Kitaaba Iyaasu'uu
Seensa
Kitaab Iyaasu'uu, kolbaan Israa'elii Iyaasuu addee Muuse'eetitti filameen sooreffamaa woraanaan injifattee, lafa Kana'aanii attam akka qabatte dabarsii hintu. Dabarsii kitaaba kana keessatti barreeffante keessaa gugurdoon marroo laga Yordaanosii bu'iisaa, marroo jinnana Yeriko'oo, marroo woraana qachaa Aayii jedhamutti godhameetii fi marroo haaressiisa gondooroo kolbaan Waaqa woliin goote ta hintu. Kitaaba kana keessatti kutaa guddoo beekkamaa te'e keessaa tokko, «Ka waaqonfattanu adhuma filadha'a; anii fi maatiin tiyya ammoo Waaqa hin waaqonfanna» (24:15) ka jedhu.
Haadhoo Dubbi'ii
Injifatamiisa Kana'aanii1:1—12:24
Hirama lafa13:1—21:45
Lafa laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu13:1-33
Lafa laga Yordaanosii irraa gara aduun seentuu14:1—19:51
Qachoota baqattootaa20:1-9
Qachoota Lewwootaa21:1-45
Gosi karaa aduun baatuu dhutte gara lafa ifii deebite22:1-34
Nageya dhaamiisa Iyaasu'uu23:1-16
Sekemitti gondooroon haareffante24:1-33
1
Waaqi Iyaasuu Ajaje
Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa du'een duuba, Mootiin Waan Maraa qarqaarticha Muuse'ee Iyaasuu ilma Nuniitiin, «Muuseen tajaajilaan kiyya du'eera. Amma atii fi kolbaan Israa'elii tun duudiin ka'a'aatii laga Yordaanosii bu'a'aatii, gara lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kennu sanii dhaqa'a. Ani akkuma Muuse'eef waadaa gale, addee faanti miila keessanii irra ijjattu duudii isiniif hin kenna. Meessaan keessan lafa goomolee kibbaatii ka'ee haga gaara Libaanonii ka kaabaa, laga guddaa Efraaxiisiitii ka'ee, lafa Heetotaa duudii qabatee haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa gara aduun seentuu hin te'a. Iyaasu'u, bara jiruu teetii duudii nami ifi irraa si qabatuu dande'u hin jiru. Akkuma Muusee woliin jiraadhe si wolille'een jiraadha. Ani yennaa maraa si woliin jiraadha; ijjumaa si hin lakkisu. Lafa ani isaaniif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale, akka dhaalanuuf, sooressa kolbaa tanaa waan teetuuf, jabaadhuu, jajjabaadhu. Atummaan jabaadhuu, jajjabaadhu! Seera Muuseen tajaajilaan kiyya si ajaje duudi'iif ajajamuu keeti mirkaneeffadhu. Addee dhaxxu maratti wonni marti qajeelaan akka sii teetu Seera kana irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorin. Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille'e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.
Iyaasuun Kolbaa Ajaje
10 Achiin duuba Iyaasuun sooreyyii kolba'aatiin, 11 «Addee quttumaa dhaqa'aatii kolba'aan, ‹Guyyaa sad keessatti laga Yordaanosii buutanee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennu dhaxxanee akka dhaaltanu, galaa keessan qopheeffadha'a!› jedha'aan» jedhee isaan ajaje.
12 Iyaasuun, gosa Ruubeniitiin, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee gamisaan, 13 «Dubbii Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, lafa tana isiniif kennee isin foorfachiisa› jedhee isin ajaje qaabadha'a. 14 Dubartooti teessan, ijoolleen teessanii fi horiin keessan lafa Muuseen laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kenne keessa turanuu ti; namooti keessan ka meya lolaa hidhatane duudiin ammoo, obboleeyyan ifii Israa'eloota qarqaariisaaf isaaniin dura bu'anuu ti; 15 Mootiin Waan Maraa akkuma isin foorfachiise obboleeyyan teessanille haga foorfachiisu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaaniif kennulle haga fudhatanutti isaan qarqaara'a. Achiin duuba lafa teessan ta Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kennetti deebitanee hin qabattan» jedhe.
16 Isaanille Iyaasu'uun, «Waan ati nu ajajje mara hin goona; gara nu ergitu maralle hin dhandha. 17 Akkuma yennaa mara Muuse'eef ajajanne, si'iifille hin ajajanna; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti callaan akkuma Muusee woliin jiraate, si wolille'een jiraatuu ti. 18 Nami ajaja keeti diduu fi dubbii teetiif hin ajajanne duudiin ijjeefamuu ti; atummaan jabaadhu, jajjabaadhu» jedhaneen.