Kitaaba Obaadiyaa Raagichaa
Seensa
Kitaab gabaabaan kun dhaloota Kiristoosiitiin dura bara dhibba shanii fi saddeettamii jaatti diigama Yerusaalemiitiin duuba yennaa hin beekkanne keessatti dhaggame; yennaa san Edoomiin kibba gara aduun baatutti dhaggantu, bara dheera'aaf diina Yihuda'aa ta teete, diigama Yerusaalemiititti gammadiisaan, worra Yerusaalem lolu qarqaariisaan qabeenna qachaa Yerusaalemii saamiisatti jirtiiyyu. Edoom diinota Israa'elii dhibii woliin adabbii jaddu'uu fi injifatam akka isii irra dhaqqabu, Obaadiyaan raaga dubbate.
Haadhoo Dubbi'ii
Adabamiisa Edoomii 1-14
Guyyaa Mootii Waan Maraa 15-21
1
Adabamiisa Edoomii
Mudhiin Mootiin Waan Maraa Waaqi marroo biyya Edoomii Obaadiya'atti mudhise asiin jala jirti:
Ergamaan tokko
gara gosa biyya adda addaa ergamee,
«Ka'aa! Dhandhee,
biyya Edoomii lollaa!» jedhuun
ergaa Mootii Waan Maraa irraa dhagganneerra.
Ammalle Mootiin Waan Maraa Edoomiin,
«Kunoo, gosa biyya adda addaa keessatti
akka ati dadhaddu,
ijjumaa akka tuffatantu hin godha.
Ati ka mana keeti
addee ol jette gaara irratti ka ijaarratte,
ka holla dhaka'aa keessa leetu,
‹Eentu lafatti gad na buusa?› ka jettu,
koora keetittuu si sobe.
Ati akka risa'aa gubbaa irra yoo kaatelle,
mandhee teeti urjoota oddu'utti,
yoo ijaarrattelle,
ani achii gad si buusa
Hattuun Yookiin saantuun
halkaniin mana keeti yoo dhufane,
haguma barbaadane qofa fudhatan.
Worri midhaan woyni'ii guuratulle,
woxoo hin lakkisa.
Diinni keeti ammoo
ijjuma si hin balleessa.
Isin sanyiin Esaawuu*Sanyii Esaawuu: Kolbaa Edoomii jedhamuu hin dande'ama.
manni keessan soffameera.
Karri teessan duudiille saamanteerti.
Goliin teeti si sobanee,
biyya teeti keessa si ari'ane.
Jaaloti teeti worri addatamane
dhossa'aan tiyyoo si duratti afanee,
‹Qarummaan isaa meet› jedhane.
Guyyaa sanitti Mootiin Waan Maraa:
Ani qaroolle Edoom keessaa,
worra hubantii qabu
gaara Esaawuu irraa hin balleessu.
Ee qachaa Temaanii!
Loltooti teeti hin bararaqan;
worri gaara Esaawuu irra
jiranu martinuu hin ijjeefaman.
Adabamiisa Edoomii
 
10 «Sanyii Obboleessa keeti Yaaqoobii
hunnaan waan ijjeetteef,
hin qaanotta;
haga bara baraalle hin badda.
11 Guyyaa alagaan karra saame,
worri ormaa dalleya cassee seenee
Yerusaalem irratti hixaa buufate,
atille akkuma worra sanii itti teetee,
irraa fagaattee dhaabbatte.
12 Guyyaa obboleessi keeti rakkatu
isatti qacifatuun,
guyyaa badii kolbaa Yihuda'aa, gammaduun,
guyyaa gadda isaanii geeraruun
si'iif hin malle.
13 Guyyaa badii kolbaa tiyyaa
qachaa isaanii seenuun,
guyyaa badii isaanii itti qacifatuun,
karra isaaniille saamuun
si'iif hin malle.
14 Guyyaa gadda isaanii
qaxxaamura kara'aa irra dhaabbattee
worra baqatanee bayanu qaddee
dabarsitee diinotatti kennuun,
si'iif hin malle.
Mootiin Waan Maraa Gosa Biyya Adda Addaatitti Hin Mura
 
15 «Guyyaan ani Mootiin Waan Maraa
gosa biyya adda addaa maratti muru dhikaateera;
Edoom, akkuma ati nama irratti goote
si'i irralle'etti hin godhama;
hujiin teeti hantuun mataa keetitti hin deebiti.
16 Akkuma kolbaan tiyya
gaara kiyya woyyicha irratti
muduunuu rakko'oo unte,
gosi biyya adda addaa marti
adoo wol irraa hin kutin hin unti;
irra caalaalle hin unti;
akka hin jirrelle hin teeti.
Injifachaa Israa'elii
17 Worri gariin ammoo
gaara Xiyoonii irratti hin hafan,
gaarri Xiyooniille woyyicha hin te'a;
sanyiin Yaaqoobii ammoo
worra lafa isaanii
isaan irraa fudhate irraa
deebifatanee hin fudhatan.
18 Sanyiin Yaaqoobii akka ibiddaa,
sanyiin Yoseefiille
akka bobe'aa te'anee,
sanyii Esaawuu ta akka huuraa
gubanee hin fixan;
sanyii Esaawuu keessaa ka hafu
tokkolle hin jiru.
19 Worri biyya Yihuda'aatiin gara kibbaa jiranu
gaara Esaawuu,
worri gaara jala jiranu ammoo
biyya Filisxeemotaa hin qabatan;
isaan Samaariya'aa fi
lafa sanyii Efreemii hin qabatan;
sanyiin Beniyaaminii ammoo
Giil'aad hin qabatan.
20 Loltooti Israa'elii
worri booji'amee Kana'aan keessa jiru
haga Zaarefa'aatitti hin qabatan;
worri Yerusaalemii booji'amee
Safaaraad jiru
qachoota biyya Yihuda'aa
ka gara kibbaaQachoota kibba Yihuda'aa: Isaan kun qachoota Negebii ti. jiranu hin qabatan.
21 Worri isaan bilisa baasu gaara Xiyoonii irratti
ol bayanee gaara Esaawuu hin bulchan;
yennaa san mootummaan
ta Mootii Waan Maraa hin teeti» jedha.

*1:6 Sanyii Esaawuu: Kolbaa Edoomii jedhamuu hin dande'ama.

1:20 Qachoota kibba Yihuda'aa: Isaan kun qachoota Negebii ti.