9
Aaronii Fi ilmaan Isa Ciincaa Dhikeessuu Jalqabane
1 Muuseen guyyaa saddeetesso'oo Aaronii fi ilmaan isaa, jaarsolee Israa'elootaalle waame. 2 Inni Aaroniin, «Kennansa araara cubbuu teetiitiif dhikaatu dardara tokko, kennansa gubamuuf korbeessa hoole'ee tokko, lamaanuu ka fafa hin qanne fuudhiitii fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessi. 3 Achiin duuba Israa'elootaan, ‹Kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu korbeessa re'e'ee tokko, kennansa gubamuufille jibicha woggaa tokkootii fi korbeessa hoole'ee ka woggaa tokkoo lamaanuu ka fafa hin qanne fuudha'a! 4 Adha Mootiin Waan Maraa waan isinitti mudhatuuf, Kennansa tokkumma'aatiif kormaa fi korbeessa hoole'ee, kennansa midhaanii ka zayiti'iin sukkuumame woliin ciincessiisaaf Mootii Waan Maraa dura dhikeessa'a› jedhiin» jedhe.
5 Isaan waan Muuseen ajaje mara Dunkaanii Woldeenna'aa dura fidane; wolde'i duudiin dhufanee fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbatane. 6 Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Ulfinni Mootii Waan Maraa akka isinitti mudhatuuf, tun waan Mootiin Waan Maraa isin ajaje» jedhe. 7 Muuseen ammalle Aaroniin, «Addee ciinca'aa dhaqiitii, kennansa keeti ka araaraa cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa keeti ka gubamu ciincessiitii, kolba'aa fi ifiifille gumaa cubbu'uu kenni. Akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti marroo kolba'aatiif kennansa dhikeessiitii gumaa cubbuu isaanii kenni» jedhe.
8 Maarre Aaron gara addee ciinca'aa dhaqee, jibicha araaraa cubbuu isaatiif dhikaate san qale. 9 Ilmaan isaa dhiiga jibichaa san isatti fiddee, inni quba ifii dhiiga san keessa cuuphee gaafota addee ciinca'aa san dibe; ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaase. 10 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu irraa moora, kalattii lamaanuu, qaccee tiru'uu addee ciinca'aa irratti gube. 11 Inni foonii fi gogaa addee quttumaatiin alatti ibiddaan gube.
12 Achiin duuba inni kennansa gubamu san qale. Ilmaan isaa dhiiga jibichaa isatti fidanee, inni cinaa addee ciinca'aa maratti dhangalaase. 13 Ilmaan isaa kennansa gubamiisaaf qalame san kukkuttee mataa woliin isatti fidde. Innille addee ciinca'aa irratti gube. 14 Achiin duuba inni meya gadha'aatii fi manyee dhiqee kennansa gubamu woliin addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu irratti gube.
15 Achiin duuba Aaron kennansa marroo kolba'aa dhikeesse. Korbeessa re'e'ee ka araara cubbuu kolba'aatiif dhikaate san fuudhee qalee, akkuma qara araara cubbuu ifiitiif dhikeesse san araara cubbu'uutiif dhikeesse.
16 Inni horii kennansa gubamuuf dhikaate san fidee akkuma seeraatitti ciincaa dhikeesse. 17 Inni kennansa midhaaniille fidee, ooboo tokko irraa fuudhee, ciincaa ganama ganama dhikaatutti ede'ee addee ciinca'aa irratti gube.
18 Aaron kormaa fi korbeessa hoole'ee ka marroo kolba'aa kennansa tokkumma'aatiif dhikaate san qale. Ilmaan isaa dhiiga horii sanii isatti fidanee, inni cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaase. 19 Ilmaan Aaronii moora kormaatii fi moora korbeessa hoole'ee, duma isaa, moora meya gadha'aa, kalattii lamaanuu, qaccee tiru'uulle fuudhanee, 20 cormii kormaatii fi korbeessaa san irra keyane; Aaronille moora san mara addee ciinca'aa irratti gube. 21 Akkuma Muuseen ajajetti cormi'ii fi luka gara middaa, kennansa tachoofamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeesse.
22 Achiin duuba Aaron harka ifii gara kolba'aa diriirsee isaan eebbise; ciincaa araara cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesseen duuba gad bu'e.
23 Muuse'ee fi Aaron gara dunkaanii woldeenna'aa seenane; isaan yennaa gad bayane kolbaa eebbisane; ulfinni Mootii Waan Maraalle kolbaa san maratti mudhate. 24 Ibiddi Mootii Waan Maraa biraa gad bu'ee kennansa gubamuu fi moora addee ciinca'aa irra jiru san mara nyaatee fixe; kolbaan marti waan kana dhagganee, gammadanee ilillisaa gad gombifamane.