2
Iyaasuun Worra Dooyu Yeriko'otti Erge
Eega san Iyaasuun ilmi Nunii quttuma lafa Shiixiim jedhantuu keessaa worra dooyu lamaan dhossa'aan ergee, «Dhaqa'aatii lafa san, keessattuu qachaa Yeriko'oo dooya'a» jedhe. Isaan yennaa achi geyane mana dubartii sagaagaltittii, «Rahaab» jedhantu takkaa seenanee, achi bulane. Mooticha qachaa Yeriko'ootitti, «Kunoo, kolbaan Israa'elii gariin lafa dooyiisaaf halkaniin asi dhufaneeran» jedhanee himane. Maarre inni Rahaabitti ergee, «Namooti mana keeti keessa jiranu biyya duudii dooyiisaaf waan dhufaneef, gad baasi!» jedhe.
Dubartittiin sun ammoo namoota lamaan san dhossitee, «Dhuguma, jarri takka gara kiyya dhutteertiiyyu; eessaa akka dhutte ammoo ani hin beeku. Isaan aduun seentee balbalti karra qacha'aa yennaa cufantu bayannee deemane. Karaa isaan itti gorane ani hin beeku; yoo ariifattanee hordottane hin dhaqqaddan» jette. Isiin ammoo jara heellichoo manaa gubba'atti ol baattee muka talba'aa ka achitti afameeru jalatti isaan dhossiteertiiyyu. Namooti mootichi erge sun haga karaa malkaa laga Yordaanosii hordofiisaaf bayaneen duuba karri qacha'aa cufante.
Worri dooyu sun adoo hin rafin, Rahaab heellichoo manaa gubba'atti isaan bira dhaxxee, «Waaqi lafa tana akka isiniif kenne ani hin beeka. Worri biyya tanaa duudiin isin sodaatanee akka gaga'aa baqane. 10 Yennaa isin biyya Gibxi'ii keessaa baatane, Waaqi attam akka abbaayaa diintuu isin duraa gosse, mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii fi Oog worra laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiru attam akka ijjeettanelle dhageenneerra. 11 Nuuti yennaa waan kana dhageenne, sodaannee akka gaga'aa bandhe; nuuti marti addii kutanne; sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan dhugumaan Waaqa ol-gubba'aatii fi lafaa ti. 12-13 Amma akkuma ani waan dansaa isiniif godhe, isinille mana abbaa kiyyaa badii irraa hamburiisaan waan dansaa akka gootanu maqaa Mootii Waan Maraatiin kakadha'a; abbaa kiyya, haadha tiyya, obboleeyyan tiyya, obboleeyyan tiyya ta durraatii fi waan isaanii mara du'a irraa akka hamburtanu, beessisa addachiisu naaf kenna'a» jette.
14 Jarri isi'iin, «Waan amma nuuti hujiisatti jirru kana yoo nama tokkolle'etti himuu dhaddee jiru'uun jiraanne, yennaa Mootiin Waan Maraa lafa tana nu'uuf kennu, isinille akka jiru'uun jiraattanu hin goona» jedhane.
15 Manni Rahaab keessa leetu gara tokkoon dalleya qacha'aa ka dhaka'aatiin wolitti waan ijaarameeruuf, qowa dalleya dhaka'aatiin wodaro'oon isaan gad buuttee, 16 «Worri isin hordofu akka isin hin dhaggine, gara lafa koobitti'ii dhaqa'aatii haga isaan deebi'anutti guyyaa sadii achitti dhokadha'a. Achiin duuba gara deemiisatti jirtanu deemuu dandeettan» jetteen.
17-18 Jarrille isi'iin, «Nuuti lafa qabatiisaaf yennaa dhunnu, wodaroo diintuu tana, karaa qowa gad nu buutte kanaan yoo hin hidhin, abbaa keetii fi haadha teeti, obboleeyyanii fi nama mana abbaa keetii mara mana keeti keessatti yoo wolitti hin qabin, kakuu ati nu galchite tanaaf hin komatannu. 19 Eennuulle mana keeti keessaa yoo gad baye, dokonkoruma ifiitiin du'e; nuuti itti hin gaafatannu; nama si woliin mana keessa jiru tokkocha irralle'etti miidhaan yoo dhaqqadde ammoo, nuuti itti hin gaafatanna. 20 Teetuu malee waan nuuti hujiisatti jirru kana yoo hinte, kakuu ati nu kakachiitte si'iif hin guunnu» jedhaneen. 21 Isiin, «Akkuma isin jettane teetuu ti» jettee, isaan lakkitte. Yennaa isaan deemane, wodaroo diintuu qowa san irratti hiite.
22 Worri isaan hordofu karaa mara irra barbaadee isaan dhabee haga deebi'utti, worri dooyu gara lafa koobitti'ii dhaqanee guyyaa sad achitti dhokatane. 23 Achiin duuba namooti dooyanu lamaan sun lafa koobittii irraa gadi bu'anee, laga Yordaanosii bu'anee gara Iyaasuu ilma Nunii dhufanee, waan isaan irra geye duudii itti himane. 24 Isaan, «Waaqi dhugumaan lafa duudii harka keennatti dabarsee nuuf kenneera. Kolbaan achi jirtu duudiille sodaattee akka gaga'aa baxxeerti» jedhanee Iyaasu'utti himane.