10
Du'a Naadaabii fi Abiihu'uu
1 Ilmaan Aaronii, Naadaabii fi Abiihuun girgiraa ifii fudhatanee, ibidda itti naqanee, hixaanalle itti naqane; ibidda inni hin ajajin Mootii Waan Maraa dura dhikeessane. 2 Maarre ibiddi Mootii Waan Maraa biraa dhufee, gubee isaan fixe; isaanille Mootii Waan Maraa duratti du'ane. 3 Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Kun waan Mootiin Waan Maraa qara yennaa dubbate,
«‹Ani worra gara kiyya dhikaatu oddu'utti
woyyummaa tiyya hin mudhisa;
kolbaa mara duratti
ulfinna hin dhaggadha› jedheera» jedhe.
Aaron garuu womaa hin dubbanne.
4 Muuseen Miishaa'elii fi Elzaafaan ilmaan Uzii'elii abbaa diqqaa Aaronii waamee, «Kowa'aatii reeffa ilmaan obboleessa keessanii addee woyyittii tana irraa fageessa'aatii, addee quttumaatiin alatti baasa'a» jedhe. 5 Maarre isaanille dhufanee akkuma muuseen isaan ajajetti, akkuma isaan qoloo haga miilaa dheerattu uffatane saniin reeffa isaanii ba'atanee addee quttumaatiin alatti baasane.
6 Achiin duuba Muuseen Aaronii fi ilmaan Aaronii Ele'azaarii fi Itaamaariin, «Isin akka hin duuneef, Mootiin Waan Maraa kolba'atti akka hin mufanne, gadditanee rifeensa mataa keessanii filatiisa hin dhabina'a! Woyaa teessanille hin tarsaafatina'a! Garuu obboleeyyan teessan ta Mootiin Waan Maraa ibiddaan fixe saniif firri keessan Israa'elooti marti bowuu hin dande'an. 7 Mootiin Waan Maraa zayitii muudaa ta ifiitiin waan isin muudeeruuf, akka hin duuneef seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duraa hin deemina'a» jedhe. Isaanille akkuma Muuseen isaan ajaje godhane.
Seerata Hayyootaaf Kenname.
8 Mootiin Waan Maraa Aaroniin, 9 «Akka hin duuneef atii fi ilmaan teeti Dunkaanii Woldeenna'aa yennaa seentanu daadhii woyni'ii yookiin untoo nama macheessitu hin unina'a. Kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. 10 Isin waan woyyuu te'ee fi waan woyyuu hin te'in, waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'inii fi waan qulqulluu te'e gargar baasa'aa beeka'a. 11 Seerata ani Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kenne mara kolbaa Israa'elii barsiisa'a!» jedhe.
12 Muuseen Aaronii fi ilmaan Aaronii worra hafe Ele'azaarii fi Itaamaaniin, «Kennansi midhaanii ka kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu irraa hafe sun kennansa irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, fuudha'aatii, uukoo malee bukeessa'aatii, addee ciinca'aa biratti nyaadha'a. 13 Kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa kun qooda keetii fi qooda ilmaan teetii waan te'eef, addee woyyitti'itti isa nyaadha'a! Ani tana ajajameera. 14 Atii fi ilmaan teeti, durri teetille cormii tachoofantee fi luka ol fuudhante san nyaadha'a. Kun kennansa tokkumma'aa ka Israa'elooti dhikeessitu keessaa qooda keetii fi ijoollee teetii waan te'eef, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu teetetti nyaadha'a. 15 Luki ol fuudhantee fi cormiin kennansa tachoofamuuf dhikaatte sun, moora kennansa ibiddaan gubamuuf dhikaate, ka kennansa tachoofamuuf Mootii Waan Maraatiif akka dhikaatu kenname woliin dhikaatuu ti. Kun akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti haga bara baraa qooda keetii fi qooda ijoollee teetii hin te'a» jedhe.
16 Muuseen korbeessa re'e'ee ka kennansa araara cubbu'uutiif dhikaate san yennaa jabeessee iyyaafate, akka inni gubameeru beekee, ilmaan Aaronii worra hafe, Ele'azaarii fi Itaamaaritti aaree, 17 «Kennansi araara cubbu'uutiif dhikaate sun kennansa irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, isin maaf addee woyyitti'itti nyaatuu dhaddane? Mootiin Waan Maraa akka isin fuula isaa duratti gumaa kennitanee kolbaa irraa yakkaa akka balleessitanu isiniif kenneeyyu. 18 Dhiigi korbeessaa sun gara addee woyyitti'ii waan seenuu dhabeef, akkuma ani isin ajajetti silaa isin korbeessa san addee woyyitti'itti nyaatuu qaddaniiyyu» jedhe.
19 Aaronille deebisee Muuse'een, «Kunoo, isaan adha kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa gubamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessaneeran; wonni akkasii kun analle dhaqqaddeerti; ani adha kennansa araara cubbu'uutiif dhikaate kana adoo nyaadhee jiraadhee silaa Mootiin Waan Maraa natti hin gammadaa ree?» jedhe. 20 Muuseelle dubbii tana yennaa dhage'e gammade.