii halkaniitiin dubbata.
16 Yennaa san inni gurra isaaniititti hin dubbata;
ifi eeggachiisiisalle'een isaan bararassa.
17 Akka kanaan hujii hantuu irraa isaan deebisa;
akka hin koorrelle isaan eega.
18 Lubbuu isaanii boolla irraa,
jiruu isaaniille badii shallaaga'aa irraa hin hambura.
19 Yookiin akka nami taqee ifii gubba'atti dhukkubaan,
dhukkuba hamaa ka yennaa mara lafee isaa bocuun
akka adabamu hin godha.
20 Maarre jiruun isaa waan nyaataa,
gadhaan isaalle sagalee guddoo dansa'aayyuu hin diqata.
21 Foon isaa dhumatee,
lafeen isaa ta dur hin mudhanne yaatee mudhatti.
22 Lubbuun isaa gara boollaatitti
jiruun isaa gara ergantoota du'aa dhikaatteerti.
23 «Karaa sirri'ii ka namaaf mudhisanu,
ergantoota Waaqaa kuma keessaa tokkochi
gara isaa dhufee isa hin qarqaara fa'a te'a.
24 Ergamaan Waaqaalle isaaf mararee,
‹Ani wodoo isaaf dhaggeera;
akka inni gara boollaa gad hin buune godhi› jedhee du'a ajaja.
25 Achiin duuba nafi isaa deebi'ee
akka nafa ijoolle'ee haareffama;
akka yennaa dargaggumma'aalle te'a.
26 Inni Waaqa daadimata;
daadimata isaalle Waaqi hin dhage'a.
Inni fuula Waaqaa dhaggee hin ilillisa;
Waaqille gara addee balchummaa isaatitti
isa hin deebisa.
27 Innille namoota duratti faarfataa,
‹Ani cubbuu hujeera;
waan sirrii te'e daddasseera;
Waaqi ammoo yakkaa tiyya natti hin laakkonne.
28 Inni lubbuun tiyya gara boolla awwaalaa akka hin buune wodeera;
jiruun tiyyalle ifa hin dhaggiti› jedha.
29 «Kunoo, Waaqi deddeebisee
tana mara namaaf hin godha.
30 Inni ifa jiru'uu akka dhagguuf
lubbuu namaa deebisee boolla keessaa hin baasa.
31 «Iyoob, waan ani sitti himu akka dansaa caqasi;
ani hin dubbadha, ati cadhis.
32 Waan jettu yoo qabaatte naa deebis,
ani waan bilisa si baasuuf dubbadhu.
33 Yoo waan jettu hin qabaatin,
cadhisii na caqasi;
anille qarummaa si barsiisa» jedhe.