19
Lafa Gosa Shimi'ooniitiif Kennante
1 Hixaan lammeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Shimi'ooniitiif bu'e. Latti isaanii haga lafa gosa Yihuda'aatiif kennantee gara keessaa seenteerti. 2 Tunille Bersheebaa, Shemaa, Molaadaa, 3 Hazaar-Shu'aal, Baalaa, Azem, 4 Eltolaad, Bet-Hul, Hormaa, 5 Siiqlaag, Bet-Markaboot, Hazaar-Susaa, 6 Bet-Labaa'otii fi Shiruheen: qachoota gugurdaa kudha sadii fi qachoota adaala sanii ti.
7 Ammalle Aayin, Rimoon, Taakaan, Eter fi Ashaan: qachoota gugurdaa afurii fi qachoota adaala sanii ti. 8 Kun qachoota adaala qachoota gugurdaa kanaa ka Ba'alaat-Be'erii irraa gara kibbaa jiru mara dabalata. Latti gosi Shimi'oonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane tana. 9 Latti gosa Yihuda'aatiif kennante haga isaaniif barbaachittu caalaa waan badhatteef, lafa isaanii irraa gosa Shimi'ooniitiif kennante.
Lafa Gosa Zebulooniitiif Kennante
10 Hixaan sadeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Zebulooniitiif bu'e. Latti isaan fudhatane haga Saariidititti deenti. 11 Meessaan isaanii karaa aduun seentuu gara Maaraalaa dhaqee, Dabesheetii fi laga Yaakne'aamii gara aduun baatuu tuqa. 12 Karaa dhibi'iin Saariid irraa gara aduun baatuu deebi'ee, haga meessaa Kislot-Taaborititti deemee, haga Daabera'aatii fi Yaafii'aa dhaqa. 13 Achille'ee karaa aduun baatutti gara Gaat-Heferii fi Iit-Kaaziinii deemee, gara Rimoona'aa dhaqee Ne'aahititti deebi'a. 14 Gara kaabaatiin Hanaatonitti deebi'ee, dhooqa Yiftaa-Elitti dhaabbata. 15 Kunille Kataat, Naahaalal, Shimroon, Yiiraalaa fi Betlihem: qachoota gugurdaa kudha lamaa fi qachoota adaala san jiru dabalata. 16 Qachoota gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Zebuloonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
Lafa Gosa Yisaakoriitiif Kennante
17 Hixaan arfeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Yisaakoriitiif bu'e. 18 Latti isaanii Yizre'el, Kesuloot, Shuneem, 19 Haafara'iim, Shi'on, Anaharaati, 20 Rabit, Qiishon, Ebez, 21 Remet, En-Gaaniim, En-Hadiidii fi Bet-Phaazez. 22 Meessaan kun ammalle Taabor, Shaziima'aa fi Bet-shemeshi tuqee, laga Yordaanosiititti dhaabbata. Kunille qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala sanii dabalata. 23 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Yisaakorii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
Lafa Gosa Asheeriitiif Kennante
24 Hixaan shaneesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Asheeriitiif bu'e. 25 Latti isaanii Helqaat, Haalii, Beteen, Akshaaf, 26 Alaamelek, Amaadii fi Miishaal; karaa aduun seentuun Qarmelii fi Shiihor-Liibnaat tuqa. 27 Achii ka'ee karaa aduun baatu deebi'ee gara Bet-daagonii dhaqee, karaa kaaba Bet-emekiitii fi Nii'eliitiin Zebuloonii fi dhooqa Yiftaa-Elitti tuqa. Achii ka'ee gara kaaba Kaabulii, 28 Abdoonii, Rehoobii, Haamonii fi Qaana'aa dhaqee haga Sidoonaa gudditti'ii deema. 29 Achiin duuba meessaan gara Raama'aa deebi'ee haga qachaa Xiiroosii ka dalleya dhaka'aa qabuu ti; achille'ee gara Hosaahii deebi'ee Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. Kunille Maahilaa, Akziib, 30 Umaa, Afeqii fi Rehoob: qachoota gugurdaa diddamii lamaa fi qachoota adaala sanii dabalata. 31 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Asheerii akka maatii maatii isaanitti fudhatane keessa jiran.
Lafa Gosa Niftaalemiitiif Kennante
32 Hixaan jayeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Niftaalemiitiif bu'e. 33 Meessaan isaanii Helefii ka'ee haga qilxaa Zaa'anaaniim jiruu deemee, Adaamii-Neqebnii fi Yaabnii'el irra bayee haga Laquumii geyee laga Yordaanosiititti dhaabbata. 34 Achiin duuba gara aduun seentuun Aaznot-taaboriitti deebi'ee, gara Hoqonii deemee, gara kibbaatiin Zebuloon, gara aduun seentuun Asheer, gara aduun baatuun laga Yordaanosii tuqa. 35 Qachooti gugurdaan dalleya dhaka'aa qabanu Ziidiim, Zer, Haamaat, Raaqaat, Keneret, 36 Aadaamaa, Raamaa, Hazoor, 37 Qedeesh, Edraayi, En-Hazoor, 38 Yiroon, Migdaal-El, Horeem, Bet-anaatii fi Bet-shemeshi: qachoota gugurdaa kudhanii sagalii fi qachoota adaala sanii ti. 39 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Niftaalemii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
Lafa Gosa Daaniitiif Kennante
40 Hixaan torbeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Daaniitiif bu'e. 41 Latti isaanii Zoraa, Eshtaa'ol, Iir-Shemesh, 42 Sha'aalbiim, Ayalon, Iitlaa, 43 Eloon, Tiimnaa, Eqroon, 44 Elteqee, Giibetoon, Ba'aalaati, 45 Yehud, Azor Bene-Beraaq, Gaat-Rimoon, 46 Miiyaarqon, Raaqonii fi lafa fuullee Yophe'ee ti. 47 Kolbaa Daanii irraa latti yennaa fudhatante, gara biyya Laashemii dhaqanee lolanee, worra achi keessa le'u fixanee qachaa san qabatanee, ka ifii godhatane. Isaan achi qubatanee maqaa qachaa Laashemii jijjiiranee maqaa Abbaa ifii duriitiin, «Daan» jedhanee moggaasane. 48 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Daanii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
Lafa Dhuma Irratti Iyaasu'uuf Kennante
49 Kolbaan Israa'elii lafa qoodanee yennaa fixane, Iyaasuu ilma Nuniitiifille lafa kennane 50 Akkuma Waaqi ajajetti qachaa Tiimnat-Seraa ka biyya koobittii Efreemii keessa ka Iyaasuun fudhatiisaaf gaafate, kennaneef. Inni achitti qachaa guddicha deebisee ijaaree itti qubate.
51 Hayyichi Ele'azaar, Iyaasuun ilmi Nuniitii fi sooreyyiin maatii gosa kolbaa Israa'elii Shiilo'otti fuula Waaqaatii fi Dunkaanii Woldeenna'aa duratti lafa tana hixaa buusanee qoodane. Isaan akka kanaan lafa qoodanee fixane.