Kitaaba Yoonaasii Raagichaa
Seensa
Raagi Yoonaasii, kitaaba dabarsi'ii ka raagicha ajaja Waaqaa muummessuu dhabe tokko irratti, rakkoo jadduu dhaqqaddu ka himu waan te'eef, kitaabota raagaa ka dhibii irraa adda ka te'e. Waaqi Yoonaasiin, «Gara qachaa guddaa nyaapha hamaa kolbaa Israa'elii te'e, gara mootii guddaa mootummaa Asiriya'aa biyya Nanawwe'ee dhaqi» jedhee ajaje. Yoonaas ammoo, «Waaqi qachaa san balleessiisaaf ifi eeggachiisa jabaa kenne hujii irra hin oolchu» jedhee waan hedeef, ergaa Waaqaa gara biyya Nanawwe'ee fuudhee geessuu hin feene. Wonni hedduun adda addaa teeteen duuba jaalatuu dhabulle ajajame; raagi badi'iille adoo hin muummowin waan hafeef mufate. Kitaab kun Waaqi dada duudii irratti baallii akka qabu hubachiisa. Waaqi irra caalaa, Waaqa jaalalaatii fi mararti'ii te'uu isaatiin nyaapha kolbaa ifii adabu'uu fi balleessuu irra akka isaaniif araaramuu fi fayyisuu barbaadu hubachiisa.
Haadhoo Dubbi'ii
Waamamiisaa fi ajajama dhabuu Yoonaasii1:1-17
Cubbuu irraa deebi'iisaa fi bayiisa Yoonaasii2:1-10
Erga Yoonaas Nanawwee irratti dubbate 3:1-10
Waaqi kolbaa qachaa Nanawwe'eetiif marare4:1-11
1
Ajajama Dhabuu Yoonaasii
Gaafa tokko jechi Mootii Waan Maraa gara Yoonaasii ilma Amiitaayii dhufee, «Ka'ii, gara Nanawwee qachaa gudda'aa dhaqi; hammeenni namootaa guddatee na bira waan geyeef itti lallabi» jedhe. Yoonaas ammoo, fuula Mootii Waan Maraa duraa baqatee gara ollaa Tarshiishii deemiisaaf ka'ee, ollaa Yoopheetitti gad bu'ee hoboloo guddittii gara Tarshiishii deemaartu dhaggate; inni gatii ittiin deemu kaffaleen duuba, fuula Mootii Waan Maraa duraa gara Tarshiishii baqatiisaaf hoboloo guddittii yaabbatte.
Mootiin Waan Maraa ammoo bubbee jadduu abbaayaa irratti kaase; danbaliin jadduun abbaayaa irratti waan kaateef, hoboloon guddittiin caccabiisaaf dhikaatte. Worri hoboloo san oofu duudiin guddoo sodaatanee, nami marti tokko tokkoon isaatuu gara waaqota ifii iyye. Akka itti sallatuuf meya hoboloo guddittii keessa jiru gara abbaaya'aa gad gatane; Yoonaas ammoo kolloo hoboloo sanii keessa gad bu'ee, addee irkatetti hirriiba hamaa keessa jiraayyu.
Ajajaan hoboloo gudditti'ii gara isaa dhikaatee, «Attam akkana ifi gattee ratta? Ka'ii waaqa keeti waammadhu, takki nuu nayee badii irraa nu hambura fa'a» jedheen.
Worri hoboloo san oofu, «Wonni hantuun tun sababa eennuutiif akka nu irra geette beekiisaaf, kowa'a hixaa buufanna» woliin jedhane. Isaan hixaa buusanee hixaan Yoonaasitti bu'e. Maarre isaan, «Wonni hantuun tun sababa eennuutiif nu irra geette? Hujiin teeti maan? Eessaa dhutte? Biyyi teeti eessa? Gosii maan? Nutti himi» jedhanee isa gaafatane.
Inni deebisee, «Ani nama gosa Ibraawi'ii ti; ani Mootii Waan Maraa Waaqa ol gubba'aa ka lafaa fi abbaayaa dade Waaqonfadha» jedhe.
10 Inni marroo ifii dursee isaanitti waan himeeruuf, akka inni Mootii Waan Maraa duraa baqataaru beekane; tanaaf guddoo sodaatanee, «Wonni ati goote kun maan?» jedhanee isa gaafatane.
11 Danbaliin ittuma jabaataa waan deenteef, isaan, «Akka danbaliin sarmitu maan si goona?» jedhaneen.
12 Yoonaas deebisee, «Rakkoon danbali'ii tun sababa kiyyaaf akka teete hin beeka. Abbaayaa gudditti'itti na gata'a; yoos danbaliin hin sarmiti» jedheen.
13 Jarri ammoo hoboloo guddittii gara lafaa baasiisaaf, haga hunna ifii laaqane*Laaqane: Laaqiis kun mukaan bisaan gurduummatane; lafa tokko tokkotti gurduumane jedhama.; ammoo danbaliin ta qaraa caalaa ittuma waan jabaatteef, hin dandeenne. 14 Maarre isaan bowanee, «Maganne'e Mootii Waan Maraa, sababa lubbuu namicha kanaatiif nu hin balleessin, akka worra nama yakkaa hin qanne ijjeesuutitti nu hin laakkowin; ee Mootii Waan Maraa, ati waan jaalattu gooteerta» jedhane. 15 Achiin duuba Yoonaas fuudhanee abbaaya'atti gatane; danbaliille takkumaan sarmite. 16 Wonni kun jara guddoo waan sodaachitteef, ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessanee, isa tajaajiliisaaf waadaa galane.
17 Ajaja Mootii Waan Maraatiin qurxummiin guddoon takka Yoonaas liqinsitee, innille guyyaa sadii fi halkan sad gadhaa qurxummi'ii keessa bule.

*1:13 Laaqane: Laaqiis kun mukaan bisaan gurduummatane; lafa tokko tokkotti gurduumane jedhama.