21
Qachoota Lewwootaaf Kenname
1 Sooreyyiin maatii Lewwootaa gara hayyicha Ele'azaarii, gara Iyaasuu ilma Nuniitii fi gara sooreyyii maatii kolbaa Israa'elii duudi'ii dhaqane. 2 Kana'aan keessa qachaa Shiilo'ootitti isaaniin, «Qachooti keessa leenuu fi adaala sanitti lafa horii keenna itti tiffannulle akka nu'uuf kennamanu Waaqi karaa Muuse'eetiin ajajeera» jedhane. 3 Tanaaf kolbaan Israa'elii akkuma Waaqi ajajetti gosa Lewwi'iitiif qachootaa fi lafa horii itti tiffatanu lafa ifii keessaa kennaneef.
4 Hixaan matoomaa maatii Qehaatotaatiif bu'e. Gosa Lewwi'ii keessaa sanyii hayyicha Aaroniitiif qachoota kudhanii sad lafa gosa Yihuda'aa, gosa Shimi'ooniitii fi gosa Beniyaamii keessaa kennameef. 5 Fira Qehaatotaa worra hafeef qachoota lafa gosa Efreemii keessaa, gosa Daanii keessaa, gamisa gosa Minaase'ee gara aduun seentuu keessalle'ee qachooti kudhan kennameef.
6 Fira Gerishoniitiif lafa biyya Yisaakor, Aheer, Niftaalemii fi gamisa gosa Minaase'ee ta Baashaan keessaatiif qachooti kudha sad kennameef.
7 Fira Meraariitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa Ruubenii, Gaadiitiif fi Zebuloonii keessaa qachooti kudhanii lama kennameef.
8 Kolbaan Israa'elii akkuma Waaqi karaa Muuse'eetiin isaan ajajetti, hixaa buusanee qachoota kanaa fi lafa isaan horii itti tiffatanu gosa Lewwi'iitiif kennane.
9 Lafa gosa Yihuda'aatii fi Shimi'oon keessaa qachoota maqaan isaanii asii gad jiru kennaneef. 10 Hixaan matoomaa sanyii Aaronii fira Qehaatotaa, gosa Lewwi'iitiif waan bu'eef isaanii kenname. 11 Qachaa biyya koobittii kiriiyat-Arbaa*Arabaa: Arabaan kun abbaa Aanaaqotaa ti. ka «Kebroon» jedhamu, lafa tikaa ta adaala san jirtu woliin kennaneef. 12 Teetuu malee fichaan qachoota gugurda'aatii fi qachoota adaala sanii Kaalebii ilma Yofune'eetiif akka lafa isaatitti kennamaneef.
13 Sanyii hayyicha Aaroniitiif, qachaa nami nama ijjeese itti baqatu keessa tokko ka te'e Kebroonitti dabalanee, Liibnaa lafa horii itti tiffatanu woliin, 14 Yaatiir lafa horii itti tiffatanu woliin, Eshtemo'aa lafa horii itti tiffatanu woliin, 15 Holoon lafa horii itti tiffatanu woliin, Deebirin lafa horii itti tiffatanu woliin, 16 Ay'eeniin lafa horii itti tiffatanu woliin, Yutaahaa fi Bet-Shemeshin lafa horii itti tiffatanu woliin: gosa Yihuda'aatii fi Simoonii keessaa qachoota gugurdaa sagal kennane. 17 Lafa Beniyaamii keessaa qachoota gugurdaa afur: Giibe'on lafa horii itti tiffatanu woliin, Gebaasin lafa horii itti tiffatanu woliin, 18 Anaatoti lafa horii itti tiffatanu woliin, Almoonin lafa horii itti tiffatanu woliin kennane. 19 Wolumatti qachooti gugurdaan kudhanii sad lafa horii itti tiffatanu woliin hayyicha Aaroniif kennamane.
20 Maatii gosa Lewwootaa fira Qehaatotaa worra hafeef, qachooti gugurdaan gariin lafa Efreemii keessaa kennameef. 21 Qachooti gugurdaan afur: qachaa nami nama ijjeese itti baqatu Sheekemii fi lafa horii itti tiffatanu biyya koobittii Efreemii keessaa, Gezer lafa horii itti tiffatanu woliin, 22 Kibzaayimii fi Bet-Horoonin lafa horii itti woliin kennane. 23 Lafa Daanii keessaa qachoota gugurdaa afur: Elteqee lafa horii itti tiffatanu woliin, Giibetoon lafa horii itti tiffatanu woliin, 24 Ayalon lafa horii itti tiffatanu woliin, Gaat-Rimoon lafa horii itti tiffatanu woliin kennane. 25 Lafa Minaase'ee ta gara aduun seentuu keessaa qachoota gugurdaa lama: Ta'anaa fi Gaat-Rimoon lafa horii itti tiffatanu woliin kennane. 26 Maatiin fira Qehaatotaa worri hafe kun, wolumatti qachoota gugurdaa kudhan lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
27 Goliin gosa Lewwootaa firri Gershoonii dhibiin, lafa Minaase'ee ta gara aduun baatuu keessaa qachoota gugurdaa lama: Golaanii Baashaan keessaa qachaa itti baqatanu keessaa tokko ka te'ee fi Ashitaaroti lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 28 Lafa Yisaakorii keessaa qachoota gugurdaa afur: Qeshoon lafa horii itti tiffatanu woliin, Daaberaatin lafa horii itti tiffatanu woliin, 29 Yarmuut lafa horii itti tiffatanu woliin, En-Gaaniim lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 30 Lafa Asheerii keessaa qachoota gugurdaa afur: Mishaalin lafa horii itti tiffatanu woliin, Abdoon lafa horii itti tiffatanu woliin, 31 Helqaatii lafa horii itti tiffatanu woliin, Rehoob lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 32 Lafa Niftaalemii keessaa qachoota gugurdaa sad: Qedeeshii Galiilaa keessaa qachaa itti baqatanu keessaa tokko ka te'e lafa horii itti tiffatanu woliin, Hamoot-Door lafa horii itti tiffatanu woliin, Qaartaan lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 33 Maatiin fira Gershoonii akka maatii maatii isaaniititti wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii sad lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
34 Firri Meraarii gosi Lewwootaa worri hafe, lafa Zebuloonii keessaa qachoota gugurdaa afur: Yaakon'an lafa horii itti tiffatanu woliin, Qaartaa lafa horii itti tiffatanu woliin, 35 Diimnaa lafa horii itti tiffatanu woliin, Naahaalal lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 36 Lafa Ruubenii keessaa qachoota gugurdaa afur: Bezer lafa horii itti tiffatanu woliin, Yaahazaa lafa horii itti tiffatanu woliin, 37 Qedemoot lafa horii itti tiffatanu woliin, Mefaat lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 38 Lafa gosa Gaadii keessaa qachoota gugurdaa afur: Raamootii Galii'aad keessaa, qachaa nami nama ijjeese itti baqatu, lafa horii itti tiffatanu woliin, Mahanaayim lafa horii itti tiffatanu woliin, 39 Heshiboon lafa horii itti tiffatanu woliin, Yaazer lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 40 Maarre firri Meraarii gosa Lewwoota worra hafeef, wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii lama kennane.
41 Lafa kolbaan Israa'el qabatte keessaa lafa horii itti tiffatanu woliin wolumatti qachoota gugurdaa afurtamii saddeeti, Lewwootaaf kennane. 42 Qachooti kun tokko tokkoon isaaniituu adaala ifiititti lafa horii itti tiffatanu qaban.
Israa'elooti Lafa Fudhatane
43 Maarre Waaqi lafa abbootii isaaniitiif kenniisaaf waadaa gale duudii Israa'elootaaf kenne. Isaan lafa san fudhataneen duuba achii le'ane. 44 Waaqi akkuma abbootii isaaniitiif waadaa galetti lafa isaanii duudii keessatti nageya isaanii kenne. Diinota isaanii duudii irratti Waaqi injifachaa waan kenneef, diinota isaanii mara keessaa tokkolle isaan dura dhaabbatuu hin dandeenne. 45 Waaqi waadaa kolbaa Israa'eliitiif gale tokkolle adoo hin hafin muummesse.