20
Qachoota Itti Baqatanu
(Lak. 35:9-34)
Achiin duuba Waaqi Iyaasu'uun, «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Ani akkuma karaa Muuse'eetiin isin ajajetti qachaa itti baqatanu fila'a. Nami tokko adoo hin beekin danu'uun nama yoo ijjeese, nama haluu bayiisaaf isa barbaadu jalaa achi baqata. Inni qachoota san keessaa gara tokkootitti yennaa baqatu, seensuma karra qachaa sanii dura dhaabbatee haajaa ifii jaarsolee qachaa saniititti himata. Achiin duuba akka inni qachaa san seenu eeyyamanee, addee inni le'u kennan; maarre inni achi keessa le'a. Nami isa haluu bayiisaaf barbaadu sun yoo hordofe, nami nama ijjeese sun adoo hin beekin danu'uun waan ijjeeseef, worri qachaa sanii nama haluu isa bayiisaaf barbaadutti dabarsee kennuu hin qabu. Nami nama ijjeese sun mura'aaf kolbaa duratti haga dhikaatuu fi hayyichi guddaan bara sanii haga du'utti qachaa san keessa turuu ti. Achiin duuba gara qachaa keessaa baqatee deebi'ee mana ifiititti galuu ti› jedhi» jedhe.
Maarre Israa'elooti Qedeeshii Galiilaa keessaa, biyya koobittii Niftaalem keessaa, Sheekemii biyya koobittii Efreemii keessaa, kiriiyat-Arbaa ta amma Hebroon jedhantu ta biyya koobittii Yihuda'aa keessaa filane. Laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuun, Bezerii fuullee Yeriko'oo lafa gooroo goomolee biyya gosa Ruuben keessaa, Raamoot ta Giil'aadii biyya Minaase'ee keessaa, Golaan ta Baashaanii biyya Minaasee keessaalle filane. Kolbaa Israa'eliitii fi orma odduu isaanii le'u maraaf qachaan akka itti baqatanuuf filame kana. Eennulle adoo hin beekin danu'uun nama yoo ijjeese, nama haluu isa bayiisaaf barbaadu jalaa achi baqata; eennulle adoo kolbaa duratti qara itti hin muramin hin ijjeefamu.